Itoophiyaan ''ajandaa waraanaaf deeggarsa argachuuf duula dippilomaasii narratti cimsite''- Ertiraa

Ertiraan mootummaan Itoophiyaa ''ajandaa waraanaasaatiif deeggarsa argachuuf duula dippilomaasii eegale cimseera,'' jechuun himatte.

Mootummaan Itoophiyaa ''guyyoota darban'' keessaa xalayaawwan Ertiraa himatan gara ''Baarreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dureewwan biiyyotaatti ergeera'' jechuun balaaleeffatte.

Mootummaan Ertiraa himannaa kana Itoophiyaa irratti kan dhiyeesse Kamisa kaleessaa Waxabajjii 26, 2025 ibsa Ministeera Beeksiisa biyyattii baaseetiin.

Ibsi mootummaa biyyattii, Itoophiyaan ''walitti bu'iinsa sababaan haguuguu fi kakakassuuf alaabaa sobaa mirmirsaa jirti'' jechuun himata.

Ibsichi ''guyyoota darban muraasa keessatti'' mootummaan Itoophiyaa ''duula dippilomaasii Ertiraa irratti bane cimsee itti fufeera'' jechuun himata. Duulli dippilomaasii kunis xalayaa gara ''Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamatoomanii fi gara biyyoota hedduu fi dureewwaniitti'' erguu kan dabalate akka ta'e ibseera.

Xalayaan barraa'ees ''Ertiraan 'irra dedebiin dubbii barbaacha akkasumas sarbama birmadummaa fi daangaa Itoophiyaatiin'' himachuudhaan'' akka ta'e ibsi kun kaaseera.

Mootummaan Itoophiyaa xalayaa qabiyyee akkasii qabu hawaasa idil-addunyaatiif barreessuu isaa ilaalchisee wanti ifatti ibse hin jiru.

BBC dhimma kanarratti Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa, Ambaasadar Nabiyaati Geetaachoo irraa yaada argachuuf bilbila bilbiluufi ergaa gabaabaa barreeffamaa ergulleen ammatti deebii hin arganne.

Haata'u malee, marsariitiin sabaa himaa mootumamatti dhiheenya qabu ''Lu'aalaawii'' jedhamu, ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos mootummaa Ertiraa ilaalchisee ''hawaasa idil-addunyaatiif xalayaa tamsaasuu isaa'' gabaasee ture.

Suuraan gabaasicha waliin walitti qabsiifame, xalayichi torban darbe guyyaa Jimaataa Waxabajjii 20, 2025 akka barreeffame kan mul'ise yoo ta'u, ibsa Ertiraa irratti ''dubbii barbaacha irra deddeebii raawwachuu'' fi hiima ''sarbama daangaafi walabummaa'' raawwachuu kan ilaalatu of keessatti hammateera.

ALI bara 2010tti Ertiraa fi Itoophiyaan waliigaltee waliin mallatteessuu hordofee jijjiramoota gaarii dhufan kan yaadachiise xalayichi, yeroo sanatti gama Asmaaraatiin ''deebiin argame jajjabeessaa'' akka ture ibseera.

Haata'u malee, ''waraanni Kaabaa Itoophiyaa biyyattii dadhabsiisuu akka carraatti fudhatee kan ture'' mootummaan Ertiraa, waliigalteen Piritooriyaa mallaatteeffamuu hordofee, ''yeroodhaa gara yerootti ejjannoo dubbii barbaachaa qabachuu eegale'' jechuun himata.

Dabalataanis ministeerri dhimma alaa, mootummaan Ertiraa ''gartuu TPLF waliin qindoomiinaafi walta'insa uumuudhaan akkasumas humnoota hidhatan kaan waliin wal ta'uudhaan ganna dhufaatti haleellaa waraanaa cimaa raawwachuuf qophaa'eera'' jechuun akka himate gabaasicha keessatti hammatameera.

