Addunyaarratti biyyoota kamtu buna baayyee dhuga?

Ganama, guyyaafi galgala; kaabaa hanga kibbaatti, bahaa hanga lixaatti; baadiyaafi magaalaatti bunni Itoophiyaa keessatti bakka itti hin dhugamne hin jiru jechuun ni danda'ama.

Namni 'buna dhugaa' ykn 'bunni haa danfu' waliin jechuun waan guyyuu dhaga'amuda.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhimma aadaa, saayisiifi barnootaarratti kan hojjetu UNESCOn, bunni Itoophiyaaf waan hundadha jedha.

Bunni bakka hunda, sagantaa kamiyyurratti dhiyaata. Itoophiyaatti bunni jiruufi jireenya ummatichaa guyyaa guyyaa keessatti ijoodha jedha jaarmiyaan kun.

Baadiyyaa biyyattii keessatti ollaan dabareen buna danfisee wal waamee hanga si'a sadii jabanaa dhaabee waliin dhuguutti dabarsa.

Magaalaa guddoo Finfinnee dabalatee magaalota Itoophiyaa hunda keessattis daandiirratti, kaaffeefi hoteela keessatti hanga bunaa kan dhugamu hin jiru.

Buna omishuun Afrikaa keessatti tokkoffaa, addunyaarratti ammoo shanaffaa kan taate Itoophiyaan, buna omishtu keessaa gara caalu biyya keessatti dhugatiif oolfatti jedha gabaasni gabaa bunaa 2025/26.

Kanaaf, Itoophiyaan buna dhuguun addunyaarratti sadarkaa qabdi jettanii yaadduu?

Waa'uu! Dubbiin akka biraati.

Bakka bunni hawaasa biyyattii keessatti qabuufi jireenya guyyuu keessaa waan hin dhabmneef buna dhuguutin Itoophiyaan sadarkaa duraarra waan jirtu isinitti fakkaachuu mala. Garuu Itoophiyaan biyyoota isheeraa buna bitatan dabalatee addunyaarratti biyoota buna dhguun sadarkaa tokkoo hanga 10 jiran keessayyu hin jiru.

Dhaabbanni 'World Population Review' jedhu gabaasa mata-duree "Cofee Consumption by Country 2025' jedhuun qopheesseen fayyadama bunaa biyyootaa akkaataa lamaan ilaaleera.

Inni jalqabaa sadarkaa biyyootaa hanga buna waliigalaa waggaatti fayyyadamanin irratti argaman yoo ta'u, inni lamaffaan ammoo hanga buna tokkoon tokkoo namaa wagga keessatti fayyadamuunidha.

Osoo sadarkaa biyyootaa hanga buna fayyaamaniitiin hin ibsiin dura, waa'ee bunaa waan hubachuu qabdan muraasa isiniif dhiyeessina.

Waa'ee bunaa kan beekuu qabdan keessaa..

  • Bunni addunyaarratti dhugaatii alkoolii hin taane baayyisee baratamaa ta'e yoo ta'u, urgaa jaallatamaafi qabiyyee 'caffeine' jedhamu nama dadammqsu [si'eessu] qabudha.
  • Bunni ija bunaa muka sanyii 'Coffea' jedhamu siriin isaa Afrikaa Sahaaraa gadirraa [Itoophiyaa]irraa akka ta'e amanamurraa argamutu akaa'amee, daakamee danfifamee dhugama.
  • Maddi ykn ka'umsi bunaa Itoophiyaa akka ta'etti amanama. Kana jechuun Itoophiyaatu addunyaaf gumaache jechuudha.
  • Akka seenaan achii dhuftee bunaa agarsiisutti, tiksituu re'ee Kaaldii jedhamuti jalqaba buna kana argate. Kaldiin re'oonni isaa inni tiksaa ture ija bunaa muka bunaarraa nyaatanii booda dadammaquufi cimuu isaanii argee innis ija bunaa ciree danfisee dhuge jedhama.
  • Jaarraa 15ffaa keessa manneen bunaa guutummaa Tarkii, peershiyaa, Sooriyaa fi Arabiyaa keessatti beekamuu jalqaban.
  • Bunni gara Awurooppaa kan seene jaarraa 16ffaa keessa ta'us, dhugaatii kaafiraa ykn 'cubbuu ta'edha jechuun biyyoonni Awurooppaa hedduun dhorkanii ture. Haata'u malee, erga Poop Kileement VIII (1536-1605) ofii isaatii shiinii tokko dhugeen booda bunni akka dhugau mirkaneessee booda buna dhuguun Awurooppaafi Ameerikaa keessatti babal'ate. Walakkeessa jaarraa 17ffaa keessa, Landan qofti manneen bunaa 300 ta'an saayintistoonni, artistoonnii, barreessitoonni, daldaltoonniifi namoonni siyaasaa walitti qabamanii halkan guutuu buna dhugan qabdi ture.
  • Har'a bunni biyyoota tirooppikaal ta'an 70 ol keessatti omishamee eessattiyyu dhugamaa jira.
  • Bunni addunyaarratti zayita boba'aatti aanee mi'a alatti argamuun sadarkaa lamaffaa qabatedha.
  • Addunyaarratti namoonni biliyoona 1 ol ta'an buna guyyaa guyyaan dhugu
  • Addunyaarratti guyyaatti buna shiinii biliyoona 2.25tu dhugama.
  • Namoota buna dhgan keessaa %83 kan ta'an saatii cereerratti buna dhugu.

