Saamtoota galaana guddicha Somaaliyaa BBC'n haasofsiise

Kiyyeessitoonni qurxummii Somaaliyaa lama fuulasaanii dhoksuuf jecha mataa isaanii irratti fooxaa (iskarfii) gurguddaa uffachuun mul'atu.
Dhiheenya kana keessaa maalif qawwee hidhatanii saamtota galaanaa ta'uun kanfaltii doolaara miliyoonaan lakkaa'amu gaafachuuf murteessan irratti yaada isaanii kennuuf gara kutaa walgahii dhoksaa keessa yeroo seenan suutaan naannoo isaanii mil'atu.
Sodaa irraa kan ka'e gaaffii fi deebii kana taasisuuf magaalaa xiqqoo qarqara galaanaa Eyl keessatti gaazexessaa waliin beelama qabachuuf ji'oota itti fudhateera.
Naannoon kun sababa bakkasaa qofaaf osoo hin taane, madda bishaan qulqulluu waan qabuuf yeroo hunda akka tarsiimootti ilaalama ture. Yeroo saamichi galaanaa itti dabale hanga walakkeessa bara 2000tti saamtonni galaanaa buufatasaanii godhatanii ture.
Kanaanis magaalaa guddoo saamtoota galaanaarraa "Harunta Burcadda" jedhamuun beekamte. Asirraa ka'uun dooniiwwan konteenara meeshaalee fe'uun addunyaa guutuutti geejjibanii fi dooniiwwan boba'aa tokko tokkollee irratti xiyyeeffachuun dhaabbileen doonii daandiisaanii akka jijjiiran dirqisiisan.
Angawoonni naannichaas aangoo tokkollee hin qaban turan, humni poolisii naannichaa garmalee sodaachuun magaalattii seenuu hin dandeenye ture.
Saamtonni galaanarraa kunneenis dooniiwwan butaman galaanarraa kan dhaaban yoo ta'u, daldaltoonni magaalattii keessaafi naannichaa kaffaltii maallaqaa irraa bu'aa argatu turan.
Bara 2005 fi 2012 gidduutti Baankiin Addunyaa gareewwan saamtota galaanaarraa doolaara miliyoona 339 (£267m) hanga $413m gidduutti akka argatan tilmaameera.
Garuu saamtonni galaanaa kun yeroo humnoonni galaanaa idil-addunyaa galaana Somaaliyaa irraa sakatta'uu jalqabanitti carraan isaanii duubatti deebi'ee guyyoota kanatti Humni Poolisii Galaanaa Puntland buufata Eyl keessatti qaba.
Namoonni magaalattii keessa jiran harki caalaan isaanii kana kan simatan yoo ta'u, saamtonni galaanaa qaala'iinsa jireenyaa ija namaa hawwatu, qoricha sammuu namaa hadoochu, alkoolii fi maqaa gaarii jaarsoliin Musliimaa naannoo sanaa irraa fagaatan of biraa fidaniiru.
Haata'u malee, saamtonni galaanaarraa kunneen yeroo humnoonni galaanaa idil-addunyaa galaana Somaaliyaarraa sakatta'insa jalqabanitti faayidaansaanii duubatti deebi'ee. Guyyoota kana ammoo Humni Poolisii Galaanaa Puutilaand buufatasaanii Eyl keessaa qabu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraattoonni magaalattii harki caalaansaanii kana kan simatan yoo ta'u, saamtonni galaanarraa kunneenis qaala'iinsa jireenyaa nama boosisuu, qoricha sammuu hadoochu, alkoolii fi beekkamtii maanguddoonni Musliima naannichaa irraa fagaatan fidaniiru.
Haata'u malee, aariin yeroo dheeraaf doonii biyya alaa, keessattuu kanneen qurxummii kiyyeessan irratti dhaga'amu, magaalaa kiyyeesitoota qurxummii guutamtee fi lubbuun jiraachuunsaanii galaanarratti hundaa'e keessatti badee hin beeku.
Hanga har'aattu bidiruuwwan qurxummii kiyyeessan kunneen akka jireenyasaanii hataniitti himatun.
"Dooniiwwan dhufanii meeshaalee fi qabeenyaa keenya hunda fudhatan," jedha BBCn Faraah, kiyyeessitoota qurxummiifi saamtota galaanarraa keessaa tokko kan ta'e.
Maqaan isaas ta'e kan hiriyyaasaa Diiriye, kan uffata adiin mataatti martee jijjiirameera, kunis haal-duree af-gaaffii kanaa keessaa tokkodha.
