Birtukaan Miidhagsaa: ''Waanti hanga ammaa erga darbee, yeroon amma booda jiru gaarii ta'a''

Madda suuraa, Twitter/FBC
Har'a ganama turtii waggoota torbaa Ameerikaa booda gara biyyaatti kan deebi'an hooggantuun dhaaba mormituu Birtukaan Midhaksaa maatiifi namoota itti dhiyeenya qabaniin simatamaniiru.
Mana maatii isaanii Faransaay Lagaasiyoon yoo gahan garuu jiraattoota naannichaa hedduun haala ho'aan simatamaniiru.
Ciminaafi ejjennoo qabanitti cichuu isaaniif kabaja qaban barreeffamoonni agarsiisan, mooraa mana maatii isheetti fannifamanii dargaggoonnis suura isaanii T-shirt isaaniirratti maxxansanii argamaniiru.
''Waggoonni torban darban salphaa hin turre, guyyaa tokkoon tokkoon isaatti isiniin yaada. Nama biyya koon yaada. Biyya koo guyyaa fi galgalli osoon hin yaadiin dabarse hin jiru'' jedhaniiru ergaa imimmaaniin waldhaansoo qabaa dabarsaaniin.
Waan wal arginu yeroon natti hin fakkaanne jira ture garuummoo kunoo wal argine jedhaniiru aadde Birtukaan.
''Waan hanga ammaa ture erga dabarree ammaa booda yeroon jiru yeroo gaarii ta'a,'' jechuun abdii qabanis ibsaniiru.
''Hanga ammaatti rakkoo baayyee keessa baaneerra . Baayyina rakkinichaa osoo hin taane gammachuu yeroo rakkinicha keessaa baanu jirutu guddaadha.''
Uummatni biyyattii wal hirkisuun miidhamni tokkoo kan isa kanaas akka ta'e yaadaa akka itti fifan dhaamaniiru.
''Qabeenyi koo isini,'' wanti abbootiifi haadholii keenyarraa barannes waliif ta'uudha jedhan.
Beeteliheem ishii duriif hiika maqaa Birtukaan amma
Harmeen Burtukaan manguddoon ganna 78 Aadde Almaaz G/Igzaabeer intala isaanii takkitti erga ijaan arganii waggaan shan darbeera.
Hanga yoomiitti akkas taanee jiraanna jedhanii akka dhiphatan BBCtti himan.
''Dhiphadhee jennaaniin si'a lama dhaqee argeen debi'e. Amma dhufeen silaala naan jennaan otoon hin du'iin intala koo arguuf jedheen baayyee gammade. Buufata xiyyaaraa dhaqeen eege achitti naa dhufte''
Obboleessi ishee Ayyalee G/Igzaabeer akka jedhaniitti hegereen Burtukaan waggoota dura abjuu abbaan isaanii arganiin hiikamee ture jedha.
''Dura maqaa biraa baasneef. hanga kutaa jahaffaattis Beeteliheem jedhamti ture. Abbaan ishee garuu maicqaan ishee jijjiiramuu qaba jedhee Burtukaan jedheen.'' Maqaan Burtukaan jedhu hiika dhokataa qaba akka eessumni ishee jedhanitti.
Birtuu- Kaahin kan jedhu hiika dhokataa maqa Burtukaani kana jechuunis Luba jabaa jedhu eessumni ishee kun.
Ammas cimina ishee kanaan uummatashee keessatti osoo hojjette baayyeen gammadas jedhu.
Haati seeraa mana murtii federaalaa duraanii, hooggantuun dhaaba 'Qinijjit' fi hundeessituun dhaaba Tokkummaan haqaafii Dimookraaasiif kan tura aadde Burtukaan waamicha ministirri muumme taasisaniifin gara biyyatti deebi'an.
Gosa hojii irratti hirmaatan ilaalchisee odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasummaarratti haasa'amaa jiraniin alatti wanti qabatamaan jiru garuu hin jiru.













