Doonald Tiraamp 'mana koo maaf sakatta'e' jechuun FBI himate

Doonald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantin duraanii US Doonald Tiraamp 'mana koo maaliif sakatta'e jechuun Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) irratti himata bane.

Manni murtii qorannoo dookumentiiwwan mana isaatii argaman irratti taasifamu akka addaan kutu gaafate.

Gareen abukaatoo Tiraamp, dookumentiiwwan FBI jalqaba ji'a Hagayyaa mana Tiraamp isa Mar-a-Lago jedhamu keessaa arge ilaaluuf abbaan alangaa bilisa ta'e akka ramadamus gaafatan.

Akka FBI jedhetti, gaafa Hagayya 8, 2022 mana Tiraamp Filooriidatti argamu keessaa dookumentiiwwan icciitii biyyoolessaa ta'an sanduuqa 11 tu argame.

Kanarraa ka'uun Tiraamp irratti dookumenttii qabeenya biyyoolessaa ta'an mana dhuunfaa isaa kaa'uu isaatif qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.

Pirezidaantin US tokko gaafa aangoo irraa bu'u, dookumentiiwwanii fi imeeliwwan hunda ejansii mootummaa Man-kuusaa Biyyoolessaa jedhamutti kennuu qaba.

Yeroo ammaa qorannoon FBI gaggeessaa jirus Tiraamp dhuguma dookumetiiwwan icciitii biyyoolessaa qaban Waayit Haawus fuudhee gara mana isaatti galchuu fi dhiisuu adda baasuf akka ta'etu himama.

Tiraamp gama isaatin yakka homaa akka hin goone fi dookumetiiwwan argaman jedhaman icciitii homaa kan hin qabneedha jechuun waakkate.

Gareen abukaatoo Tiraamp himata mana murtii Filoriidatti bananiin biiron haqaa dookumentiiwwan siyaasaf isaan gargaaru ykn Tiraamp filannoo dhufu irratti akka hin hirmaanne gochuuf waan isaan gargaaru barbaacha qorannoo kana banan jechuun komatan.

"Doonald Tiraamp Filannoo bara 2024 tif Rippaabilikaanota bakka bu'uun dorgomaa cimaa ta'ee dhiyaachuu danda'a, yoo murteesse jechuudha," jedha himatni kun.

"Lammiilee Ameerikaa hundaaf wabii ta'e kan tiksu seera kabajuudha, garuu dhimma siyaasaf akka meeshatti hojiirra ooluu hin qabu," jedha himanni Tiraamp dhiyeesse kun.

Gareen seeraa Tiraamp kun mootummaan odeeffannoo dhugaa hin taane akka waan icciitin mana Tiraamp argameetti miidiyaalee isaaf mijatanitti hime jechuun komatan.

Mana Jireenyaa Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Biiron Haqaa gama isaatin, himannaa Tiraamp bane kana quba akka qabuu fi mana murtiitti dhiyaatee deebii akka kennus ibsee jira. Oduu himaan biirichaa Antonii Kooleey akka jedhetti sababa qabatamaa irratti hundaa'un manni Tiraamp akka sakatta'muuf ajaja kan mirkaneesse mana murtii federaalati.

New York Times Hagayya 22 akka gabaasetti dookumentiiwwan 300 ta'an kan odeeffannoo CIA, Ejansii Nageenya Biyyoolesaa fi FBI of keessaa qaban mana Tiraamp keessaa argamaniiru.

Dookumentiiwwan mana isaatii fudhataman keessaa qabiyeewwan ajaja mana murtii keessa hin jirre akka deebi'aniifis himata bane kanaan Tiraamp gaafatee jira.

Akkasumas abukaatonni isaa abbaan alangaa bilisa ta'e dhimmicha akka ilaalu fi dookumentiiwwan mana Tiraampii fuudhaman mirga inni odeeffannoowwan tokko tokko of harkatti qabachuuf qabu kan eeguf ta'uu fi dhiisuu akka qoratuuf gaafatanii jiru.