Ijoolleen gaggeessaa Hamaas sadi haleellaa Israa'elin ajjeefaman

Gaggeessaa damee siyaasaa Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyyaa ijoollensaa dhiiraa sadi haleellaa Israa'elin Gaazaa keessatti jalaa ajjeefamuu beeksise.

Miidiyaan Hamaasitti hidhata qabu akka jedhetti ijoollensaa sadan ayyaana Id al-Fixir kabajuuf gara buufata baqattootaa Al-Shiitii osoo deemaa jiranuu konkolaatan isaan ittiin deeman haleelame.

Israa'el ijoolleesaa sadii jalaa ajjeesuun marii waraana dhaabuuf marii gaggeeffamurratti gaaffii Hamaas waa tokkollee duubatti akka hin deebisne hime Ismaa'el Haniyyaa.

Ijoolleen dhiiraa sadan Ismaa'el Haniyyaa miseensota garee waraana Hamaas ta'uu hime waraanni Israa'el.

Ijoolleensaa sadan Hazeem, Amiirifi Muhaammad didanii Gaazaa keessatti hafuusaanii miidiyaa Aljazeeratti hime Ismaa'el Haniyyaa.

Boodarra Hamaas ibsa baasen ijoollee gaggeessaa Hamaas sadan qofa osoo hin taane kan inni akaakayyuutti ooluf afur: Moonaa, Amaal, Kaaliidifi Raazaan ajjeefamuusaanii beeksise.

"Yeroo mariin waraana dhaabuu cimee itti fufee jirutti diinni ijoollee koo irratti xiyyeeffachuun Hamaas ijjannoosaa jijjiira jedhee yaada taanan abjootaa jira," jechuun Aljazeeratti dubbate Ismaa'el Haniyyaa.

Waraanni Israa'el gamasaan, "giddu galeessa Gaazatti hidhattoota Hamaas sadi galaafadheera" jechuun hidhattoonni sadanuu ijoollee gaggeessaa Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyyaa ta'uu beeksise.

Garuummoo ijoolleen Ismaa'el akaakayyuutti oolufis wajjin ajjeefamuu homaa hin dubbanne.

Israa'elifi Hamaas waraana akka dhaabaniif mariin Kaayirootti gaggeeffamu itti fufeetuma jira.

Qaamoleen lamaan waliigalteerra akka gahaniif dhiibbaan hawaasa addunyaas itti cimaa jira. Pirezidaantin US Joo Baayidan dursaa CIA kan ta'an Wiiliyaam Barnis gara Kaayirootti erganii jiru.

Marii marsaa kanaan Hamaas lammiilee Israa'el butee jiru 40 gadi dhiisee Israa'el ammoo lammiilee Filisxeem 900 mana hidhaatii gadi haa dhiistu kan jedhu dhiyaatee jira.

Ismaa'el Haniyyaa gaggeessaa waliigalaa Hamaas jedhamee beekama.Bara 1980 irraa kaasee Hamaas keessatti beekamuu eegale.

Bara 2017tti gaggeessaa damee siyaasaa Hamaas ta'uun filatame; bara 2018tti ammoo US shororkeessaadha jettee isa labsite.

Miseesonni maatii Ismaa'el Haniyyaa ajjeefamuun kun kan jalqabaa miti; ilmisaa kan biraa ji'a Guraandhalaa keessa haleellaa Israa'eliin ajjeefamee ture. Obboleessisaafi firoonnisaa biroo heddu haleellaa Israa'el Gaazatti gaggeessiteen du'aniiru.