Daangaa naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar gidduutti walitti bu'iinsi uumamuu KMNI mirkaneesse

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa A.L.I Amajjii 17, 2018 kaasee naannawa daangaa naannolee Tigraayi, Amaaraa fi Affaaritti walitti bu'iinsa dhalate hordofee haala mirga mirgoota namoomaa hordofaa akka jiru hime.

Komishinichi ibsa kan baase Jimaata kaleesssaa Amajjii 30, 2026 yoo ta'u dhimma kanarratti mootummaan federaalaa fi naannoo Tigraay hanga yoonaa homaa hin jenne.

Keessummaa naannawa Tsallamt, Magaallee fi Aba'aalaatti walitti bu'iinsi dhalate "lubbuu namaa fi nageenyummaa namootaa balaarra kan buusu" akka ta'e hime komishinichi.

Torban dabre Dilbata kaasee "iddoowwan daangaa" naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar gidduutti argaman tokko tokkotti walitti bu'iinsi dhalachuu ibse.

Keessummaa walitti bu'iinsiwwan naannawa Tsallamt, Magaallee fi Ab'aalaatti uumaman "lubbuu namaa fi nageenyummaa namootaa balaarra kan buusan" akka ta'an beeksise.

Hanga ibsi kun bahetti keessumaa, naannawa Tsallamti, Magaallee fi Aba'aalaatti walitti bu'iinsa uumame hordofee lubbuu namaa, nageenyummaa namootaa, bilisummaa fi mirga qabeenyaa haalonni yaaddoorra buusan uumamuu hubachuun danda'ameera jedhe komishinichi.

Naannawa kanneenitti walitti bu'iinsa uumamee fi sochii waraanaa hordofee haalli gara waraanaatti ceesisu uumamuu danda'a yaaddoo jedhuun jiraattonni iddoowwan "Komaandipoostii" jalatti bulan magaalaa Allaamaaxaa fi iddoowwan biraatii buqqa'uusaanii akkasumas sochii namootaarratti daangeffamni kaa'amu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hubateera.

Walitti bu'iinsi kuni naannichatti nagaa fi tasgabbii wayyoo qabu kan waliigaltee Piriitooriyaatiin uumamee ture of duuba kan deebisu, hawaasa naannichaas miidhamaa, buqqaatii dabalataafi sarbama mirga namoomaa olaanaaf kan saaxilu dha .

Waan kana ta'eefis qaamoleen walitti bu'iinsa kana keessatti hirmaatan hunduu gochaawwan rakkoo kana hammeessan irraa akka of qusatan, namoota nagaa fi bu'uuraalee misoomaarratti haleellaa raawwachuurraa akka of qusatan akkasuma walitti bu'iinsaaf dhimmoota ka'umsa ta'an bu'uura seeraatiin marii fi waliigalteen hiikuuf kutannoon akka hojjetan Komishiniin kun hubachiise.

Tarkaanfiin kamuu qajeeltoowwan mirgoota namoomaa kan kabajan keessumaa daangeffamoonni mirga namoomaa irra kaawaman bu'uura dawoowwan mirga namoomaa idil-addunyaa fi biyyaalessaatiin qajeeltoowwan seerummaa, barbaachisummaa olaanaa fi madaalawummaa jedhaman kan kabajan ta'uu mirkaneeffachuu barbaachisa.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hordoffii mirgoota namoomaa idileetiin cinatti qaamolee dhimmi kun ilaallatu dubbisuun walitti bu'iinsi dhalate mariidhaan haala hiikkaturratti carraaqqii akka godhu ibsa.