Miseensota mana maree labsiin to'ataman akka hin daawwanne dhorkamne - Abukaatoo

Manni Maree Ministirootaa Labsii Yeroo Muddamaa labsuu hordofuun miseensota mana maree federaalaafi magaala Finfinnee to'ataman akka hin agarre dhorkamusaanii abokaatoon himan.

Abokaatoo Salamoon Gazaahinyi akka jedhaniitti, Miseensa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa kan tahan Obbo Kiristiyaan Taaddala fi miseensi Mana Maree Magaala Finfinnee Dr. Kaasaa Tashaagar guyyaa itti poolisiin to’atamanii kaasee argachuuf yaalii taasisanilleen hanga ammaatti heeyyama hin arganne.

Poolisiin maamilasaanii mirga hin himatamne qaban kanneen karaa seeraan alaatiin akka hidhe kaasuudhaan, torban darbe Kibxata ALI Hagayya 02, 2015 abokaatoowwan isaanii mana murti olaanaa sadarkaa tokkoffaa, ramaddii Lidataa, Dhaddacha idileetti himannaa qaama bilisa baasuu dhiyeessuun dhimma isaanii hordofuurratti argamu.

Poolisii Federaalaatti Itti gaafatamaa Itti Aanaan Qorannoo Yakkaa, Mul’isaa Abdiisaa waliin mari’achuu isaaniifi Obbo Kirisitiyaan fa’i argachu akka danda’amu gaaffachusaanii Obbo Salamoon dubbatu.

''Kan hidhaman Labsii Yeroo Muddamaatiin waan ta’eef, labsichi abokaatoonis wal arguu kan dhorku waan ta’eef argachu hin dandeessan. Haata’u malee, nageenyasaanii gama ilaaluun isiniifan mirkanneessa,’’ jechuun deebiin akka kennameef dubbatan.

‘‘Maatii isaa wayita gaafanneettis ‘fageenya irraa ni agarra. Maal akka ta’e hin barree‘ jedhu. Akka Abokaatootti garuu miseensota mana maree hundi haala maal iirratti akka argaman hin beeknu. Hin agarreen, waliis hin agarre‘‘ jedhaniiru.

Itti dabaluunis Obbo Salamoon, maamilli isaanii hanga ammaatti jechasaanii haa kennanii ykn haa dhiisanii ta’ees, akkasumas maaliin shakkamanii akka to’ataman akka hin beekne dubbataniiru.

Haatii warraa Obbo Kirisitiyaan Taaddalaa BBCn kan dubbise Aaddee Bazaabishwarqi Kaasaa, Obbo Kirisitiyaaniin guyyaatti ala tokko arguuf akka hayyamamee fi nyaata itti kennanii akka deebi’an ibsani.

Haata’u malee, “walitti dhiyaannee waliitti dubbachuun waan nuuf hin hayyamamneef haala fayyinaan isaa irratti argamu baruu hin dandeenye,'' jedhan.

‘‘Namoonni miidiyaalee hawaasa irratti odeeffannoo reebameera, dhukkubsateera fa'a jedhan dhagahan nuuf bilbilu.

''Nutis erga arginee galleen booda deebifnee hanga arginuutti ‘maal ta’a laata?‘ jechuun yeroo keenya dhiphinaan dabarsina.

''Rakkoon fayyaa mudate jiraachuu itti dhiyaannee gaafachu hin dandeenye. Nuuf hin heeyyamamnes,'' jechuun maatiin yaaddoo keessa jiraachu ibsan.

Obbo Kirisitiyaan Taaddala Jimaata Hagayya 4, 2023 halkan keessaa nannoo sa’aatii 3:30'tti hunmoota nageenyaatiin nama jireenyaa isaaniitii fudhatamuu isaanii maatiinsaanii ibsuun saanii ni yaadatama.

Yeroo sanattis ‘‘Ani nama seera qabeessaa, maaliif na barbaaddan?‘‘ jechuun wayita gaafateetti, poolisoota keessaa tokkoonsaa “bujjaadhaan reebee‘‘ jedhanii ture miseensi maatiin Obbo Kirisitiyaan kan yeroo sana achi turan.

Obbo Kirisitiyaan walgahiiwwan paarlaamaarratti yeroo garaa garaa keessattuu naannoo Oromiyaatti ajjeechaa fi dhiibbaawwan kaan dhalattoota Amaaraa irratti qaqaba jedhan kaasu.

Walgahii mana marichaa dhiheenya kanaa irratti ammoo Ministira Mummee Abiy aangoo akka gadi dhiisaniif wayita gaafatan dhagahamanii ture.

Miseensa Mana Maree Magaala Finfinnee kan ta’an Dr Kaasaanis guyyaa Labsiin Yeroo Muddamaa labsameetti halkan keessa fuula Facebook isaanii irrati “namoonni poolisiidha jedhan halkaniin dhufanii karra bani naan jechaa jiru‘‘ jechuun erga barreessaniin booda ture poolisiin to’atamun isaanii kan dhagahame.

