Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kantiibaan Meeksikoo Naacha badhaadhina fiddi jedhamtee amanamtu fuudhan
Magaalaa xiqqoo Meeksikoo keessatti argamtu tokkotti namni kantiibaata'an, Viktar Huugoo Soosaa sirna kadhannaa oomishaa fi badhaadhinaa waggootaaf ture milkeessuuf Naacha fuudhan.
Kantiibichi osoo reppitaayilii kana afaan keessa dhungatanii mul'atan, afaan ykn huuruun misirrottii [Naachaa] ammoo hidhamee ture.
Naachi umurii waggaa torbaa maqaa Giiftii xiqqittii [little princess] jedhamuun beekamtu kun humna guddaa dacheerratti qabdi jedhamuun waaqeffatamti.
Hoogganaa naannawaa kanaatti heerumuunshee uummanni naannochaa waaqa isaa waliin wal-ga'uu agarsiisa jedhamee amanama.
Hundeen sirna waaqeffannaa kanaa hawaasa ganamaa- Chontal fi Huave jedhamaniin walqabata.
Hawaasi ganamaa bulchiinsa Oaxaca keessa jiraataa turan kun, jaarraa hedduu dura sirna kana kabajataa turan.
''Sirni kun aadaan saba lamaa walitti dhufuun kan hundaa'edha. Aadaa hawaasa Huave fi hawaasa Chontal irraa uumame,'' jedhan kantiibaa Viktar Huugoo Soosaa.
Oliiviyaa Peerez Naacha kana uffata misirroo uwwisuudhaan sirna cidhaa kanarratti hirmaatte.
''Naachi kun waan hedduu bakka nuuf buuti, giiftii keenya waan taateef. Giiftii bishaan, oomisha, rooba nuuf kennituudha,'' jechuun waa'ee Naacha kanaa ibsite.
Sirna kana raawwachuun kan barbaachiseef waldhibdeen aadaa hawaasa lamaan- Chonta fi Huave gidduu yeroo dheeraaf ture hammaachudha kan jedhan kantiibaan kun, ''Naachi kun ammoo mallattoo tokkummaati,'' jedhan.
Akka dhugeeffannaa hawaasa kunneeniitti Naachi humna guddaa dacheetti fakkeeffamtuudha.
Sirni cidhaa kunis dacheen oomisha gaarii hundaaf ga'u akka kennituuf kadhachuuf ta'uu ibsan kantiibichi.