Dura Teessuun boordii filannoo Aadde Birtukaan fedhaan aangoo gadhiisaa akka jiran beeksisan

Madda suuraa, National Election Board of Ethiopia
Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta'an Aadde Birtukaan Midhagsaa fedha isaaniitiin aangoo gadhiisaa akka jiran beeksisan.
Waggaa afuriif walakkaa darbaniif Walitti Qabduu boordichaa ta'un kan tajaajilaa jiran Aadde Birtukaan, tasa aangoo gadhiisaa akka jiran kan beeksisan fuula miidiyaalee hawaasummaa isaanii gubbaa irratti.
Aangoo gadhiisuuf sababa murteessaniif yoo himan ''fayyaa koo akka ta'utti eeguuf boqonnaan yeroo dheeraa na barbaachisee waan argameefi'' jedhan.
Murtee fedhiin aangoo gadhiisuu kana ALI Waxabajjii 5, 2015 waajira Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf xalayaa eraganiin beeksisuu eeran.
Itti waamamni Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaafi.
Aadde Birtukaan gaafatama Boordii Filannoo Itoophiyaa keessaa qaban irraa guutummaatti kan ka'an ALI Hagayya 1, 2015 akka ta'ee ibsanii, ''yeroo hafte kesssatti hojiilee koo hin xumuramiin jiran xumuruu fi gaafatama ce'uumsa bulchiinsaa raawwachuudha'' jedhan.
Adde Birtukaan bara bulchiinsaa ADWUI keessa hooggantuu dhaaba mormituu Tokkummaan Dimookiraasiifi Haqaaf jedhamu turan.
Himannaa adda addaanis hidhaa kan turan aadde Birtukaan Miidhagsaa, waggaa afuriif walakkaa dura biyyatti deebi'uu isaaniin dura waggootaaf Ameerikaa turan.
Gara Walitti Qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaattis kan dhufan waamicha Ministirri Muummee Abiy Ahimad taasisaniifiini.
Aadde Birtukaan turtii isaanii waggoota afuriifi walakkaa keessatti filannoo biyyaalessaa tokkoofi riifarandamii sadii raawwachuu isaanii ibsan.
''Gaafatama natti kenname seera qabessummaa, haqummaa fi gaarummaan raawwachuuf yaalaa tureera'' jedhan.
Itti dabaluunis ''gama koon amanamummaa boordichaa fooyyessuun, sochii paartilee siyaasaa jajjabeessuuf hojii hojjenneen milkoofneerra jedheen amana'' jechuun ibsan.
Paartileen siyaasaa ''yeroo murteen isaan hin gammachiisnellee'' murtaa'u boordicha waliin wal-hubannaan hojjetaa turan jechuun galateefataniiru.
Ogeeyyii buleeyyii boordichaa, waahillan isaanii dubartoota ta'an, MM Abiy Ahimadiifi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa galateeffataniiru.