Qajeelchi Waliigalaa Labsii Yeroo Muddamaa torban darbe keessa walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti umamee harbeessuuf “dirqama magaala keessaa fudhachuudhaan deeggarsa loojistikii fi faayinaansii taasisuun gochaawwan seeraan alaa hedduu raawwataa turan,‘‘ kanneen jedheen shakkamtoota 33 to’annoo seeraa jala oolchuu ibseera.

Isaan keessaayis miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataafi mana marichatti walitti qabaa koree bulchiinsaa fi to'annoo baasii mootummaa kan tahan Obbo Kiristiyaan Taaddalaa fi miseensi Mana Maree Magaala Finfinnee Dr Kaasaa Tashaagar keessatti argamu.

Dhaabbileen mirgaaf falmaniifi maatiinsaanii humnoota nageenyaatiin hidhaan jumlaa raawwatamaa jiraachuu ibsuun, baay'inni lakkoofsa namoota to’atamanis kan ibsameen ol jedhaniiru.

Naannoo Amaaraatti walitti bu’iinsi hidhattoota Faannoo fi raayyaa ittisa biyyaa jidduutti uumame hordofuun Manni Maree Ministirootaa walgahii ariifachiisaa Hagayya 4, 2023 taa’een, Labsii Yeroo Muddamaa labse.

Manni maree bakka bu’oota ummataas labsicha Wiixata Hagayya 14, 2023 sagalee caalmaadhaan raggaasisuun isaa ni yaadatama.

Manni maree bakka bu’oota ummataa labsicha ilaaluun raggaasisuuf wayita walgahii ariifachiisaa gaggeeffateettis waa’een dhimma mirga himatamu dhabuu Obbo Kiristiyaan Taaddalaa ni kaasa jedhamee eegamulleen, miseensi tokko dhimmicha kaasuu isaatiin alatti kan jedhame homtuu hin turre.

Waa'ee mirga ''himatamu dhabuu'' seerri maal jedha?

Abokaatoo Salamoon akka jedhaniitti miseensonni mana maree mirga himatamuu dhabuu qabu.

Yeroo harkaafi harkatti qabaman malee, osoo mirgi himatamu dhiisuu irraa hin mulqamiin dura himatamuu, qorannoon irratti gaggeeffamuu ykn hidhamuu hin danda’an.

Obbo Kirisitiyaan Taaddalaa fi Dr Kaasaadhaaf himannaa “qaama bilisa baasuu‘‘ kan dhiyeessanis seeruma kana bu’uura godhatanii akka ta’e dubbatan.

Miseensonni mana marichaa kana hidhaman haaluma dambii manni maree ministirootaa baaseeniidha deebii jedhu akka kennameef ogeessi seeraa kuni himu.

“Seerichi garuu kana hin heyyamu, dambii manni maree ministirootaa baaseedha malee labsii miti. Dambiin ammoo heera mootummaa faalleessuu hin danda’u,‘‘ jedhan.

Obbo Salamoon akka jedhaniitti, dambiin manni maree ministirootaa amma baasee kan mana maree bakka bu’oota ummataatiin raggaassifame ta’ulleen, “mirga heera mootummaasaanii hin hambisu. Kan hafu yoo mirgi himatamu dhiisuu mana marichaatiin irraa mulqame qofaadha.‘‘

'Mirga himatamu dhabuu'

“Mirgi himatamu dhabuu’’ hikkaan galmee jechootaa hedduu keessatti irra deddeebi’amu, kan jecha ‘‘dahoo seeraa namni tokko ykn qaamni tokko seera cabsuun isaa osoo beekamu yakkichaan akka itti hin gaafatamne taasifamuudha’’ kan jedhuun wal gita.

Dahoo addaa kanaa fayyadamaa kanneen ta'an keessaayis miseensonni paarlaamaa, miseensonni hawaasa dippilomaatii fi qaamooleen abbaa seeraa keessatti ni argamu.

Kaayyoon mirgicha duuba jirus kan namoonnii fi qaamooleen akka hin himatamne ykn mana murtiitti dhiyeessuun bu’aa argamu caalaa, osoo hin himatamiiniifi itti gaafatamaa hin taane bira darbuun galmi hawaasaa milkaa’u ni yaala amantaa jedhu waliin wal qabata.

Haata’ulleen, mirgi dahoo seeraa mulqamee namtichi ykn qaamicha irratti haalli itti himannaan banamu gonkumaa hin jiru jechuu miti.

Heerri mootummaa Riippablik Dimokraatawa Fedaraala Itoophiyaa fi heerri mootummaa naannoolee qaamoolee mirga kana kennameef keessaa miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataafi kan mana maree naannoolee kanneen eeraman keessaayi.

Fakkeenyaaf, gama bakka bu’aa paarlaamaa ilaallatuun heerri mootummaa federaalaa keewwanni 55 (6) irratti waa’ee mirga himatamu dhabuu fi mirgichi attamiin akka mulqamu akka itti aanuutti labseera.

‘‘Miseensi mana marichaa kamiyyuu yakka cimaa yoo raawwatu harkaafi harkatti yoo qabame malee, heeyyama mana marichaatiin alatti hin to’atamu, yakkaanis hin himatamu,’’ jedha.