Abbaan Elon Maask waa'ee ilmasaanii maal jedhan?

Elan Maask dureessa addunyaa kanaati. Nama teeknolojiidhaan hojiiwwan uumeefi dureeyyota gola angaa'ota siyaasaa olaanoo aangorra jiranii seenan muraasa keessaayi.

BBCn waa'ee dureessa kanaa kan namootni kaan 'Pirezedaantii Ameerikaa ifa hin taane' jedhaniin kana akkaataa guddina isaanii fi seenaa ijoollummaa isaanii Abbaa isaanii Erool Maask waliin addatti gaaffiif deebii taasise.

"Xiyyaara motora lama qabu kanin ani bitachuu barbaaduuf maallaqa muraasa naaf ergee ture. xiyyaaricha bituuf xiqqoo harki nagabaabbatee ture kanaaf maallaqa naaf erge. Anis Galatoomin jedheen" jedhu Erool.

Taateen Abbaan Elon Maask jedhan kuni gaaffiif deebii kana guyyoota muraasa dura waan ta'eedha.

Erool Mask Villaa isaanii qarqara Galaanaa, kan Keepi Taawun jirurraa gama Zoom tiin gaaffiif deebii kana godhan. Fuula isaaniirraa gammachuu fi ofitti amanamummaatu mul'ata.

Torbee muraasa dura yeroo waa'ee ijoollummaa fi guddina ilma isaanii, kan dureessa addunyaa kanaa ta'e Kanaa gaaffiif deebii isin faana gochuu barbaada wayitan jedheen salphisaniituma 'tole. guyyoota itti aanan' naan jedhan. Akkas salphisuun isaanii Baayyuma na ajaa'ibe.

Elan Maask bara 1971 magaala Guddoo Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti dhalatan. Abbaan isaa injinara yoo ta'an haati isaa, Maayen ammoo Moodeeliidha.

Erga maatiin isaa wal hiikaniin booda Afrikuma Kibbaatti Abbaa isaa Eerool biratti guddate. Bara 1989 gara Kaanaadaatti imale.

Akka Erool jedhanitti , ilmi isaanii Elan "Mucaa gaarii fi dhibdeerraa bilisa ta'e" yoo ta'u nama waan barbaadu argachaa guddate.

Akka abbaan isaa kuni jedhanitti, ilmi isaanii kuni hanga 'Sadarkaa tokkoffaa' qabatutti akka hin dhaabbanne nan beekan ture jedhu.

Elan har'a dhaabbilee Teeslaa, SpaceX fi X (kan ammaan dura Twitter jedhamuu fi amma jalqabbii AI waliin walitti makame) bulcha. Ji'a Gurraandhalaa darbe Wall Street Journal qabeenya isaa Doolaaraa Biliyoona 419.4tti tilmaame.

Elan Maask Gorsitoota Pirezedaantii Ameerikaa keessaa kan ifaatti beekamuu fi dhihoo kan hundaa'ee dippaartimantii milkaa'ina hojii mootummaa (DOGE) nama hoogganudha.

Guddina gidiraa keessa darbe

Ijoollummaan Elan Mask qorumsaan kan guutamee fi hariiroon abbaa isaa waliin qabus walxaxaa ture. "Mana barumsaatti Gaangistarootaan adamsama, san booda mana galta. Haala hamaa ture" jechuun seenaa jireenyasaa nama barreesse Ashlee Vance tti hime.

Kitaaba seenaa isaanii kan biraa irratti ammoo obboleessi isaa Kimbal, abbaan isaanii ijoollummaa isaaniitti dubbiidhaanis akka isaan hacuucu himeera.

"Yeroo hunda sitti iyya. Sa'aatii dheeraaf sigorsa. Nama faayidaa hin qabnedha siinjedha. Jechoota fokkisoodhaan nutti dubbataa ture" jedha.

Elan Mask Gaaffiif deebii bara 2017 kenne irratti abbaa isaatiin "Dhala namaa isa hamaadha" jechuun hanga ibsuutti gahee ture. Abbaan isaa ammoo Ilmi isaa kuni maaliif akka akkas jedhe naaf hin galle jedhu.

"Amma yeroo baayyee nagumaan waliin haasofna. Tarii yeroo wayii dhufee dhiifama akka nagaafatu nan abadadha. Ammoo ijoolleen yeroo tokko tokko abbaa isaanii faana akka dorgomuu barbaadanis hin dagatin" jedhan.

Erool waraana keessatti tajaajiluun isaa amala isaa irratti dhiibbaa akka uume hin haalan. "Yeroo hedduu gadi jettee akka hojjechuu qabdutu sitti himama. Eegasii guddachaa dhufta. Sababa kanaani nama cimaan kuni kan bahe" jedhan.

Erool fi Elan waan wal isaan fakkeessu hedduu qabu. lamaan isaaniituu namoota bebbeekamoo dubbii walfamisiisaa dubbatani, lamaanuu nama biizinasiiti. Kana malees lamaanuu ijoollee baayyee qabu. Erool Ijoollee torba, Elan ammoo ijoollee 14 akka qabutu amanama.

