KFO'n akka 'hin haqamneef' qofa magaalaa Finfinneetti akka dorgomu ibse

Koreen Giddu Galeessaa Kongirasii Federalawaa Oromoo (KFO) walga'ii hatattamaa magalaa Finfinneetti ALI Sadaasa 20, 2018 gaggeesseen, filannoo dhufaa jiru irratti magaalaa Finfinneetti dorgomuuf murteessuu ibse.

KFO'n sababa rakkoo nageenyaa Oromiyaa fi naannolee kaan keessa jiruun walqabatee, tokkommaa paartiilee 'Madrak' jedhamuun waamamu waliin magaalaa Finfinnee keessatti dorgomuuf murtoo dhumaarra gahuu ibse.

Bu'uuruma kanaan Koreen Giddu galeessaa rakkoolee siyaasaa fi nageenyaa biyyattii mudate, akkasumas dirqama seeraa fi itti gaafatamummaa guddaa miseensotaa fi ummata Oromoo irraa qabu hubachuun ''magaalaa Finfinnee keessatti dorgomuuf murteesseera'' jedhe.

Oromiyaa fi naannolee biroo keessatti waraana, buqqa'insa namootaa fi lubbuun namootaa darbuun mul'achuun, guutummaa biyyattii keessatti filannoo bilisaa, haqa qabeessaa fi nagaa gaggeessuuf haalli mijataan hin jiru jedhe.

''Miseensota keenya dabalatee hidhamuu geggeessitoota siyaasaa, cufamuun waajjiraalee KFO fi paartilee mormitootaa biroo, akkasumas ukkamsaa/uggura sirnaa midiyaa (pireesii) bilisaa fi mirgoota namummaa irratti raawwatamu irraa kan ka'e dirreen siyaasaa guutummatti cufamuu isaa abdii dimokiraasii paartii-daneessaa guutumatti kan laamshessu ta'ee argameera.''

KFO'n nageenyaa fi tasgabbii miseensota, kaadhimamtootaa fi deeggartoota akkasumas kan ummataa bal'aa tilmaama keessa galchudhaan, adeemsa filannoo dhiibbaaf ukkaamsaa guddaa qabuu fi lubbuu ummataa balaadhaaf saaxilu keessatti hirmaachuun adeemsichaaf beekkamtii seerummaa kennuun akka hin barbaachifne cimsee amana jedhe.

Akkaataa labsii Boordii Filannoo lakk 1162/2011 keeyyata 99(1) (d) fi Labsii 1397/2017 foyya'een "partiin marsaa lamaaf walitti aansee filannoo biyyoolessaa ykn filannoo naannoo irratti hin himaanne galmee seerummaa irra ni haqama.

KFO'n filannoo darbe irratti waan hirmaanneef kan baranaa yoo irra tare galmee irraa haqamuu isaati.

Koreen Gidduugalaa paartichaa ''magaalaa guddoo Finfinnee keessatti filannoo irratti hirmaachuun itti fufinsa jireenya paartii keenyaa eeguuf akkasumas jijjiirama dimokiraasii bu'uuraa Itoophiyaan barbaadduuf sagalee keenya dirree biyyaalessaa fi idil-addunyaatti dhageessisuuf carraa guddaa akka ta'e hubanneerra'' jedhe.

KFO'n filannoo walii galaa 7ffaa dhufurratti tarsiimoo 'Hirmaannaa fakkenyummaa fi tooftawaa' jedhu akka hordofu ibse.

Kunis kaadhimamtoota isaa naannoolee filannoo Finfinnee fi naannolee biroo haalli nageenyaa filannoo mijataa ta'uu isaa koree hojii rawwachiiftuun gammaaggamee itti amane qofa keessatti dorgomtoota akka hirmaachisu murteessuu tahuu ibse.

Itti dabaluun, naannoolee biroo hunda keessatti, keessumattuu naannoolee waraanaa keessa jiran kan akka Oromiyaafi naannolee biraa keessatti hirmaannaa irraa of qusachuun keenya, mootummaan dirqama nagaafi tasgabbii lammiilee mirkaneessuu dadhabuu isaa mormii keenya karaa naamusa qabuun kan agarsiifnu ta'a jedhe.

KFOn dhiiga ummataan siyaasa hin dalagu jechuun ibsa kana keessatti eere.

Filannicha gaggeessuuf naannolee Oromiyaa fi Naannoolee waraanni adeemsifamaa jiru keessatti hatattamaan waliigalteen waraana dhaabuu qabatamaan akka taasifamu gaafateera.

Hidhamtoonni siyaasaa hundi haalduree tokko malee akka gadhiifaman fi paartileen hundinuu waajjiraalee isaanii banatanii bilisaan akka socho'anif haa eeyyamamuuf jechuun mootummaas gaafateera.

Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa fi qaamolee nageenyaa biyyattii keessatti walaba ta'uu isaanii kan mirkaneessu jijjiiramni dhugaa akka mul'achuu qabus gaafateera.

Dabalataanis, yeroo filannoo taajjabdootni filannoo idil-addunyaa yeroo dheeraa kan akka Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afriikaa, Gamtaa Awuroppaa, adeemsa filannoo dura jiru yeroo filannoo guutummaa isaa akka taajjabanii fi haalli mijataan jiraachuu isaa akka mirkaneessan hatattamaan akka affeeraman gaafanna jedhe.