Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TPLF mootummaan Federaalaa waliigaltee Piriitooriyaa balaaf saaxile jechuun irra deebiin himate
Pireezidantiin Bulchiinsa yeroo Tigraayi Leetanaal Janaraal Taaddasaa Warradaa Mootummaa Federaalaa waliin mari'achuuf Finfinnee jiru.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay ibsa baaseen, Taaddasaa Warradaa jila isaanii waliin angawoota mootummaa federaalaa waliin mari'achuuf Finfinnee dhaquu eeree, garuu eenyu waliin akka mari'atan addatti hin ibsine.
Bulchiinsa yeroo Tigraay waggaa sadaffaa waliigaltee Piriitooriyaa irratti haalaota jiran wayita mari'achuuf gara mootummaa Federaalaa dhaqu, gareen TPLF ammoo ibsaa biraa baasuun tarkaanfiin mootummaa Federaalaa waliigaltee Piriitooriyaa balaa hamaaf kan saaxilu jechuun himate.
Waligalteen Piritooriyaa tajaajilawwan barbaachisoon dafanii akka jalqabaman kan eeru ta'us, ammas raawwiin isaa garuu fagorra jira jedhame.
Ammas Tigraay Lixaatti namootni buqqa'anii jiran furmaata argachuu dhabuu, akkaataa waliigalteen qaamotiin hidhatan miseensota Raayyaa Ittisaan ala ammas hidhattoonni kaan jiraachuun waan furmaata dhabe keessatti kan ramadamanii jiranidha.
TPLF ibsa kaleessa galgala baaseen, dhiibbaan diinagdee mootummaan federaalaa fi baajata hir'achuun naannichatti rakkoo dinagdee fi namoomaa hamaa uumaa akka jiru ibse. Kun ammoo waliigaltee Piriitooriyaa Sadaasa 2022 taasifame gaaffii keessa galchaa jedhe.
Mootummaan federaalaa ji'oota lamaan darbaniif baajata mootummaa Tigraayiif hin ergine jedha ibsi kun.
Sababa kanaan naannichatti tajaajilli fayyaa, barnoota, dhiyeessii bishaaniifi kanneen biroo rakkisaa ta'uu eera.
Hoggantoonni Tigraay akka BBC'tti himanitti, gara ji'a lamaaf baajatni mootummaa federaalaa irraa hin argamne .
Mootummaan federaalaa herrega baankii dhabbilee EFFORT ykn Fundii deebisanii dandamachiisuu Tigraay cufuunis sochii diinagdee naannichaa irratti dhiibbaa guddaa akka geessise ibsichi ibseera.
Daarektarri Boordii EFFORT Doktar Abrahaam Tekesete torban darbe BBC'tti akka himanitti, herrega dhaabilee kanneenii cufuun hojjattootni fi maatiin isaanii gara kuma 100 ta'an rakkoo hamaa keessa akka jiran himan.
TPLF akka jedhetti, herreega dhaabbilee tumsa Tigraay ugguramuu, hojjettoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman mindaa malee akka hafanii fi maatii isaanii rakkoo keessa galcheera jedhan.
Mootummaan federaalaa ji'oota 10 darbaniif boba'aa gara naannichaa erguu dhabuun damee geejjibaa irratti dhiibbaa guddaa kan geessise yoo ta'u, hanqina boba'aa irraa kan ka'e ambulaansoonnillee hojjechuu akka hin dandeenyes ibsichi eerera.
Kunis TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti wal amantaa dhabuu uumuun Waliigaltee Piriitooriyaa balaadhaaf saaxila jedhe.
Ibsi kun Mootumaa fi hawaasni addunyaa dhimma kanaaf hatattamaan xiyyeeffannoo akka kennan waamicha dhiyeesseera.
Mootummaan federaalaa tajaajila hawaasummaa fi dameewwan murteesso ta'aniif baajata adda kute akka deebisee eegalu gaafateera.
Nageenyi naannichaa akka mirkanaa'uuf hawaasni addunyaa fi qaamoleen qooda qaban akka gidduu seenan waamicha dhiyeessinas jedhe.
Akka anga'onni Tigraay BBC 'tti himanitti baajatni kaappitaalaa birri miiliyoona 844 ta'u hin ergamne.
Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Leetanaal Janaraal Taaddasaa Warradaa dhimma mootummaa federaalaa waliin akka mari'atan eegamu keessaa tokko dhimma baajataa kana ta'a jedhamee eegama.
Dhimmi buqqaatonni Lixa Tigraay deebisuu furmaata dahabees dhimma marii isaanii ta'uu akka danda'u eerameera.