'Haadha manaakoo daandirratti rasaasaan rukutamte wal'aannachuu hin dandeenye' - Baqataa Itoophiyaa Kaartuum jiru

Lammiilen Itoophiyaa lola Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Addaa Sudaan gidduutti Sambata darbe jalqabee itti fufee jiru gidduutti danqamanii jiran birmannaan akka taasifamuuf gaafataa jiru.

Lola kanaan hanga yoonaa namoonni 200 ta'an kan ajjeefaman yoo ta'u lammiileen Itoophiyaas keessa jiraachuutu gabaafame.

Lammiileen Itoophiyaa baqatanii Sudaan jiran waraana kana gidduutti danqamuu fi kanneen rasaasaan rukutamanii fi lubbuun darbanis jiraachuu jiraattonni Kaartumirraa BBC'n dubbise himan.

Abbaa daa'ima tokkoo kan ta'e jiraataan magaalaa Kaartuum sodaa nageenyaaf maqaansaa akka hin eeramne gaafate, magaala Kaartuumii fi naannoshee akkasumas guutummaa Sudaanitti jeequmsi akka jiru hima.

Waraanni biyyaalessaa fi humni addaa Sudaan Sambata dheengaddaarraa eegalanii meeshaalee gurguddaadhaan lafoo fi qilleensarraan wal-waraanaa waan jiraniif, ''Manaa gadi ba'uun hin jiru. Tajaajilli kamuu hin jiru,'' jechuun haala keessa jiran ibse.

''Waraanni akka eegaluuf jedhu namuu quba hin qabu ture. Namni hunduu akkuma durii hojiif ba'e. Booda waraanni eegalamuu dhageenye. Hunduu bakka jirutti uggurame,'' jedha.

''Namoonni manaa ba'anii karaarra osoo jiranii waraanni eegale. Akkatti manatti deebi'an hin qaban. Bakka hojiis ga'uu hin dandeenye.''

''Maatii hanga yoonaa manatti hin deebinetu jira. Kan rasaasaan rukutamanis jiru. Abbaan manaa haadha manaasaa rukutamtee bakkee jirtu arguu hin dandeenye jira,'' jedha jiraataan kun.

Jiraataan biraa magaalaa Kaartuum irraa dubbisne haati manaasaa karaa irratti rasaasaan rukutamuu fi hanga yoonaa argee akka hin beekne hime.

''Haati warraakoo bakka hojii guyyaa lama bultee, achii ijoolleeshee ilaaluuf gara manaa dhufaa osoo jirtuu rasaasaan rukutamte.

"Manaa ba'uun waan hin danda'amneef anillee dhaqee ilaaluu hin dandeenye. Manni yaalaa fi manni qorichaas cufaa waan ta'aniif yaalas hin arganne,'' jedha.

Akka jiraataan kun jedhutti haati manaasaa miilarra rukutamuun erga kuftee booda achuma bakka hojiitti ol-deebisanii achi jirti.

''Rasaasi miillashee rukutee keessa ba'e. Amma hidhaniifii jiru. Bishaanii fi soogiddaan miicaniiruuf. Hojjettootuma waliin hojjetan bira jirti.''

Ega gaafa Sambata darbeetii namni gadi ba'ee karaarra deemuun dhorkameera kan jedhu jiraataan kun, namuu amma quba wal-hin qabu jechuun yaaddoo keessa akka jiran hime.

''Waraana hamaatu deemaa jira. Akka gadi hin baane dhorkaniiru. Namoonni hedduun manaa ba'anii bakka hojiisaaniitti danqamanii jiru. Kaan bilbillisaanii cufameera. Jiraachuu fi du'uunsaanii kan hin beekamne jiru.''

Balaa waraanaan akka hin miidhamneef namuu manaa ba'uun akka dhorkame TV biyyattiin darbuu kan himan jiraattonni, kan ergaa kana dabarsanis qaamolee wal-waraanan lameen ta'uu eeran.

Jiraataan Kaartuumitti haati manaasaa rasaasaan rukutamuu himu kun, xiyyaarri waraanaa nama kamuu alatti argannaan akka haleelu hime.

''Namni ol-ilaalee jennaan, qeensi namaa mul'annaan bakkuma sanatti gadhiisu (dhukaasu).''

Jiraataa biraan akka jedhutti qaamolee hidhatanii wal-waraananiin ala daandiirra socho'uun hin danda'amu.

''Yeroon haleellaan qilleensarraan gaggeeffamu bakka hin barbaadamne haleeluun jira. Mana namaa yeroo barbadeessanfaatu jira.''

Maddi oduu Sudan News jedhamu gamoon lammiileen Itoophiyaa keessa jiraatan haleellaa qilleensarraan barbadaa'uun namoonni keessa jiran hunduu achumatti dhumaniiru jechuun ragaa viidiyoon deeggarame tuwiitara isaarratti maxxanseera.

''Qaama nuuf birmatu hin qabnu''

Jiraattonni magaalaa Kaartuum irraa BBC'n dubbise akka jedhanitti lammiileen Itoophiyaa Sudaan keessa jiraatan kan walitti qabu gurmuu hawaasaa beekamaa tokkollee hin jiru.

Hawaasa faffaca'ee kara karaa jireenya mataasaa waan jiraatuuf karaan ittiin gurmaa'anii rakkoo keessa jiran dhaabbata baqattootaa- UNHCR'tti himatanillee hin jiru jedhan.

UNHCR duraanuu akka isaan gargaaraa hin turre kan komatan jiraattonni kunneen, waraanni biyyattii keessatti ka'uun ammoo lammiilee Itoophiyaa baqatanii Sudaan jiran kan hojii guyyuu hojjetaniin jiraatanitti yaaddoo guddaa ta'eera jedhu.

Qaama itti iyyatan dhabuun abdii kutatanii sodaa keessa akka jiran himan.

Sudaan keessatti erga qondaalli siyaasaa biyyattii waggoota 30'f bulchan Omar Hasan al-Bashir aangoorraa fonqolchamanii as tasgabbiin waaraa uumamee hin beeku.

Ergasii fonqolchi mootummaa yeroo sadaffaaf yaalamuu isaati.

Ajajoota waraanaa olaanoo aangoof wal morkaniin biyyattiin raafamaa jirti.

Fonqolcha mootummaa jalqabaa booda jenaraalli waraanaa aangoo Siivilii qabatan Abdallaa Hamdok bara 2021 erga aangoorraa folchamanii, aanga'oonni waraanaa lama- Jenaraal Abdel fattaa al-Burhaan fi Jenaraal Mohammad Hamdan Dagolo waliin ta'uun mana maree walabummaa jedhamuun kan hundaa'e dursaa turan.

Aangoo bulchiinsa siiviliitti dabarsuurratti kan waldhaban jenaraalonni waraanaa kunneen, dhibdeensaanii amma lola biyyattiitti dhalateef sababa ta'eera.