Bakki bashannanaa warra gurraachotaa irraa fudhatamee ture waggaa 100n booda maatiif deebi’e

Madda suuraa, LOS ANGELES TIMES VIA GETTY IMAGES
Aanga’oonni Loos Anjalas bakka bashannanaa qarqara galaanaa waggaa 100n dura abbaa lafaa gurraachotaa irraa fudhatame, dhaaltota isaaniif deebise.
Tibba loogiin sanyii Kaaliifoorniyaa keessatti babal’atee tureettidha lafti qarqara galaana Biruus warra guraachotaatiif lafa bashannannaa akka ta’uuf bara 1912tti bitamee kan ture.
Haata’u malee bara 1924tti mana maree naannichaatiin irraa fudhatame.
Aanga’oonni Loos Anjalas ammoo Kibxata darbe laficha maatiidhaaf deebisiisuuf waliigalan.
Wiilaa fi Chaarlas Biruus lafa lamaan dooraala 1,225 ture bara 1912tti kan bitan.
Ammaan tanattis lafichi gara doolaara miiliyoona 20 baasa.
Wiilaan tibba tokko gaazexessaadhaan ‘‘lafa riizoortii qarqara galaanaa bituuf yoo yaalutti yeroo hunda akka jalaa kufaa ture hime.
''Laftichi kanuma koo waan ta’eef qabadheetuman ture,’’ jedhanii ture.
Qarqarri galaana Biruus waggoota ittaanan kudhaniif, ‘‘lammiilee Afrikaa-Ameerikaa guutuu Kibba Kaaliifoorniyaa irraa bashannanaaf gara kanatti imalaniin eddoo bashannanaa ta’a’’ jechuun ture dubbi Himaan maatii BBC’tti kan hime.
Poolisiin naannichaa garuu mallattoolee konkolaataa daqiiqaa 10 ol dhaabuu dhorku dhaabeera.
Eddoo biraatti ammoo abbootiin qabeenyaa illee darbuu akka hin dandeenyeef mallattoo waan kaa’aniif namoonni bishaan bira gahuuf daandii fageenya km tokkoo akka imalan dirqisiiseera jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tarkaanfiiwwan kunneen dowwattoota dhaabuu waan hin dandeenyeef, aanga’oonni naannichaa seeratti fayyadamuun laficha fudhatan.
Seerrichis mootummaan lafa daandiifi tajaajilawwan ummataa biraatiif barbaade dirqiidhaan akka bitu gochuuf yaadamee kan bahe ture.
Aanga’oonnis paarkii ijaaruuf yaadanii akka ta’e dubbatan.
Haata’u malee naannichatti waggootaaf osoo homtuu hin hojjatamin turuun booda ijaarsi kan raawwatame.
‘‘Tarkaanfiin kunis bizinasiiwwan warra gurraachotaa fi sharikoota saanii ari’achuuf yaalii sanyii irratti bu’uureffate akka ture sirriitti mirkanaa’eera,’’ jechuun Kibxata yeroo lafti deebi’etti ibsameera.
Laficha deebisuuf duula baroota dheeraafi adeemsa rakkisaa keessa darbameera.
Qarqara lagaa kanas siidaan yaadannoon Wiilaa fi Chaarliis barootaaf irra dhaabbateera.
Seera tumaan bulchiinsichaa kanaaf jedhamee seera akka qabeenyichi deebifamu dandeessisu baasuu qaba ture.
Amma bulchiinsi magaalichaa maatiiwwan irraa laficha waggaan doolaara 413,000 kireeffachuun itti fayyadamaa jira.
Haala waliigaltee liizichaatti, gara fuula duraatti lafichi doolaara miiliyoona 20 fi baasiiwwan gara biraa dabaluun irraa bituu akka dandeessisu keewwata itti dabaleera.
Siidaan bakka bashannanaa sana keessa jiru namoota hedduun doowwatama.
Wiilaa fi Chaarlisiif kan ilma akaakilee ta’e Antoonii Biruus, ‘‘guyyaan kun akka dhufu mirkana hin turre’’ jedheera.
‘‘Gama faayinaansitiin isaan dadhabsiiseera. Abjuu milkaa’inaasaanii balleesseera. Osoo waan har’a ta’e kana arganii jedheen hawwa ture,’’ jedhe.
‘‘Naannawa seenaa Ameerikaa kun itti hin dubatamneeti, kun akka ija namoota banu abdiin qaba. Tarkaanfii kun dogongorawwan darban sirreessuuf kan dandeessisuudha jennee yaadna.’’
Miirri dhiibbaa lafa saamuu hanga har’aattuu jira jechuu dandeenya jechuun dubbate ture Shiipaardi duraan.
‘‘Hawaasa kana keessaa ari’atamne… hanga ammaattuu bakka bu’iinsi hawaasa Afriikaa-Ameerikaa qarqara galaana Maanhaataaniitti dhibba keessaa tokko qofaadha,’’ jedhe ragaa magaalichaa eeruudhaan.












