Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tilmaama Piriimer Liigii: Siitiin qabxii gataa laata? Arsenaal hoo?
Tootenhaam Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessatti ga'umsa ajaa'ibaa agarsiisaa jira. Haata'u malee, haalli Piriimer Liigii keessatti itti jiru garuu leenjisaa garichaa Tomaas Firaankiif yaaddoodha.
Torban darbe barnilee waliin walqixa yeroo bahe dirree seenee kan daawwate xiinxalaan ispoortii BBC Kiriis Saatan deeggartoonni Tootenhaam akka aaranii turan dubbata.
Tootenhaam Dilbata dhufu Maanchester Siitii simatee keessummeessa. Dursaan Liigichaa Arsenaal ammoo gara Liidis deeme etaphata.
Taphoota Piriimer Liigii torban 24ffaa Suutan akka itti aanu kanaan tilmaameera.
Sambata
Biraayiten v Everten
Jaak Giriilish tapha kana irratti hirmaachuu dhabuun Everteniif miidhaa guddaadha.
Faallaa kanaan ammoo Ilimaan Nindaayeen deebiyuu fi jifataan isaanii Baariin goolii lakkoofsisuutti milkaa'aa jiraachuun oduu gammachiisaadhaaf.
Everten bara kana keessa ga'umsa isaan dirreetiin ala agarsiisaa jiran gaariidha. Onkoloolessa darberraa kaasee dirreen ala kan isaan mo'aman ti'a tokko qofaadha.
Gare dirree Biraayten yeroo dhufan ammoo rikkardii caalaa gaarii ta'e waan qabaniif tapha kanarraa waan tokko ni argatu jedheen yaada.
Biraayiten ammoo ga'umsa dhaabbataa agarsiisuu baatullee, dirree isaaniirratti tokko qofaa mo'aman.
Tapha kanarraa qabxii tokko ni argatu jedheen yaada.
Tilmaama: 1-1
Liids v Arsenaal
Tahni kun gaarii akka ta'u nan eega. Gahumsa Arsenaal irratti argamus kan nutti agarsiisu ta'a.
Liidsi derreesaaniirratti gaarii ta'aniiru. Hojii Daani'eel Faark hojjecha ajiru kan dinqisiifatamudha. Falmii wixata darbe Everten waliin tureen qabxii sadii argachuu dahbuun isaa kan nama gaabbisiisu ture.
Arsenaal Hagayya darbe Liidsiin simatee 5 fi 0n mo'atee ture. Haata'u malee, amma tapharratti dandeettiin isaan goolii lakkoofsisanii gaaffii keessa galeera.
Gareen Mikeel Arteettaa akka mo'atu tilmaamullee taphni kun Ze Gaanarsiif salphaa akka hin taanen tilmaama.
Akkuma baratame kubbaa dhaabaterraa goolii galchuun ni moa'ata.
Tilmaama 0 -1
Woolvis v Bornimaawoz
Woolvis amma kan taphatan kabajaafidha. Taphoota muraasa darban keessa dadammaqinsa gaarii agarsiisaniiru. Haata'u malee, Piriimer Liigii keessaa kufuun isaanii waan hin oolledha.
Bornimaawoz tapha torban 23ffaa irratti goolii daqiiqaa dhumaarratti lakkoofsisaniin Liiverpuuliin mo'achuu danda'aniiru.
Ta'us garuu gahumsi isaan dirreetiin ala qaban yaaddessaadha. Hagayya darberraa kaasee si'a tokko qofa mo'atan.
Bornimaawoz goolii akka lakkoofsisu beekullee akka isaanittis galu tilmaamuu nan danda'a.
Tilmaama: 1 -1
Chelsii v West Haam
Chelsiin Shaampiyoons Liigii Awurooppaatti Naappoolii mo'atee gara sadarkaa itti aanuutti darbeera.
West haam waan amantaa irratti qabaattu miti. Torba muraasa dura waan abdii kutate fakkaata. Taphoota sadan darbanirratti garuu dadammaqeera.
Chelsiin walakkeessa torban kanaa gara Xaaliyaan gahee dhufuun isaa dadhabsiisuu danda'a shakkii jedhu qabaadhullee, akka mo'atun tilmaama.