Bara 2025/26 addunyaarratti bunni dhugamu dabaluun rikkardii haaraatu galmaa'a

Akka ragaan 'World Population Review' agarsiisutti, buna omishuun addunyaarratti Biraazil, Veetinaam fi Kolombiyaan biyyoota duraafi duubaan sadarkaa tokkooffaatii hanga sadaffaatti qabatanidha.

Itoophiyaan ammaa akka ragaa kanaatti omisha bunaan Afrikaarraa tokkoffaa, addunyaarraa shanaffaarratti argamti.

Waggootaan dura biyyoota Iskaandineeviyaa waqtiin Gannaa dheeraa, dukkanaafi qorraa ta'e bunni akka barbaadamu waan taasisuuf bunni mataa nama tokkoon addunyaarratti dhugamu inni baayyee olaalaan kutaa addunyaa kana keessatti ture.

Erga dhiyootiin asitti garuu, namoonni akka malee buna dhuguu jaallatan guutummaa maappii addunyaarratti argamu.

Ameerikaa keessatti, giddu galeessaan namni tokko waggaa tokko keessatti buna kiiloo 4.7 yn 10.3 lbs fayyadama ykn dhuga. Kun ammoo akka nama dhuunfaatti buna namni tokko fayyadamuun Ameerikaan akka sadarkaa 67 taatu godheera. Ameerikaa keessatti namni tokko giddu galeessaan guyyaa tokkotti buna shiinu sadii dhuga jechuudha.

Akka gabaasa Qajeelcha Qonnaa US (USDA)tti, bara 2025/26 bunni guutummaa addunyaarratti dhugamu dabalee keeshaa kg 60 qabatu miliyoona 169.4 ta'a jedhamee eegama. Kun ammoo kan bara darbe 2024/25 keeshaa miliyoona 166.5 irraa ka'ee dabaluun rikkardii haaraadha.

Kanaaf ammoo sababiin tokko biyyi ummata baayyee qabdu Chaayinaan fedhii ummannishee bunaaf qabdu dabaluun addunyaarratti buna baayyee fayyadamuun sadarkaa ja'affaatti guddachuusheeti.

Gatiin bunaa baayyee dabalaa dhufellee, fedhiin bunaa jiru hir'achuurra akkuma jirutti itti fufeera.

Addunyaarratti biyyonni buna fayyadamuun sadarkaa 1-10 jiran duraa duubaan: Ameerikaa, Jarmanii, Filiippiins, Jappaan, Biraazil, Raashiyaa, Xaaliyaan, UK, Faransaay , Veetinaam yoo ta'an, Itoophiyaan sadarkaa 14ffaa irratti argamti.

Biyya lammileen isaanii dhuunfaan buna baayyee dhuganiin ammoo biyyoota Awurooppaa, keessumaa warra biyyoota Iskaandineeviyaa jedhamanitu dursaa jira.

Biyyi jalqabarra jirtu Fiinlaand yoo taatu, giddu-galeessaan biyyattii keessatti namni tokko guyyaatti buna shiinii afur dhuga.

Haaluma kanaan Noorway, Denmaark, Ayislaand, Ze Neezerlaandis, Siwiidin, Siwaaziilaand, Beeljiyeem fi Luusenbarg duraa duubaan 2-9 irratti kan argaman yoo ta'u, Kanaadaan sadarkaa 10ffaa irratti argamti.