Erool ilmi isaanii kuni "sababa hojiitiin ijoolleesaa kaaniif akka ilaalcha gaarii hin qabneefitu himama. Ani garuu yeroo hunda nan gorsa. Ijoolleesaa hundaafuu xiyyeeffannaa walqixa kennuu qaba" jedhan

Yeroo gaaffiif deebii kana goonu Erool waa'ee intalasaa 4ffaa, Jani Bezidonhut dagatanii ture. Jazan maatii Maask kanatti umrii ishee waggaa afuritti itti makamte. Yeroo Erool haadhashee Heyidee fuudhan jechuudha.

Jalqabarratti yeroo Erool ijoollee dubaraaa sadin qaba jedhan na ajaa'ibee ture. dafee yaadasaa sirreessee afur akka ta'an hime. "Yeroo hunda waa'eeshee dagachuukoo hin dhiisne jechuudha" jedhanii kolfan.

Jana fi Erool mucaan isaanii jalqabaa kan dhalate yeroo isheen ganna 30 taatetti. Yeroo sana Erool umriin isaanii ganna 70. Ergasiin mucaa lammaffaa godhatanii ture garuu eegasii waliin hin jiraanne.

Siyaasaa fi arrabsoo

Elan Maask yeroo ministira dhimma alaa Poolaand 'nama xiqqoo' jedhee arrabsu sana Eroolitti kaaseen ture. Mucaan isaanii yeroo akkasitti ifatti namoota dubbii isaaniitiin mufachiisU isin yaaddessaa?

"Jecha tokkoon tokkoon Elan dubbatu nayaachisa. Isa qofa miti kan ijoolleekoo kaaniis. Sababa Kanaan rakkoo keesa seenu kan jedhu nan sodaadha" jedhan.

"Yeroo xiqqaa turerraa kaasee nama jabaadhaan 'ati nama taatu miti' jettee itti hin dubbatin jedhaaniin ture. Inni garuu 'Yoo isaan nama hamaa ta'an maalifan ati hamaadha hin jedhuun? jedha. Animmoo isaan hamoo ta'uu malu garuu ati itti himuu hin qabdun jedhaan" jedhu Erool.

Garuu Addunyaa siyaasa keessatti qumaara baayyeetu jira. Warri har'a maqaa walii kaasee maqaa walballeesse borummoo gamtaa uumanii waliin yoo dhaabbatan argitas jedhu abban Elan Maask Erool.

Elan kooriidarii siyaasaa keessatti dhiibbaa guddaa uumaa jiraatullee abbaan isaa garuu inni nama siyaasaaf mijatu miti jedhanii amanu.

"Inni nama teeknolojiiti. Namootni teeknolojii ammoo wantoonni akka hiika qabaataniif dhama'u" jedhu. Elan wanti amma gochaa jiru garuu nama kamuu waliin hojjechuun akka danda'u agarsiisuufi yaada jedhu qabu.

"Namoota beekamoo ta'an waliin hojjechuu qabda. Ta'us namootni kunneen namoota dadhabooleen ta'uu malu" jedhan.

Yaanni isaanii kuni garuu namoota siyaasaa hunda kan ilaallatu akka hin taane kaasu Erool. Namootni isaanii fi maatiin isaanii dinqisiifatan kan akka Pirezedaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinis akka jiran dubbatu.

"Puutiin gama siyaasa idil addunyaatiin qofa osoo hin taane akkuma nama tokkoottuu yoo ilaalte dinqisiifachuu dhiisuun hin danda'amu. Dubbii isaa akka gaariitti dubbata nama kana cimina isaatiin booji'amuu dhiisuun ni ulfaata" jedhan Erool.

Elan ilaalcha abbaan isaa Puutiiniif qaban kana niqooddataa? jennee yeroo gaafanneettis deebiis isaanii 'eeyyee' kan jedhu ture.

Puutiin Yuukireen weeraruu isaanii yeroon kaasee gaafadhettis "Eenyu lolicha akka jalqabe yeroo qofatu deebisa" jechuun Raashiyaan weeraruu ishee akka hin amanne dubbatu.

Yeroon gaaffiif deebii kana isaan waliin taasisee fi keessumaa waa'ee siyaasaa irratti gaaffii itti jabeesse isaan ija sukkummachaa fi ni kolfu turan.

Erool yeroo waraannni yuukireen jalqabee turetti Starlink deeggarsa gochuun murtii sirrii ture jedhanii amanu. Garuu hammuma waraanichi hammaachaa dhufe Elan ilaalcha isaanii jijjiiruu jalqaban.

Himata 'Elan yaadasaa kan jijjiire maallaqaani' jedhu garuu nimormu. "maatiin keenya waan hunda qaba. Maallaqa dabalataa wanti nubarbaachisuuf hin jiru"jedhan. Irra deddeebi'uunis dubbii isaanii keessatti jecha "Nuti waan hunda qabna" jedhu kana fayyadaman.

Gaaffiif deebii kiyya gara xumuraatti tarii waa'ee Elan wanti namootni hin beekne yoo jiraate jedhee Erool gaafadheen ture. Erool akkas jechuun deebisan "Mucaan kiyya yeroo uummata duratti dubbatu ofitti amanamummaatu itti hir'ata"

"Yeroo dubbii taasisu miira gaarii hin qabaatu. Amma nama hedduu fuuldura dhaabbatee dubbii taasisuu barachuu qaba. Waan fedhe yoo jechuu barbaade hamma danda'etti dafee dubbatee xumuruu barbaada" jedhan.