Tilmaama: 2 - 1
Liiverpuul v Niiwukasil
Tapha Niiwukasil Shaampiyoons Liigii keessatti gocha jiru gabaasuuf gara Paaris deemeen ture. Jalqabbiin isaa dadhabaa fakkaatullee daqiiqaawwan dhumaarratti garuu carraa ittiin mo'achuu danda'an balleessaniiru.
Niwukasil taphataan isaa sarara gidduu Burunoo Gumeresh hiriiruu baannaan carraan mo'achuu isaa xiqqaa akka ta'u ragaan ni agarsiisu.
Leenjisaan Niwukasil Eedii Hawu taphattoota sarara gidduu falmii Liiverpuul waliin qabuuf waan boqochiise fakkaata tapha PSG waliin turerratti.
Akkasis ta'ee garuu Anfiild irratti Liiverpuul akka mo'atun tilmaama.
Tilmaama: 2- 1
Dilbata
Aston Viilaa v Bireentifoord
Tiilimaans, Magiin fi Kamaaraan sababa miidhamaan Viilaaf hin taphatan. Torban darbe Maagiin fi Kamaraan jiraachuu baatanis gara Seeyint Jams Paarki deemee mo'ateera. Tapha kanaanis waanuma walfakkaatun eega.
Taamii Abrahaam deebiyee Viillaatt makameera. Olii Waatkins waliin ta'uun sarara fuula duraa ni jabeeffatu jedheen yaada.
Bireentifoord cimina torbanoota darba keessa agarsiise garee Shoon Daayeshii Notingihaamiin dhaabbachuu danda'eera.
Tilmaama 2 - 0
Maanchester Yunaayitd v Fuulhaam
Osoo Maanchester Yunaayitid ji'ota muraasa dura beeknu osoo ta'ee Fulhaam ni mo'ata jedheen tilmaama ture.
Amma garuu akkasitti hin tilmaamu.
Erga Kaarik Maanchster Yunaayitid leenjisuu jalqabee as taphattootaaf wanti jiru salphateera.
Buruunoon kubbaa qabatee soch'uurra darbee akka fedhetti taphachaa jira.
Fuulhaam yeroo hunda goolii galchuu akka danda'us nan beeka. Haata'u malee, amma Yunaayitid dammaqeeruti mo'ata jedheen tilmaama.
Tilmaama : 2 -1
Notigihaam Forest v Kiristaal Palaas
Forest tapha kana mo'annaan Palaas waliin qabxii wal qixa qabaata. Palaas yaaddoo keessa kan jiru fakkaata. Gara kufaatiitti harkifamaa jira natti fakkaata.
Kana jechuuf fedhii dhabus leenjisaan Palaas Oiiver Gilaasinar seenaa hojjetullee akka gadhiisuu qabu natti dhaga'ama.
Palaas tapha kana ni mo'ata tilmaama jedhu hin qabu.
Tilmaama: 1 - 0
Tootenhaam v Maanchester Siitii
erliing Haalaand gara goolii lakoofsisuutti deebiyeera. Shaampiyoons Liigiirratti Galaatasaraay irratti goolii bareedduu lakkoofsiseera.
maark Ghii fi Antiwaan Semeeniyuu tapha kanaaf gahumsa gaarii qabaachuun isaanii Siitiif oduu gammachiisaadha.
Arsenaal irratti dhiibbaan akka cimu gochuuf Siitiin hojii isaanii hojjechuu qabu. Taphni kun Siitiif salphaa ta'uu baatus, Guhiin dhufuun sararri ittisaa isaanii cimeeraf.
Deeggartoonni Tootenhaam gahumsa yeroo ammaa gareen isaanii agarsiisa ajiruun gammadoo miti. Tapha kanaanis wanti isaan gammachiisu jira jedhee hin yaadu.
Tilmaama: 0 - 2
Wixata
Sanderlaan v Barnilee
Woolvis Liigicha keessaa ni baha jedhee ergan tilmaamee torbanoonni murasni lakkaa'amaniiru. Amma ammoo dabareen kan Barnilee fakkaata.
barnileen taphoota walqixa bahu mo'achuu qba. Torban darbe tapha Tootenhaam waliin taphateen daqiiqaa dhumaarratti goolii irratti galeen walqixa bahe.
Sanderlaand ammoo Amballii isaanii Giraaniit Zhaakaa miidhamaan dhabullee salphaatti harka hin kennan.
Tilmaama: 1 - 0