Debretsihon dhuguma walga'ii TPLF dhiitee baheeraa?

Dubbi-himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) gaaffii BBCn paartichi dhimmi gidduu kana irratti mariyataa ture maal akka ta'e gaafateef deebii kenneera.

Gaaffiiwwan ijoon BBC Tigirinyaa dhiyesseef hariiroo mootummaa Federaalaa waliin qaban, walitti dhufeenya mootummaa Ertira waliin qaban, akkasumas seerummaa paartichaafi dhimma namoota buqqa'aniirratti ture.

Walga'iin Koree Giddu-galeessaa TPLF A L I Sadaasa 8-13, 2018tti kan gaggeeffame yoo ta'u, raawwii murtee Kora 14ffaa maal akka fakkaatuufi kallattii gara fuula duraarratti mariyateera.

Dubbi-hmaan dhaabichaa Mikaa'el Asgedom akka jedhetti, koreen giddu-galeessaa TPLF sagantaawwan gara caalan hojiirra oolcheera.

"Koreen giddu-galeessaa paartichaa raawwii murtee kora 14ffa isaa gamagameera."

Korri falmisiisaa 14ffaa Paartichaa bara darbe gaggeeffame, paartichi akka lamatti bahu kan taasise yoo ta'u, Pirezidantii itti-aanaa Paartii duraanii Obbo Getaachoo raddaa dabalatee miseensonni koree giddu-galeessaa 17 irratti hin hirmanne ture. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaas kora kana seeraan ala akka hin taane labseera.

Korri waliigalaa TPLF gaggeeffamuu yeroo jalqabettis ministirri duraanii dhimmoota komunikeeshinii mootummaa Laggase Tulluu (PhD), "waliigatee Piritooriyaa waraana waggaa lamaaf ture dhaabsise kan diigedha," jechuun isaa ni yaadatama.

Yeroo sanatti Obbo Getaachoo raddaa ibsa baaseen, "korri sun Tigraay fi ummaticha balaatti galchuurraan kan hafe bu'aan hin qabu," jedhee ture.

Waliigalteen Piritooriyaa mallatteeffamuu hordofee, mootummaan Itoophiyaa TPLF shororkeessummaa keessaa baaseera. Haata'u malee, TPLF garuu akka haaraatti deebiyee galmaa'uu dideera.

Dhimmi seerummaa Paartichaa ijoo dubbii ta'ee wayita jiruttis, rakkoon namoota sababa waraanaa buqqa'an deebisuunis dhimma gaaffii deebii hin argatiin ta'ee itti fufeera.

Humnoota Tigrayirraa adda ba'uun maqaa "Haaraa Mareet" [lafa bilisaa] jedhamuun hidhattonni waamaman humnoota TPLF irratti haleellaa raawwataniiru jedhamuun qeeqamuun isaanii ni yaadatama.

Hidhattoonni adda bahan kunneen damee TPLF Dr. Dabretsiyn Gabremikaa'eliin durfamuufi ajajoota humnoota Tigraay paartichi deeggaruu aangoorraa buusuuf naannoo Affaar keessatti gurmaaa'uu dubbatu.

Hidhattoota naannoo Tigraay bakka naannoo Affaar waliin wal daangeessan keessa akka socho'an kan himamu kanneen duuba, "duuba mootummaa Federaalaadha" jechuun TPLF himachuun isaa hin dagatamu.

Korri koree giddu-galeessaa TPLF kun kan gaggeeffame wayita naannichi muddama keessa jiruttidha.

Ji'a darbe keessa humnoota Tigraay, hidhattoota Haaraa Mareet fi humnoota mootummaa Federaalaa gidduutti irra deebiin naannoo Tirgraay keessatti walitit bu'insi ka'uu danda'a jedhamee yaaddoon uumamee ture.

A L I Onkoloolessa 2018 keessa naannoo Affaaritti bulchaan aanaa Magaallee, aannicha keessatti ganda Tonsaarratti "haleellaa banuun" kiiloomeetira 15 kan ta'u daangaa cabsanii "seenuun gandoota ja'a" to'achuu isaanii dubbataniiru.

Yeroo sanatti mootummaan Itoophiya ahaleellaa diroonii raawwachuun miseensota humnoota tigraayirratti miidhaa geessisuu TPLF ibsee ture.

Waliigaltee Piritooriyaatiin booda gochawwan TPF raawwate gara waraanaatti galuudhaaf "sababoota gahaadha" jechuun Itaamaajor Shuumiin Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Dr. Dabretsiyon walga'ii dhiitee baheeraa?

Garaa garummaa aanga'oota olaanoo Paarticha agidduutti dhalate hordofee gaggeessaan paartichaa Dabretsiyon Gabremikaa'el walga'ii dhiitee bahe oduun jedhu miidiyaa hawaasaarratti dubbatamaa tureera.

Haata'u malee, dubbi-himaan TPLF oduun kun "sobadha" jechuun waakkataniiru.

Gareen TPLF pirzidntii ce'umsaa duraanii Obbo Getaachoo raddaan hogganamu gocha "biyya ganuu" raawwateera jechuun TPLF irra deddeebiin himateeera.

Yeroo ammaa kanatti "miidhaa gare ekanaan raawwatame suphuuf ojjechaa akka jiru," paartichi beeksiseera.

"Tokkummaa ummata keenya ajeequudhaaf gosummaafi boodatit hafummaan aaliin taasifamullee waa'ee tokkummaa mariin taasifameera," jedhu dubbi-himaan kun.

Garee Dabetsiyon waiin wal gaarerfannaa hamaa keessa galee kan ture Obbo Getaachoon, wagga alama pirezidantii yeroo nananoo Tigraay ta'ee tajajailuun boooda A L I Bitootessa 2017 aangoosaa itti-anasaa Leetinaant Jeneraal Taaddasaa Warradeef dabarseera.

