Aadde 'Xajjiin' Itoophiyaa keessaa maal hojjetti?

Maqaan ishee Xajjii jedhama. Maatiin ishee Tazhii ykn Tajii-reey jedhanii waamu. Erga Itoophiyaa jiraachuu eegaltee as garuu maqaan ishee Xajjii ta’eera. Ishenis kana hin jibbine.

Sirriiyyu Ameerikaatti maatiin ishee guddisan baroota 1970mota keessa irra deddebiin yeroo isheen wagga saddeeti jirtuu kaasaanii gara mana nyaataa Itoophiyaanootaa akka geessaa turan yaadatti. Erga guddatteen boodas xajjiin akka bitamuuf himti.

Maqaan ishee Tajji-Reey jedhu kunis kan warra kaaniin adda akka ta’e yaadatti. Maqaan hiriyyoota ishee kitaaboolee keessatti, uffannaa irratti maxxanfame, ykn bakka garaa garaatti kan eeramu yoo ta’u, kan ishee garuu restoraantii (mana-nyaataa) Itoophiyaa keessatti qofaa argama.

Haata’u malee, walitti dhufeenya maqaa ishiifi Xajjii, akkasumas hidhanni ishee Itoophiyaaf qabdu haala kanaan ni ta’a jettee yaaddee beektii laata? Xajjii

"Maqaa koo maatiitu naaf moggaase’’ kan jettu Xajjiin, yeroo sanatti maatiin koo maaliif maqaa addaa kana akka naaf moggaasan beekuu baadhulleen garuu itti yaadaniituma Xajjii naan jedhan.

Amma erga gara Itoophiyaa dhuftee waggaa sadii kan taate Xajjiin, sababii amala hojii abbaa warraa isheetiin wal qabateen waggoota 30n darban keessa biyyoota garaa garaa irra akka naannoofte himti.

“Hojiin koo barreessuu waan ta’eef essayyu taa’ee hojjachuu nan danda’a. Yeroo ogummaa gaazexessimmaatiin hojjadhees ture. Amma kitaaba daa’immanii barreessaa kan jiru yoo ta’u, kan afaan Ingiliffaan barraa’an amma gara Amaariiffaatti hiikamuun maxxanfamaniiru,’’ jetti.

Xajjiin kitaaba ishee wayita gara Afaan Amaaraatti hiiksiftu afaanicha baayyee barachuu himti. Kanneen Ingiliffa barachuu barbaadanis ittiin barachuu danda’u jetti.

Xajjiin Itoophiyaa akka jaalattu himti. “Lammiileen Itoophiyaa kabajaafi jaalalli isaan namaaf qaban onnee koo na xuqeera. Jaalalaafi kabaja eessattuu argachuu hin dandeenyeen asitti argadhe.

Walitti dhiheenyi hawaasummaa anaaf eddo guddaa qaba. Kanaaf, Itoophiyaan jireenya koo keessatti eddo olaanaa qabdi,’’ jetti.

Kana malees, ilaalchi biyyattiif qabdu yoo ibsiitu, “ergan kitaaba kiyya xumureen booda manneen barnootaa hedduu daawwachuuf carraa argadheen jira. Ijoollee walinis kitaabicha dubbifneerra,’’ jetti.

Kitaaba Xajjii

Yaadni kitaaba ishee kan dhufeef saree daandiirratti gatamtee tokko fudhattee guddiisuu wayita murteesiteetti ta’uu dubbatti.

Sareen isheen guddisuuf fudhattee galtes ambulaansiin karaa saaniitiin wayita darbu hunda waliin akka duttu dubbatti.

Xajjiin dhaabbata saroota gataman waliitti qabuun guddisu tokko waliin walitti dhiheenyaan mar’ataa turte.

Dhaabbanni miti-mootummaa Addis Animaal Pirojakt’ jedhamu tokkos saroota qofaa osoo hin taanee beeladoota gataman hunda irratti xiyyeeffachuun hojjata. Dhaabbatichis baayyina saroota daandiiwwan magaalaa Finfinneerratti argaman hir’isuu irratti kaayyeeffachun kan hojjatudha.

Dhaabbanni kun saroota daandiirra jiran kaasuun wallaansa kennuu, kunuunsee bakka jireenyaa mijeessaaf.

Xajjiinis sareen ishee guddiisuudhaaf murteessite ka’umsa godhachuun, kitaaba da’imman beeladoota daandiirraatiif kunuunsa akka taasisan barsiisu barreesite.

Hiriiyyoota

Xajjiin seenaa kitaabichaa kan eegalte waa’ee ilmoo saree xiqqoo takkaan. Seenaan isaas hiriyyummaa cimaa ijoollee isheefi saree sana jidduu jiru irratti xiyyeeffachuun waa’ee saroota daandii irra jiraatanii dubbata.

Kitaabicha wayita barreesiteettis yoo xinnaate daa’imman waa’ee beeladoota daandii irra jiraatanii akka hubatan gochuuf jetti.

Booda daa’imman kunneen wayita guddatanis hawaasa keessatti haala jijjiruuf ni gummaachu amantaa jedhu akka qabdu dubbatti.

Xajjiinis manneen barnootaa adda addaatti qaamaan argamuun barattoota waliin kitaabicha akka dubbifte himti.

Namoonni waa’ee kitaaba ishe maal jedhan?

Namoonni tokko tokkos yeroo namoonni rakkataa jirutti isa dhiiftee waa’ee saree dubbachuun akka ishee qeeqan taasisuu dubbatti.

‘‘Ani namootaaf eddo olaanaan kenna. Dhimmoon dursi kennamuuf qabaatu jiraachus nan amana. Waa’ee saroota wayitan barreesseettis kan isaanii caalchisee osoo hin taane, dhimmichi kan wal qabatu waan ta’eefidha,’’ jetti.

Barreesituun kun magaalaa Finfinnee keessa qofa beeladoonni gara nuusa miiliyoonaa ta’anitu daandiiwwan magaalattii irra jiraata.

Kun dabalaa yoo deemes dhibbaan isaa olaanaa ta’uu akka yaaddooftu himti. Kaanarra ka’uun kitaaba kana akka barreessite dubbatti.