Dhungoon erga jalqabee waggaa miiliyoona 21 lakkoofsiseera jedhan saayintistoonni

Chimpaanzii wal-dhungataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ilmoon namaa wal-dhungatu, qamaleen wal-dhungatti, bineensi bantii lafaa cabbaa'aarra jiraatu beeriinillee wal-dhungatu.

Amma immoo saayintistoonni jijjiirama tirataa keessa akkatti dhungoon jalqabe ibsaniiru.

Qorannoon isaanii kuni afaan keessa wal-dhungachuun dhimma waggaa miiliyoona 21 lakkoofsise akka tahe agarsiisa.

Gochaan kuni waan horteen ilmaan namaafi sanyiin qamalee ittiin of gammachiisaa turanidha.

Qorannoodhumti kuni horteen ilma namaa Niyaandartaal jedhamus wal-dhungachaa akka hin oolle akeekeera. Namoonni (homoo saappiyaansiifi) Niyaandartaal fa'illee afaanirra wal-xuuxaa turani jedha.

Saayintistoonni sababiin isaan dhungoo qorachuu barbaadaniif hibboo jijjirama tirannaa tokko waan hin deebisneefi dha- dhungoon faayidaa jiraachuuf ykn du'uurraa of baraaruuf gargaaru hin qabu, wal-hormaataafis bu'aan buusu hin jiru garuu gochaan kuni ilmaan namaafi bineensota gidduuttillee waan raawwatamu dha.

Ragaa dhungoo bineensotaa kaanii argachuun saayintistoonni ''jijjiirama tirataa'' qaacceessuun maddi dhunguufi adeemsa keessa akkatti jijjiiramaa dhufe lafa kaa'aniiru.

Sanyii bineensotaa qoratan hunda wal-bira qabanii ilaaluuf gochaa dhungoo hiika jaalalaa wajjin hidhata hin qabne kennaniiruufi.

Chimpaanzii wal-dhungataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoo isaanii joornaalii dhimma jijjiirama tirannaa fi amala ilmaan namaa qoratu Evolution and Human Behaviour irratti baheen, dhungoo afaaniifi afaaniin walitti qadaaduun garuu humni otoo itti hin dabaalamiin, akkasumas sochii hidhiifi afaan murtaa'aa kan qabuufi afaaniin nyaata walii kennuu kan jedhu keessaa baasaniiru,'' jechuun hiikasaa qorannoo isaaniif jecha sirreessaniiru.

''Ilmaan namaa, chiimpaanzii fi jaldeessi hundisaanii wal-dhungatu,'' jechuun hoggantuun qorannoo kanaa Dr Maatiildaa Biriindiil dubbatti- Yunivarsiitii Okisfarditti baayolojistii jijjiirama tirannaati. Akkasheen jettutti ''horteen isaanii waloo yeroo dhihoo jiraatan wal-dhungataa turan.''

''Hortee sanyii qamalee keessatti dhungoon naannoo waggaa miiliyoona 21.5 keessa jalqabe,'' jechuunis ibsiti.

Qorannoo isaanii kana keessatti amala hiika isaan dhunguudhaaf kennanii wal-fakkaatu yeeyyii, saree, bineensi beer jedhamuufi(arraba mucucaatu qaba) bantii lafaa cabbaa'aarra jiraatuufi simbirroo albaatiroos jedhaman irrattillee arganiiru.

Qorannoo isaanii kana sanyii hoosiftootaa irratti akka xiyyeefatu kan godhan dhalli namaa adeemsa jijjiirama tirannaa keessatti yoo wal-dhungachuu jalqabe kan jedhu adda baasuufi.

Qorannoon wal-fakkaataa Niyaandartaal-fira ilmaan namaa durii waggaa 40,000 dura sanyiinsaanii lafa kanarraa haxaa'ame irrattis kan geggeefame yoo tahu - isaanis akka wal-dhungatan barameera.

Chimpaanzii wal-dhungataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Qorannoon DNA Niyaadartaal irratti taasifame dhala namaa ammayyaa wajjin baakteeriyaa afaanii kan hancuufa keessatti argamu wal-fakkaataa akka qaban mirkaneesseera.

''Kana jechuun waggoota kumaafi dhibba baayyee dura hancuufa walitti dabarsaa akka turan, kunis sanyiin isaanii erga gargar bahee booda dha,'' jechuun Dr Maatiildaan ibsaniiru.

Qorannoon kuni dhunguun yoo akka jalqabe akeekullee maaliif ilmaan namaa wal-dhungatu kan jedhu garuu hin ibsine.

Dhimma kana ilaalchisee yaad-rimeen garagaraatu jira-hortee ilmaan namaa durii keessatti hariiroo miiraa uumuuf ykn immoo fayyaafi gahumsa michuu irraa ilmaan godhatan baruuf wal-dhungatu kan jedhu fa'itu jira.

Dr Maatildaan qorannoon kuni dhimma kanaaf deebiin akka argamuuf karra saaqa jette.

''Firoota keenya ilmaan namaa hin taane waliin waan qooddannu akka barruuf murteessaa dha,'' jedhan.

''Dhimmi kuni ilmaan namaa biratti waanuma jaalalaa gatii taheef qofa akka waa'ee hin baasnetti dhiisuu hin qabnu qorachuu qabnas,'' jetteetti.