Innii fi namoonni muraasni kaan bidiruu, motora alaa fi kiyyoo qurxummii bitachuuf tilmaamaan gara doolaara 10,000 baasanii turan. Garuu Faaraah akka jettutti, bara darbe keessa hojjettoonni doonii biyya alaa tokkoo dhufanii kiyyoowwan sana, kan kiyyeessan waliin, motoras rasaasaan rukutanii barbadeessan jedha.
Jarreen kunneenis fakkeenya biraa yoo kennani, ganama tokko firoonni isaanii kiyyoosaanii hubachuuf ba'anii turan deebi'anii hin galle. Yeroo baayyee kiyyeessitoonni qurxummii kiyyeessuuf barii ba'uun osoo hin ho'iin walakkaa guyyaa deebi'u.
Guyyota sadii booda gara qarqara galaanaatti osoo bolola'anii agaraman. "Qaama isaanii keessas rasaasa ture," jedha Diiriye.
"Isaan qawwee hin qaban turan; jireenyasaanii gaggeessuuf kiyyoo isaanii qabatanii gara galaana deeman."

Madda suuraa, Hassan Lali / BBC
Faaraa itti dabaluudhaan: ''Galaanarra hojjachaa achumma jiraanna. Galaan daldala keenya.
''Namni tokko yeroo si dorsiiseefi si saamu, lolachuun dirqama. Isaantu lola kana eegale. Osoo isaan qabeenya keenya hin fudhanne ta'ee, gara saamicha galaanaatti hin gallu turre."
Dhiironni kunneen, umriinsaanii kan waggaa 30 keessa jirudha. Gara saamtoota galaanaarratti jijjiramuudhaaf murtee waggaa darbe keessa taasian kana qofa hin murteessine.
Akka Oppareshiinii Atalaantaa Humni Galaanaa Gamtaa Awurooppaa, kan naannoo sanatti sakatta'u jedhutti, bara 2013 fi 2019 gidduutti haleellaa saamicha galaanarraa 26 raawwatameera. Isaan booda ammoo bara 2020- 2022tti hannii tokkollee hin turre.
Garuu bara 2023tti deebi'anii kan jalqabuun haleellaan ja'a kan raawwaatame yoo ta'u, bara kana ammoo hanga Mudde 5tti qofaa gara 22tti ol guddateera.
Taateewwan kunneenis harki caalaansaanii butuu milkaa'inaa qofaan hin xumuramu, yeroo ta'u bu'aa qaba. Saamtoonni galaanaarraa, doonii alaabaa Baanglaadeesh qabdu MV Abdullah kan Bitooteessa 2024 butame gadhiisuuf kanfaltii doolaara miiliyoona 5 argachuu dubbatu.
Abbaan qabeenyaa doonii kanaa garuu kana hin mirkaneessine, haata'u malee marii taasifame hordofee gadhiifamu ibse.
Maddeen bulchiinsa walakkaa ofiin of bulchu Puuntland, bakka Eylargamuutti BBC'tti akka himanitti, wanbadeewwan gara 10, kan tokkoon isaanii miseensota gara 12 qaban, naannoo sana keessa socho'aa jiru.
Yeroo tokkichatti guyyaatti 15 hanga 30 ta'uun gara galaanaatti bahu, bidiruu saffisaa xixiqqoo isaanii AK-47, boombii rookkeettii socho'u (RPG), nyaataa fi boba'aa qabatanii imalu.
Faraah fi Diiriye akka jedhanitti, kaayyoonsaanii doonii giddu galeessaa erga gara gadi fageenya Galaana Hindiitti butatanii geessanii booda isaan booda gara doonii haadhatti deebisuu. Sirna hordoffii GPS isaatti fayyadamuunis dooniiwwan gurguddoo irratti xiyyeeffatan barbaaduudha.
"Doonii saffisaa xixiqqoo fayyadamuun dooniiwwan kana haleeluu dandeessa," jedha Faaraah.
Dhokaaftuun rookkeettii Bazooka jedhamus tarsiimoo isaanii keessatti qaama barbaachisaadha.
"Doonii dhaabuuf RPG'tti fayyadamna. Dooniichi dhaabbachu yoo dide itti dhukaafna. Hin ajjeesnu. Kaayyoonsaa waan tokko argachuuf malee ajjeesuudhaaf miti. [Kaayyoonsaa] sodaachisuudha," jedha Diiriye.
Meeshaaleen waraanaa kunneen hundi gatii salphaadhaan hin dhufne. Kanaaf wanbadoonni invastaroota fedhii qaban irraa maallaqa barbaadu. Yeroo baayyee daldaltoota adda addaa magaalota Garowee fi Bosaasoo irraa dhufan hirmaachisuun garee ijaarama.
