Obbo Solomoon Araddaa abbaa seeraa Mana Murtii Ijibbaataa UN ta'uun 'biyyaaf bu'aa qaba' jedhan

Ogeessi seeraa Itoophiyaa beekamaan obbo Solomoon Araddaa Mana Murtii Ijibbaataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessa abbaa seeraa ta’anii akka tajaajilaniif filaman.

Obbo Solomoon Araddaa Waaqtolaa Ministirri Muummee Abiy aangoo erga qabatanii booda Pireezidantii I/Aanaa Mana Murtii Waliigalaa Itoophiyaa ta'uun muudamanii ammas tajaajilaa jiru.

Sagalee miseensonni Koree Yaa’ii Walii galaa UN guyyaa Kibxataa kennaniini obbo Solomoon kan filaman. Obbo Solomoon itti-gaafatama hojii mootummaa qaban dabalataatti waggoota torba dhufaniif hojii kana kan dalagan.

Turtii BBC waliin taasisaniin biyyaaf faayidaa guddaa qaba jechuun dubbatani. Kana dura lammiin Itoophiyaa biroo sadarkaa kanarra gahuun isaa hin beekamu.

Manni Murtii kun dhimma keessoo gamtichaa ilaala kan jedhan obbo Solomoon, adeemsi muudama abbootii seeraa yeroo dheeraa akka fudhate himan.

''Abbootiin seeraa waggaa torba torbaan filatamu. Kan abbootii seeraa kana kaadhimee dhiyeessu ammoo dhaabbata Internal Justice Council jedhamuudha.''

Jaarmiyaan kun beeksisa gita hojii kanaa baasee ogeeyyiin 380 ol irratti dorgomuus dubbatan.

Isaan keessaa namni 100 calalamee qormaata barreefamaaf akka dhiyaatan ta'e. Isaan kana keessaa tokkon ture. Achiis af-gaaffiif namoota 30 ta'an dhiyeessan'' jechuun adeemsa filmaataa ibsan.

Hojii kana namoota dhaabbiin hojjetan namoota afur kan hojii dhaabbii hin taaneen kan hojjatan lama kaawunsilii kanatu yaa'ii waliigalaa dhaabbatichaaf dhiyeesse jedhan.

''Haaluma kanaan kan ani irratti dorgome yeroo hojii walakkaan anaafi haadha seeraa Awustiraaliyaa kan taate dhiyaannee filannoodhaan ani caalmaa argadheen muudamni kenname.''

Biyyoota 190 keessaa sagalee deeggarsaa biyyoota 97 argachuu dubbatan. dorgomtuun isaanii kan Awustiraaliyaa sagalee biyyoota 90 argachuus himan.

Filannoon kun yaa'ii idilee kan US Niiwyoorkitti gaggeefame irratti raawwate.

Muuxannoon ogummaa seeraan sadarkaa biyyaa fi idila addunyaatti qaban milkaahina isaanii kanaaf akka gumaaches obbo Solomoon dubbataniiru.

Dhaabatni Biyyoota Gamtoomanii guutuu addunyaatti hojjettoota 100,000 ol qaba kan jedhan obbo Solomoon, wanti manni murtii kun ilaalu dhimma keessoo dhaabbatichaa mirga hojjetootaa irraa kaasee hanga dhimma qacarriifi bakka hojii mijataati jedhan.

''Namni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessa hojjetu mana murtii biyya keessa hojjetuu keessatti dhadacha hin dhiyaatu'' kanaaf Manni murtii kun hundaa'ee dhimmoota hojjetootaa akka ilaalu ibsan.

Manni Murtii kun Niiw Yoork, Jenevaafi Naayiroobidhaa waajira akka qabus himaniiru.

Hojiin isaanii kan yeroo guutuu waan hin taaneef waggaatti ji'a tokkoo hanga ji'a shanii kan hojjetamu akka ta'es ibsaniiru.

''Hojii kana irratti muudamuun koo hojii biyya keessatti hojjedhu hojjechuu na hin dhorku.''

Gumaacha muudamni isaanii kun biyyaaf qabu yoo ibsan ogeessi biyya tokkoo dhaabbata guddaa addunyaa tokko keessatti tajaajiluuf gahumsa qaba jedhamuun ''biyyaaf wanna guddaadha jedheen yaada'' jedhan.

Muuxannoo dhaabbata guddaa addunyaa keessatti horatamu biyyaaf oolchuufis hiree kenna jedhan.

''Sagaleen biyyoota guddataa jiranii kan Global South jedhamanii akka addunyaatti dhagaahamuufis gahee baha'' jedhu obbo Solomoon.

Solomooon Araddaa Eenyu?

Obbo Solomoon Araddaa Waaqtolaa dhalatanii kan guddatan naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Gabra Gurraachaa jedhamtu keessatti.

Waggoota 25 darban ogummaa seeraan biyya keessaa fi biyya alaatti bakka adda addaa hojiirra turu dubbatu.

Hojiin isaanii gara caalu kan abbaa seerummaa ta'us hojii gorsa seeraas hojjachaa turan.

Gama Barnootaan digirii isaanii jalqabaa Yunivarsiitii Finfinneerraa oogummaa seeraan argatan.

Digiriiwwan Maastarsii sadiis qabu. Amistardaam Yunivarsiitii irraa digirii Maastarsii seera diinagdee idila-addunyaa argataniiru.

US 'tti kan argamu Harvaard Yunivarsiitii irraas akkasuma barnoota seeraan digirii lammaffaa lamaan eebbifamaniiru.