Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhiiroonni kaadhimamuusaanii agariisuuf qubeellaa keewwatan maaf heddumataa dhufe?
Shamarri tokko qubeellaa qubatti keewwachuun kaadhimaamuu ishee agarsiisa jedhame namoota danuu biratti amanama. Bartee kun garuu geeddaramaa jira.
Yeroo dhiyoon asitti dhiironni kaadhiimamuu isaanii agarsiisuuf qubeellaa keewwatan dabalaa jiru.
Biyyoota Lixaa harka caalutti dubartoota qofaatu qubeellaa kaadhimaa qabaachuusaanii agarsiisu keewwata.
Biyyoota akka Chiilii, Siwidiin fi Biraazil keessatti ammoo dhiiroonni hiriyaa qabaachuu agarsiisuuf qubeellaa hidhachuun baratamaadha.
Qubeellaan kaadhiimamuu agarsiisuuf dubartoonni keewwatan warreen dhiiraa biratti fudhatama guddoo argataa dhufeera.
Ebla darbe iddoo bashannanaa qarqara qaama bishaanii Torontootti argamutti jalaalleewwan umriin isaanii ganna 20 keessa jiraanitu lama ta’anii bashannanarra ture.
Gidduudhumaan gurbaan inni dhiiraa ishee kaadhimmachuusaa agarsiisuuf quba jaalalleesaatti kaa’uuf wayita jedhu, isheen qubeellicha quba jaalallee isheetti keesse.
Taateen kun gurbaa kanaaf waan haaraa ture.
Gurbaan kun warqii adii mm 22 bal’atu akka quba kaadhimaa isaaf ta’utti hojjachiisuu dubbata.
Dubartiin tokko ‘‘qabameera‘‘ jechuu agarsiisuuf qubeellaa qubatti akka keewwattu namoonni danuun beeku jedhe.
Hiriyummaan qixxeedha waan taa’ef waanta geeddaramu qabu akka ta’e ibsa.
Waggoota dheeraaf gabaan qubeellaa kaadhimaa warreen dhiiraa qorraa ture jedhan dubbi-himaan dhaabbata faaya miidhaginaa Niwuyoork keessa maadheeffate ‘Eternate‘ jedhamuu Yamagmuur Telaaferli.
Amma garuu kaampanoonni sadarkaa gara garaarra jiran qubeellaa kaadhimummaa addatti dhiirootaaf ta’u dhiisuuf eegalaniiru.
Dhaabbanni ‘Eternate‘ jedhamu oomisha biraandii isaatiin Amajjii darbe kana eegaleera.
Daarektarri olaanaa daldalaa daayimandii toora interneetii Landanitti argamu ‘77 Diamonds‘ jedhamuu Toobiyaas Koormind, kaadhimummaa dhiirotaaf hanga waggaa torba darbeetti qubeellaa dhiiirotaa namni barbaadu hin turre jedha.
Amma dhiiroota qubeellaa diyaamandii ykn albuudaota gatii jabeeyyii biroon hojjachiifatan 30 keessaa tokko qubeellaa kaadhimaa hojjachiifatu.
Qubeellaan kaadhimaa dhiiroota kun ammaa oomisha ijoo hin taane kan jedhan Toobiyaas Koormind.
Gara fuulduraatti garuu gabaan qubeellaa kun waan guddatu fakkaata jedha.
Jaalattoonni saala walfakkaatoo(Gay) warreen qubeellaa kana hojjachiifatan keessa jiru jedhu ogeeyyiin hojii faaya miidhaginaarratti bobba’an.