Kaansaanii bidiruuwwan, kaan immoo meeshaa waraanaa fi inni sadaffaan waan akka boba'aa maallaqaan gargaaruu danda'a. Abbootiin qabeenyaa kunneen yeroo tokko tokko garee hedduu keessatti invast godhu. Isaanis yeroo dooniin qabamutti maallaqa kanfaltii argamu keessaa gaheesaanii argachuu danda'u.
Akkasumas Somaaliyaa keessatti qawwee qabachuun salphaadha. Eyl keessattillee qawween AK-47 gara doolaara 1,200n argachuu dandeessa. Kunis hambaa waraana biyya keessaa waggoota 20 fi seera maleessummaa waggootaaf tureeti.
Faraah fi Diiriye yeroo saamichi galaanarraa cimeetti keessatti akka hin hirmaanne ei saamtota galaanarraa soorama bahan irraa gorsa tokkollee akka hin fudhanne kan himan yoo ta'u, isaan keessaa gariinsaaniis kiyyeessitoota qurxummii gammachu hin qabne ta'anii jalqaban.
Saamtonni galaanaa durii kun harki caalaansaanii naannoo sana gadhiisaniiru, yeroo baayyee gara biyya alaa ykn gaabbii keessa galaniiru.
Taatee beekamaa tokko keessatti saamtuun galaanaa duraanii, Abdirahmaan Baakeyle, qabeenya isaa kenneera. Bara 2020tti manneenii fi hoteelota Gaarooweetti bitee ture dhaabbilee tola ooltummaa Musliimootaaf kan arjoome yoo ta'u, amma lallabaa imalaa magaalaa Puuntland, magaalaa irraa gara magaalaatti deemuun namoonni jireenya cimaa fi naamusa sirrii akka jiraatan dhaamsa dabarsuudha.
Magaalaan giddugala Somaaliyaa yeroo tokko saamtonni galaanaa invastimantii itti godhan Adaadoon, sababii manneen haaraan ijaaraman yeroo baayyee foddaa sibiilaa bifa cuquliisaa dibaman qabaniif maqaa masoo "Magaalaa Cuquliisa" jedhu argatte.
Manneen kunneen baay'eensaanii amma duwwaa ta'aniiru, ykn ji'atti hanga doolaara 100n kireeffachuuf ni danda'ama.
Eyl keessatti, jaarsoliin magaalattii hambaan saamicha galaanarraa ijoon babalachuu dhugaatii alkoolii, yeroo baayyee Itoophiyaa irraa karaa seeraan alaatiin dhufuu fi qoricha akka opioids, kan dargaggoonni kanneen duraanuu caatiin qaamuun yaaddoo ta'eedha jedhu.
Dhiironni waaree booda domino taphachuuf mana shaayii ala walitti qabamanii fi oduu kana irratti mari'atan, diinummaa dooniiwwan biyya alaa irratti qaban hubatanis, saamicha galaanarraa akka hin deeggarre dubbatu.
Taatee dhiheenya kana kiyyeessitoonni qurxummii sadan rasaasaan ajjeefamanii, namoota hedduu waliin akka hidhatu ifaadha.
Haadha warraasaa fi ijoolleesaa 12 jiraachisuuf gara waggaa 40tiif Eyl irraa fagaatee qurxummii kiyyeessaa kan ture Alii Mursaal Musee, saamtota galaanarraan dogoggorfamuu danda'u jedhee amana.
"Doonii qurxummii kiyyeessuu kan biraa qabanne as kaane gara galaanaatti deemne. Yeroo walfakkaatutti saamtonni galaanarraa doonii tokko butuuf yaalan. Xiyyaarri tokkos dhufe. Dooniikoos gara qarqara galaanaa dhufte; bidiruun qurxummii kiyyeessuu isheen kaan haleelamte," jechuun yaadata.

Madda suuraa, Hassan Lali / BBC
Dubartiin abbaan manaashee irraa du'e kan ganna 40 Haawaa Mohamad Zuberii, abbaan warraashee waggoota 14 dura yeroo dhabameetti hiree walfakkaatu akka isa mudate amanti.
Yeroon sunis yeroo itti saamichi galaanarraa sadarkaa olaanaa irra turee fi ilma reefuu deessee turte dhaqna qabsiisuu barbaadaa turteedha.
"Abbaan manaakoos yoo shaarkii qabate sana booda daa'ima dhaqna qabasiisuuf kaffaltii raawwachuu dandeenya jedhee yaadaa ture," jechuun BBCtti himti.
