Mootummaan Federaalaa baajata Tigraayiif erguu dhaabuu naannichi komate, sababni himame jiraa?

Bajanni mootummaa federaalaarraa naannoo Tigraayiif ergamu ji'oota lamaaf hin gadhiifamne jechuun Hoggantuun Komishinii Karooraa naannichaa Aadde Haansaa Taklaay BBC'tti himan.

Kun kan dhagahame mootummaa federaalaa fi qaamni seerummaa kan dhorkatame Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) gidduutti muddamni siyaasaa ji'oota darbaniif ture gara walitti bu'iinsaatti geessa jedhamee yeroo sodaatamaa jirutti.

Boba'aan gara naannichaa seenus gahaa waan hin taanef sochii waliigalaa namootaa irratti rakkoon uumame jechuun aangawoonni naannichaa BBC'n dubbise himan.

Bajata adda cite keessaa bajanni kaappitaalaa birrii miliyoonni 844 ta'u akka ta'e hoggantuun komishinii karootaa himan. Kana malees bajanni bifa deeggarsaa mootummaa federaalaarraa kennamu akkasumas waraana Tigraay booda maallaqni ji'a ji'aan kaffalamu keessatti argama.

Waliigalatti naannoo Tigraayiif bajatni waggaa bara 2018 Birrii biliyoona 18.8 ji'oota 12f qoodamee ji'a ji'aan kan ergamu yoo ta'u garuu maallaqni kun ji'a Onkololeessaa kaasee dhaabbachuu hoggantuun tun ibsan.

Dhaabbachuu bajata gara Tigraay ergamu kanarratti mootummaan federaalaa irraa ibsi kenname hin jiru.

BBC'n ministeera maallaqaarraa deebii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne.

Kun kanaan osoo jiruu akkaataa fooyya'iinsa mindaa haaraatiin ji'a Fulbaanaa keessa birriin mliyoonni 481 gara naannichaa kan ergame ta''ullee garaagarummaa guddaan waan tureef daballiin mindaa hojjettootaf hin kaffalamne jedhan aadde Haansaan.

"Kan ji'oota lamaanii takkaadhuma Onkoloolessa kennuuf karoorsinee ture; hata'u malee, kan Onkoloolessaa hin dhufne. Amma Sadaasa 23 irra geenyeerra; wanti milkaa'e hin jiru."

Sababii kun itti ta'eef maal akka ta'e ifatti gaafataniittuu gaaffii jedhu yeroo deebisan," Eyyeen, gaafanneerra, haata'u maleedeebiin hin argamne," jedhan.

A L I Onkoloolessa 12, 2018 baajanni waggaa Birrii biliyoona lama gara Tigraayitti ergame, Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa "dogoggorawwan sirreeffamuu qaban jiru" jechuun akka deebiyuuf xalayaan gaafatu miidiyaa hawaasaarratti bahee ture.

BBCn xalayaan kun sirrii ta'uu isaa mirkaneeffateera.

Haata'u malee, Aadde Haansaan xalayaa kana ilaalchisee wanti isaan bira gahe akka hin jirreefi baajanni sirreeffamuuf deebiyes ifa akka isaaniif hin taane dubbataniiru.

"Hangi maallaqa ergamee dogoggorri isaa nutti hin mul'anne," kan jedhan aanga'aan kun, walumaagalatti baajata dhurkuuf sababa kan ta'e maal akka ta'e tilmaamuun ala ifatti ibsi isaaniif kenname akka hin jirre dubbatan.

'Rakkoo hamaa keessa jirra'

Pirezidntiin bulchiinsa yeroo ce'umsaa Tigraay Leetenaant Jeneraal Taaddesee Worredee kabaja ayyaana waggaa Aksuum Tsiyon Maariyaam irratti argamuun baajanni naannichaa mootummaa Federaalaa irraa gadhiifamaa akka hin jirreefi walitti bu'iinsi marsaa biraa akka hin dhalanneef yaaliin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Pirezidantiin naannichaa kun, "sababa hanqina baajatataatiin miindaa ji'aa hojjetootaafillee kaffauu sadarka hin dandeenyera geenyeerra," jedhan.

Baajanni waggaa ergamuu dhabuu isaatiin miidhaa geessise qabaa jedhamanii kan gaafataman Aadde Haansaan, "akka naannootti galiiyyu sassaabuu hin dandeenye. Maallaqa ramadnee, hojjetootaaf kaffallee bobbaasuunidhasassaabuu kan dandeenyu; sana gochuu hin dandeenye," jedhan.

Aanaarraa aanaatti, magaalaarraa magaalaatti gara garummaan jiraacuu kan eeran itti-gaafatamtuun kun, "magaaleen gurguddoo tokko tokko (warri akka Shiree, Maqalee fi Addigiraat)yeroodhaaf kan ofii qabanirraa miindaa kaffaluu danda'anillee, magaalonni naannawaa jiraniifi baadiyyaan miindaa kaffaluu dhaabaniiru," jechuun komii dhageessisaa jiraachuu dubbatan.

Sababa kanaan, tajaajilawwan mootummaa tokko tokko hanga dhaabbachuutti gahaniiru jechuun kun garam akka geessu yaaddoo uumuu dubbatan.

Bajatan naannolee

Akkaataa shallaga mann-maree Federaalaa dhiyeessurratti hundaa'uun naannoleen baajata kallatiifi kallattiin hin taane mootummaa Federaalaarraa argatu.

Dabalataan, akkaataa jijjiiramoota biyyattii keessatti uumamuufi murteewwan mootummaatiin gargaarsi pirojektiiratti hundaa'een, akkasumas deeggarsi mootummaa giddu-galeeessaarraa naannoleef ni kennama.

Naannolee haaraa Itoophiyaa keessatti hundeeffaman dabalatee walumaagalatti nannoleen 1 fi bulchiinsawwan magaalaa lama jiru.

Ramaddiin baajata waggaa kan taasifamu baayyina ummataafi fedhiiwwan bu'uuraa biroorraa ka'uunidha.

Kana waan ta'eef, bara kana naannolee gibira olaanaa sassaaban keessaa tokko kan taate Tigiraayiif baajatni dhaabbataa Birrii biliyoona 18.8tti dhiyaatu ramadamuufiif mootummaan Federaalaa beeksiseera.