Obbo Getaachoon ammoo aanga'oota ol aanoo TPLF baayyee waliin ta'uun paartii "Simiret" jedhu hudeessuun hogganaa ta'ee gaggeessaa jira.

Gaaffii namoota buqqa'an deebii dhabe

Namoonni miliyoona tokkotti siqan Tigraay Lixaarraa buqqa'an waggoota shaniif kaampii keessa jiraachuuf dirqamaniiru.

Gargaarsa namoomaa malee rakkoo keessa jiraachuu himuun, qe'ee isaaniitti akka isaan deebisaniif hiriira naga agaggeessuun isaanii ni yaadtama.

Akka waliigaltee Piritooriyaatti namoonni qe'eesaaniirraa buqq'an deebiyuun isaanirra ture.

Hataa'u malee, bulchiinsi yeroo ce'umsaa naannoo Tigraay fi mootummaan Federaalaa namoonni buqqa'an deebiyuu dhabuufi waliigalteen Piritooriyaa "hojiirra ooluu dhabuuf" tokko isa kaan itti gaafatamaa gochaa turaniiru.

TPLF "hidhattoonni, akkasumas namoonni haaraa achi keessa qubatan akka ba'anii" fi caasa abulchiinsaa ofiisaa diriirfachuuf gaafateera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gamaaaniitiin namoonni buqqa'an qe'ee isaaniitti deebiyuu dhabuusaaniitiif TPLFn itti gaafatamaa taasisuun, buqqaatota naannoo Tigraay jiran "akkkuma kan Raayyaatti deebisnee, Tselemtittis akkuma deebisne, Walqaayitirratti deebisuu qabna, kun ejjennoo cimmaa mootummaan," jechuun man-maree bakka bu'oota ummataarratti dubbataniiru.

Dubbihimaan TPLF Obbo Mikaa'el, "buqqaatota gara qe'eesaaniitti deebisuudhaaf yaala ajiru. Rakkachuun isaanii dhugaadha. Gidiraa isaan keessa jiran ifadha. dhumaatiin irratti raawwatamee manaafi qabeenya isaaniirraa warra buqqa'edha. Namoonni isaan buqqaasan ammallee achuma jiru," jechuun BBC Tigirinyaaf deebii kennaniiru.

Hiriira nagaa buqqaatonni kumaatamaan lakkaawaman magaalaa Mekele keessatti gaggeessan hordofuun, Obbo Geetaachoon yeroo pirezidaantii bulchiinsa yeroo turanitti, "haala namoota waraanaan buqqa'anii fi rakkina keessa jiraniif bulchiinsi yeroo naannichaa gartokkoon itti gaafatamummaa qaba" jedhan.

Bulchiinsi yeroo Obbo Geetaachoo Reedaatiin hoogganamu kufaatii isaati waan jedhame keessaa tokko buqqaatonni deebi'uu dadhabuu isaaniiti.

Naannoo Tigraay bakka bu'uun waliigaltee Piritooriyaa warra mallatteessan keessaa tokko kan ta'e Obbo Assaffaa Abrahaa gaaffiifi deebii BBC Tigrinya waliin taasisaniin, buqqaatonni qe'ee isaaniirraa buqqa'an deebisuuf itti gaafatamummaa jalqabaa mootummaa federaalaa akka ta'e cimsanii dubbataniiru.

Dursi kennamu namummaaf ta'uu akka qabu ibsuun, "dhimma bulciina kaaraa mirkaneessuu miti. Naannoon buchiinsaa kuni kan keenya kan jedhamu yoo ummanni irra jiraate jirudha. Yoo ummanni hin jirre lafti kan keenya miti" jechuun ibsaniiru.

Hariiroon Ertiraa waliin jiraa?

TPLF mootummaa Ertiraa waliin "hojjcha ajira" kan jedhu himannaan mootummaa Federaalaa dhaga'amuu erga jalqabee bubbuleera.

Obbo Mikaa'el garuu, "waa'ee dhimma kanaa xiqqoo xiqqoo ni dhaga'u. Haata'u malee, paartiitiinis, mootummaatiinis mootummaa Ertiraa waliin hariiroon hin jalqabamne," jechuun waakkataniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)f barreesseen mootummaan Ertiraa fi TPLF gurmaa'ina "Tsimdoo" jedhu uummachuun Itoohiyaarratti "waraaa banuuf" hojjechaa jiru jechuun himachuun isaa ni yaadatama.

Himannaa kana TPLF fi mootummaan Ertiraa haalaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Ertiraafi TPLF, "yaalii dhiyeenya kana hidhattonni Faannoo magaalaa guddoo Walloo Kaabaa, Waldiyaa to'achuuf taasisan keessatti hirmaataniiru," jechuun Fulbaana darbe himate eture.

Ministirri Muummee Abiy hariiroon biyyoota alaa kamiyyu waliin taasifamu ta'uu kan qabu karaa mootummaa Federaalaatiin ta'uu akka qabu eeruun, "isaan [TPLF} mootummaa biyya alaa waliin maal gochaa jiru?" jechuun gaaffii himannaa fakkaatuun bakka bu'oota ummataaf dhiyeessuun isaanii hin dagatamu.

Dubbi-himmaan TPLF Obbo Mikaa'el deebii kennaniin, "Shaabiyaa waliin michummaa uummachuun Paartii Badhaadhinaa waraanuudhaaf haasaan taasifameeru hin jiru. Nuti kan jechaa jirru waliin taanee waliigaltee Piritooriyaa hojiirra ha aoolchinu kan jedhudha. Lamaan keenyayyu kan fayyadu isadha. Kan walitti nu fidus isadha," jechuun ibsaniiru.