Ammallee du'asaatiin dhiphattaa akka jirtu himti. Ishees galii saamoosaa gurguruu irraa argattuun ijoollee isheef kaffaltii mana barumsaa kaffaluun akka rakkattu dubbatti.
Mr Musee ammatti isaaniif dhimmi guddaan, amala dooniiwwan kiyyeessitoota qurxummii naamusaan hin qabne kanneen biyyoota akka Iraanii fi Yaman irraa dhufan yeroo baayyee meeshaalee isaa hataniidha jedhu.
Hayyama qurxummii kiyyeessuu sobaa Somaaliyaa, deeggartoota biyya keessaa humna guddaa qabaniin kan kennameef yoo ta'u, isaanis eegumsaaf namoota qawwee qaban isaaniif kennu jedhee amana. Qabeenya qaban saamuun bakka qurxummii itti kiyyeeffatan rakkoo keessa galchuu himate.
"Zoonii hojjetan qabu, qarqara galaanaatii illee ni dhufu. Yeroo deemnee meeshaalee keenya akka nuuf deebisan gaafannu nutti dhukaasu. Dhiheenya kana namoota muraasa miidhaniiru. Mucaa tokkotti dhukaasuudhaan harkaa fi miila isaa madeessan."
Kiyyeessaan qurxummii kunis yeroo garaagaraatti aanga'oota naannootti komii dhiheessee ture, garuu wanti hojjetame omtuu hin jiru jedha.
Ministirri Odeeffannoo Puuntland, Kaaydid Diriir, dooniiwwan seeraan alaa muraasni jiraachuu isaanii amanuudhaan, dooniiwwan biyya alaa muraasni hayyamni kennameefii ''haala malee itti fayyadamuu'' akka danda'an dubbatan.
"Kiyyeessitoonni qurxummii seeraan alaa galaana hunda keessa jiru, saamichi galaanarraas bakka kamittuu uumamuu danda'a. Suuta suutaan fooyya'insi mul'achaa jira," jechuun BBCtti hima.
Kiyyeessitoonni qurxummii seeraan alaa waggoota dheeraaf Somaaliyaa keessatti dhimma falmisiisaa ta'ee ture.
Doonii qurxummii hedduun hayyama malee ykn hayyama qaamolee aangoo hin qabneen kan hojjetan ta'uu Inishiyeetiiviin Addunyaa Farra Yakka Qindeessaa Biyyaa Ol'aanaa ibseera.
Dooniiwwan hedduun Chaayinaa, Iraan, Yaman fi kibba baha Eeshiyaa irraa akka ta'an agarsiisuuf ragaalee saatalaayitii dabaluun caqaseera. Gabaasni Imbaasii Ameerikaa Moqaadishoo jiru irraa bahe akka mul'isutti, sababa kanaan Somaaliyaan waggaatti doolaara miiliyoona 300 akka dhabdu ibseera.
Reer Admiraal Operation Atalanta Manuel Alvargonzález Méndez akka jedhanitti, humnoonni isaanii dooniiwwan saamtota galaanarraa qofa irratti kan xiyyeeffatan yoo ta'u, amma dooniiwwan finciltoota Huutii Yaman irraas eegaa jira.
Akkuma Humni Poolisii Galaanaa Puuntland kan ergama galaanaa Gamtaa Awurooppaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetu, naannoon kun baayyee nageenya kan qabu akka ta'uu fi lammiileen Somaaliyaa amma "sodaa malee kiyyoo qurxummii qaban darbachuu" akka danda'an ni eega.

Madda suuraa, Hassan Lali / BBC
Ajajaan isaa Faarhaan Awiil Haashii gara "bara hamaa durii" saamicha galaanarraatti akka hin deebine ofitti amanamummaa qabu.
Deebiin yeroo dheeraa "hojii uumuu" ta'uu amana. "Dargaggoonni hojii argachuu qabu yeroo hunda. Namni sun waan tokko hojjechuutti yoo qabame gara galaanaatti qajeelee doonii butuuf hin yaadu," jechuun BBCtti hima.
Faaraah fi Diiriye falmii wal fakkaatu godhu, kana booda qurxummii kiyyeessuun bu'aa waan hin qabneef, galiin doonii butuun argamu karaa ittiin ijoollee isaanii deggeruu danda'an kan qofaati jedhu.
Saamichi galaanarraa dogoggora akka ta'e ni beeku. Diiriye immoo haadha ofiitti himuuf garmalee akka sodaate amaneera.
"Isheen osoo beektee baay'ee mufatti turte. Dhugaa dubbachuuf aanga'ootatti beeksifti turte."












