Filannoo Israa'elin Benjaamin Nataniyaahuu aangotti deebi'uu barbaada

Filannoo Israa'elitti gaggeeffamaa jiruun Ministeerri Muummee duraanii Benjaamin Nataniyaahuu aangotti debi'uu danda'a jedhamaa jira.

Israa'el waggaa afur osoo hin guutin filannoo biyyaalessaa si'a shan gaggeessuu Sadaasa 1, 2022 eegaltee jirti.

Bara 2019 irraa eegalee filannoon irra deddeebin gaggeeffamaa ture. Yeroo sana waggoota dheeraf ministeera muummee biyyattii ta'ee kan tajaajile Beeniyaamin Nataniyaahuun himannaan maalammaltummaa fi maallaqa waliin dhahuu irratti dhiyaachun filannoo gaggeeffameen mo'amee ture.

Bara 2021 tti morkataa isaa kan ture Yaa'ir Laappid paartilee garaa garaa walitti qindeessun Natanaahoo aangoo irraa kaase. Yaa'ir Laappid amma mootummaa yeroo cehuumsaa ta'uun hanga filannoon gaggeeffamutti aangorra jira. Filannoo amma gaggeeffamaa jiruun ammoo ministeera muummee ta'uuf Natanaahoo irraa falmii cimaatu isa mudataa jira.

Natanaahon filannoo kanaan ni mo'ata taanan marsaa jahaffaadhaf ministeera muummee Israa'el ta'a jechuudha.

Filannoo kanaan Natanahoodhaf carraa gudaadha jedhamee kan yaadamu paartii isaa paartii Liquud fi paartii warra leellistootaa Zaayaanizimii gidduu walii galteen jiraachuu isaati.

Paartileen kun sanyummaa warra Yihudii kan leellisan yoo ta'u yeroo dhiyoodhaa as yaanni kun hawaasa keessatti babal'atee dhufeera jedhama.

Dhuma torbee darbee ragaalen chaanaliwwan TV biyyattii garaa garaa irratti bahaa turan akka agarsiisanitti garee Natanahoo kan ta'an paartileen Shas fi United Torah Judaism jedhaman teessoo paarlaamaa 120 keessaa 60 ni argatu.

Akka ragaalen torbee darbe bahan tilmamanitti gareen morkataa Natanaahoo teessoo 56 ni argatu.

"Durii kaasee gareen leellistoota fi garee leellistoota hin taane garaa garummaan isaanii dhimma Filismeemidha...", jedha Walla News dhaaf siyaasa kan xiinxaltu Taal Shaalev.

Gareen Natanaahoo dhimma Filisxeem, Weest Baank fi Iraan irratti ejjannoo cimaa ta'e hordofa. Akka isheen jettutti gaggeessan paartii mormituu amma jiru mo'achuuf carraa bal'aa qaba.

"Laappid caalaa carraa mo'achuu gaarii kan qabu Natanaahodha. Uummanni bahee eenyu filata kan jedhu akkuma jirutti ta'ee," jette Taal.