Tola-ooltonni Landan miidhamtoota Gaazaafi Israa'eliif gargaarsa gochaa jiru

Taatee dhiheenya Jidduugala Bahaatti mudateen wal qabatee, dhaabbileen gargaaarsaa Landaniitti bu’urreeffatan, kanneen Israa'eeliifi Gaazaa keessatti miidhamaniif gargaarsa taasisan dabalaa jiru.

Haaluma kanaan, dhaabbanni gargaarsaa Give It Forward Today (Gift) fi waajjirrisaa mummeen Heendoon, Kaaba Landaniitti argamu Israa’eloota yoo deeggaru, Deeggarsi Wallaansa Filisxeemootaa (Map), kan Isliingitaniitti argamu ammoo Filisxeemootaaf deeggarsa taasisaa jira.

Dhaabbanni Gift, akkuma Hamaas Israa’el irratti haleellaa raawwachuu dhagahameen gara tarkaanfiitti seenuu dubbate. Kanaanis namoota manasaanii gadhiisanii bahaniis wantoota barbaachisu walitti qabaa jira.

Miseensi dhaabbatichaa Shiiraa Jooseef BBC Landaniitti akka himteetti, halkani guyyaa nuffii malee hojjachuun meeshaalee akka korojoo irriibaan, buruushii ilkaanii, nyaata saamsamee, uffata ho'aafi meeshaalee irriibaaf barbaachisan kaan walitti qabaa jiru.

‘‘Deebii nuuf kennameen baayyee gammanne. Waan ajaa‘aaibaati,’’ jetti.

Hundeessaa dhaabbata tola-ooltummaa kanaa kan ta’an raabaayi Naaftaalii Shiif akka jedhaniitti, hawaasa Ayihuud Israa’el keessatti baayyeen isaanii waan hiriyaa ykn maatii qabaniif deeggarsa hanga barbaadan akka yaa’uuf gochuufi kanas karaa dhaabbilee gargaarsaa Israa’el keessatti argamaniitiin akka raabsaman taasisu.

"Dhiyeessiin kunneen namoota nagaa dhiheenya daangaa Gaazaatii manasaaniitii baqataniif dhiyaata. Namoonni kumaatamni baqataniiru. Maatii hedduunis kan miseensi maatiisaanii ajjeeffame ykn bakka buuteen dhabamuun miidhamaniidha," jedhan dureen amantii kun.

Haaluma walfakkaatuun, dhaabbanni Map deeggarsa kunuunsa fayyaa lammiilee Filisxeem kanneen bulchiinsa Filisxeemii, akkasumas kaampiiwwan baqattootaa Leebaananiifi Joordaan keessa jiraataniif erga.

Hoggannaa Olaanaan dhaabbata tola-ooltummaa kanaa Meelaanii Waard BBCtti akka himanitti, deebii taatee dhiheenyaatiif taasifamuun miidhaa bal’aatu mudate.

Hojiin dhaabbata kanaas dhaabbilee wallaansaa deeggaruu, meeshaalee barbaachisan dhiyeessuu fi fayyaafi nageenyi kanneen haleellaa Israa’el dhiheenya Gaazaa keessatti raawwatteen miidhamanii mirkanneessuu hammata.

‘‘Deebii namoota naannawa Landan jiraatanirraa... arganneetti baayyee gammanneera,’’ Aaddee Waard.

‘‘Yeroo haalli sukkanneessaan kun cimuu eegalu, waahillan keenya achiitti argaman battalumatti gara mana kuusaa deemuun qorichoota hospitaaloota Gaazaa keessaaf dhiyeessuu eegalan.

"Isaanis firaashii, uffata alkaniifi meeshaalee qulqullinaan alatti meeshaalee wallaansaa paawundii m1.3 ta’u ummata Gaazaa keessatti argamuuf dhiyeessaniiru. "Boombiin naannawasaaniitti kufaa jira, muraasni isaanii elektirikii hin qaban.’’

Dhaabbatichi meeshaalee wallaansaa Gaazaa keessatti argamu bituudhaan ‘bakka danda’amuutti’ hospitaalootaaf dhiyeessuuf hojjataa jiraachuu dubbatti.