'UStti namichi mana hidhaa keessatti geergoo fi injiraaniin nyaatamee du'e'- Qorannoo reeffaa

Lashawan Tompsan mana hidhaa keessatti kutaa qulqullina hin qabne keessatti erga hidhamee tureen booda du'e.

Erga du'een booda qorannoo reeffa isaa boolla keessaa baasun gaggeeffameen jiraatti ilbiisota akka injiraanii, tafkii fi geergoon nyataamee du'uun mirkaa'e.

Taaten kun kan raawwate US, bulchiinsa Atilaantaa keessatti.

Lashawan "rakkina sammuu, haala jireenyaa baay'ee gadi aanafi infeekshinii ilbiisa qaama namaa nyaattuu [injiraan ykn tafkii] fa'aatu isa mudate," jedhe abukatoon maatii isaa.

Qarannoon gaggeeffame namni kun jiraatti injiraanii fi geergoodhaan nyaatamee du'uun erga mirkanaa'ee booda hojjattoonni mana hidhaa Fulton County Jail hojii gadi lakkisaniiru.

Lashawan Tompsan Fulbaana darbe mana hidhaa keessatti du'e.

Qorannoo reeffaa kan gaggeesse Dr. Rojar Mitchel, "Du'a Lashawanif sababa kan ta'e rakkoo fayyaa sammuu yaala dhabe, haala jireenyaa hamaa ta'e, hanqina qulqullina qaamaa, infeeksihinii ilbiisa qaama namaa nyaattun dhufu hamaa ta'eefi, dhangala'aan qaama keessaa dhumuufi ulfaatinni hatattamaan hir'achuudha" jechuun gabaasa qorannoo isaa dhiyeesse.

Lashawan nama ganna 35 yoo ta'u nama sammuun dhukkubu jedhameeti mana hidhaaFulton County Jail jedhamu bakka namoonni rakkoo fayyaa sammuu qaban .

Qorannoon reeffaa akka agarsiisutti Lashawan gaafa hidhamu 81kg ulfaata ture, yeroo gabaab keessatti garuu 67kg tti gadi bu'e.

Gaafa du'u, qaamni isaa ilbiisa akka injiraanin nyatamee mammadaa'ee suurri isaa miidiyaa hawaasaa irratti qoodamamnaan 'namni harka mootummaa jiru akkamitti bifa kanaan hanqina qulqullinaan kan ka'e du'a? kan jedhun dheekkamsa kaasee ture.

Dr Roojar Michel gaabsa qorannoo isaa keessatti "ajjeechaa (homicide)"dha jechuun maal na dhibdeedhan nama mana hidhaa keessatti dagatanii akka du'e ibse.

Abukaatoo maatii Lawashan kan ta'e Been Kiraamp akka jedhetti namni kun bakka 1,000 ol akka ciniinameefi ilbiisonni akka injiraaniifi kanneen biroo afaan, gurra, funyaanifi guutummaa qaama isaa irratti argamaniiru.

"Mana hidhaa kana keessaa namni nama kana gargaaru dhabamuunsaa nama gaddisiisa, osoo ilaalanuu ji'a sadi keessatti nyaatamee du'e. Trakaanfii fudhachuu dhabuu, hammeenyafi garaa namaaf yaadu dhabuu isaanitu isa ajjeese" jedhe abukaaton kun.

Dhimma nama kanaa Poolisiin Atilaantaa qorataa akka jiru beeksisuun dhimmicha Biiroo Qorannoo Joorjiyaatti dabarsee akka kennu beeksise.