Ambaasaadar Saahileworq Zawudee: Pireezidantii haaraan maaliif barbaachise?

Madda suuraa, Anadolu Agency
Dr Mulaatuu Tashoomaa aangoo pirezedaantummaa isaanii gadhiisuuf erga gaafatanii Manni Maree Federeeshinii fi Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa har'a Ambaasaadar Saahileworqi Zawudee pirezdaantii Itoophiyaa gochuun muude.
Seenaa siyaasa ammayyaa Itoophiyaa keessatti Ambaasaaddar Saahileworqi Zawudee pirezedaantii dubartii jalqabaa tahuun muudaman.
Torban darbe Dr Abiy Ahimed kaabinoota isaanii keessaa %50 kan tahan dubartoota muudaniiru.
Hayyuun Sooshiyolojii Dr Biraanuu Leenjisoo tarkaanfiin kun dubartoota gara taayitaatti fiduun rakkoolee gama koorniyaan kanaan dura ka'aa turan maqsuuf kan gargaarudha jedhan.
Pirezedaantii dubartii muuduun hawwaasni idila adunyaa jijjirama biyya keessaa irratti ilaalcha gaarii akka qabaatan taasisa jechuun BBC'tti himaniiru Dr Biraanuun.
Kunis ilaacha adunyaan Itoophiyaaf qabdu jijjiira jedhan.
Pirezedanti Saahileworqi Zawudee, akka dippilomaatiitti muuxannoo fi beekumsa guddaa nama qaban waan tahaniif, kanatti fayyadamuun Itoophiyaan hariiroo biyyoota alaa waliin qabdu irraa akka fayyadamtu gochuuf hojjettu jedheen amana jedhan Dr Biraanuun.
Dabalataan pirezedaantiin duraanii Dr Mulaatuun hoggansa duraanii keessaa tokko waan tahaniif jijjirama amma jalqabe waliin walqabatee nama haaraan bakka buusuun bulchiinsaa haaraa ijaaruuf kan yaadame tahuu danda'a jedhan.
Pirezedaantiin murteewwan gurguddoo mootummaa keessatti aangoo olaanaa qabaachuu baatus, nama haaraadhaan bakka buusuun jijjiramicha fedhii uummataa waliin deemsisuuf waan hojjetame tahuu malas jedhan.
'Hojii isaaniin milkaa'oodha'
Keeniyaatti Ambaasaadara Itoophiyaa tahuun hojjechaa kan jiran Ambaasadar Diinaa Muftii waggoota 20 tahaniif pirezedaantii haaraa Itoophiyaa, pirezedaanti Saahileworqi zawudee nan beeka jedhu.
Waajjira Ministeera Dhimma alaa yeroo hojjechaa turan irraa eegaluun nan beeka kan jedhan Ambaasaadar Diinaan, pirezedaanti Saahileworqi nama hojiisaaniin milkaa'oo tahanidha jedhan.
''Nama amala gaarii qabanii fi hojii isaaniis gahumsa ogummaa gaariidhaan bahachuun nama beekamanidha,'' jedhan.
Keesuumaa hojii dippilomaasii irratti nama biyyaaf bu'aa guddaa buusan tahuusaaniin beeka jedhan Ambaasadar Diinaan.
Sadarkaa itti aanaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomaniitti yeroo Naayiroobii taa'uun hojjechaa turanis sochii karaa Imbaasii taasifnu keessatti adda durummaan nama hirmaataa fi nuuf ho'isaa turanidha jedhan.
Dabalataan gama barnootaanis nama milkaa'oo akka tahan BBC'tti himan.
Muudamni isaaniis dhiira qofaatu biyya bulcha ilaalcha jedhu kan cabsee fi biyyoota kaaniifis fakkeenya gaarii tahudha jedhan.
Ambaasaadar Saahileworqi Zawudee wal gahii addaa manneen maree lamaan har'a taa'aniin pirezedaantii Itoophiyaa tahuun bakka Dr Mulaatuu Tashoomee muudaman.