Akka gabaasa kanaatti, mootummaan hawaasa idil-addunyaa, ''gaanfa Afriikaatti nageenyi akka mirkannaa'uuf walabummaafi birmadummaan daangaa Itoophiyaa akka kabajuuf mootummaa Ertiraa irratti dhiibbaa akka taasisuuf'' waamicha dhiyeesseera.

Mootummaan Ertiraa gamasaan ibsa kaleessa (Waxabajjii 26, 2025) baaseen, xalayaa mootummaan Itoophiyaa barreesse ''dogongorsa baratamedha,'' jechuun ibse.

Duulli dippiloomaasii kun hawaasa idiladdunyaa dogoggorsuu fi kanaanis tarkaanfii waraanaa isaa, kan yeroo dheeraaf uummata walnyaachisaa ture, irratti deggarsa argachuu kan kaayyeffate jechuun himatte.

Ibscihi ''dhugaan jiru garuu paartiin amma Itoophiyaa bulchaa jiru Badhaadhinni, buufataalee doonii Ertiraa karaa seeraanis ta'e yoo barbaachisaa ta'ee argame ammoo tarkaanfii waraanaan fudhachuuf waggoota lamaan darban ibsa itti gaafatamummaa hin qabneefi doorsisa waraanaa keessa galaa jiraachuusaati,'' jedha.

Mootummaan Itoophiyaa ''meeshaalee waraanaa bituurratti bobba'ee jira,'' jechuunis himateera ibsi kun.

Ibsi mootummaa Ertiraa kun kan ba'e wayita aanga'oonni Ertiraa fi Itoophiyaa walirratti xiyyeeffachuun dubbii walitti deddeebisaa jiranitti ba'e.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqii Caamsaa darbe keessa wagga 34ffaa guyyaa walabummaa biyyattiirratti haasaa wayita taasisan, mootummaa Itoophiyaa fi paartii aangoo harkaa qabu, badhaadhina, kallattiidhaan himataniiru.

Pirezidanti Isaayaas mootummaan Itoophiyaa ''dhimma bishaanii, Abaay fi Galaana Diimaa, ulaa galaanaa argachuu, yaada Oromummaa kan uummata Oromoo bakka hin buune, walitti bu'iinsa Kuush fi Seem, dhimma uummata Affaar fi dachee isaa akka ajandaatti fayyadamuun,'' sochii waraanaa taasisaa jira jechuun dubbachuunsaanii ajandaa falmisiisaa ta'ee ture.

Pirezidantichi dubbiisaanii kana keessatti ''keessattuu dhimma yaada Oromummaa'' jedhurratti himannaan isaan dhiheessan beektota Oromoo biyyoota addunyaa garaagaraa keessa jiraatan dabalatee qaamolee garaagaraa irraa qeeqi irratti dhihaateera.

Torbeema sana keessa miidiyaalee biyya keessaaf ibsa kan kennan Ministirri Ittisaa Itoophiyaa Ayishaa Mahammad ''haala kanaan waa'ee Itoophiyaa dubbachuunsaanii amalasaanii baratamaa ta'uu ni beekna,'' jedhanii turan.

Xumura ji'a Caamsaa keessa mana maree bakka bu'oota uummataaf ibsa kan kennan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) mootummaan Itoophiyaa mootummaa Ertiraa waliin ''waraana jechootaa ykn jechootaan wal qoccoluu keessa hin seenne,'' jedhanii turan.

Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti hammaachaa dhufus waliigaltee bara 2010 ALI taasifame hordofee banamuun deebi'ee kan cufame daangaan Zaalambassaa gama naannoo Tigraayin jiruu fi daandiiwwan Raamaa torbee darbe banamaniiru.

Daangaan kunneen kan banaman ''biyyoota lameen irraa ifatti deeggarsi osoo hin taasifamin sochii rogeeyyii fi bakka buutonni naannawa kanaa taasisaniin'' akka ta'e ibsame.

Mootummaan Ertiraa fi naannoon Tigraay waan kanarraa mormii akka hin qabnes ibsameera. Daangaawwan kunneen banamuu ilaalchisee hanga ammaa mootummaa federaalaa irraa ibsi kenname hin jiru.