Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Halkan hirriiba gahaa akka hin rafneef wantoonni nu dhowwan maali?
Halkan keessa hirriibarraa damaqxanii deebiitanii rafuuf rakkattanii beektuu? Namoonni tokko tokko halkan walakkaa hirriiba irraa dammaqii urjii lakkaa'aa bulu.
Hirriba dhabuun Insomniyaan jedhamuun beekama. Innis, dhimma jireenya keenya keessatti yeroo ta'eetti baay'ee keenya mudachuu danda'uudha.
Garuu namoota tokko tokkoo irratti ammoo yeroo gabaabaaf hirriba dhabuu qofa osoo hin taane waan hamaa ta'u danda'a.
Hirriba dhabuudhaaf sababiiwwan garaa garaa jiraachu danda'u. Fakkeenyaaf, dulluma, halkan fincaaniif ka'uu barbaaduu, umurii dahumsaa irra darbuu, ykn hojii shiftii ykn dabareen hojjachuu fa'aan gahee qabu.
Gareen BBC 'Inside Health' garee ogeeyyii walitti fideen gorsa ajaa'ibaa muraasa dhagaheera.
Gorsa oggeessootaa muraasa:
- Dr Feez Orchaard Yunivarsiitii Saaseksiitti barsiisaa saayinsii xiin-sammuuti:
"Yeroon hirribni na diduu jechuun, akka idileetti sammuu koo xiqqoo kan barameetiin waan addaa mudateef garmalee waa yaada jechuudha. Kanaafuu kitaaba fudheen hamma sammuun koo hirriibaaf qophii ta'uun natti dhaga'amutti xinnoon dubbisuuf nan yaala."
- Dr Alee Haaree, Pirezidaantiin Waldaa Hirriba Biriteen fi gorsaa hakiima qoricha hirribaa Hospitaala Rooyaal Biroomptan Landanitti argamutti:
"Yeroon hirriba rafuu hin dandeenye tarii yeroo abbaan warraa koo baayyee kurruufu ykn garagaluudha. Yeroo kanatti kutaa biraa deemeen achi rafa."
- Kooliin Ispii Yunivarsiitii Oksifoorditti piroofeesara qoricha hirribaa:
"Yeroon hirriba gaarii rafuu dadhabuutti, bakkan ciisuu ka'een deebi'ee rafuudhaaf yaalaa. Kunis yeroo baayyee fedhiin hirribaa akka haaraatti akka dhufuuf ni gargaara. Akkasumas tooftaan akkasii kun namoota baay'eedhaaf ni hojjata jedheen tilmaama."
Ofii rakkoon hirriiba dhabuu (insomnia)n maaliidha?
Torbaniitti guyyaa sadiif hirriba rafuu rakkaachuun fi yoo xinnaate yoo baatii sadiif haala kanaan itti fufe 'insomnia' jedhama. Yeroo kanattis gorsa hakiimaatu isin barbaachisa.
Darbee darbee hirriibni isin dide jechuun ammoo rakkoo kana qabna jechuu miti. Yeroo tokko tokkoo dhimmoonni nu yaaddeessan wayita jiraataniitti hirribaarraa nu kaasu danda'u.
Kunis rakkoo sanaaf furmaata akka barbaannuuf sammuun keenya nu dammaqsa jechuudha.
Kan biraa ammoo sababii umuriitiin hirriibni nu diduu danda'a.
Wayita umuuriin keenya bulaa adeemuu hangi sa'aatii rafnuu hirribaa gabaabbataa adeema. Maanguddoo wayita taanuutti hirriiba irraa dadamaqna.
Dargaggoonni garuu dafanii rafanii turanii ka'uu ni danda'u. Erga dulloomanii booda garuu dafanii ciisanii turanii ka'uun hin jiraatu, dadafanii sababii damaqaniif.
Yeroo tokko tokko ammoo maatiin sababii ta'een dhiphina keessa gale rakkoo hirriibaa isaan mudachuu danda'a.
Hirriibni yoo isin dide waantoota gochuu qabdan
Akka tasaa hirriiba irraa dammaqxanii deebiitanii rafuudhaaf rakkattanii beektuu?
Oggeessoonni akka jedhaniitti taateen kun rakkoo namoota hedduutti. Furmaanni isaatiis salphaa miti.
''Yoo hirriibarraa damaquutti deebi'ee rafuu hin danda'u jettanii yaaduu eegaltu. Rafuudhaaf baayyee yoo yaadnuu fi yaalluutti ammoo carraan hirriiba dhabuu keenya ni dabala'' jedhu.
Furmaanni isaa rafuudhaaf yaaluu osoo hin taane damaquudhaaf murteessuudha. Rafuudhaaf yaaltanii hirriiba dhabuurra akka hirriibni karaamataa isaatiin dhufuuf dhiisuun filmaata gaariidha jedhu.
''Fakkeenyaaf, akka hin cabaqne yoo yaalluu caalaa cabaqna. Amala tokkoo cimsachuudhaaf ammoo karaa uumamaatiin akka dhufuuf hayyamuuf qabna,'' jedhu oggeessi kun.
Hirriiba gaarii argachuudhaaf yeroo hunda sa'aatii walfakkaatuutti rafuu fi ka'uun ni gorfama.
Yeroo hunda bakka tokko rafuun ammoo sammuun hirriibaafi bakkiicha akka walitti hidhuuf ni taasisan.
Furmaanni maaliidharree?
Dr Hareen akka jedhaniitti, erga hirriiba irraa damaqneen booda sa'aatii wallakkaadhaaf siree irraa ka'uun deebiinee akka rafnuuf nu gargaara.
Qoricha hirriibaa fudhachuurra deeggarsa oggeessootaa xin-sammuu argachuu akka wayyu gorsu oggeessoonni.
Namoonni yeroo baayyee rakkoo isaan mudate furuudhaaf ykb to'achuudhaaf deeggarsi xin-sammuu namoota gara parsantaa 70-80 gahan irratti bu'aa gaarii qabaachuu dubbatu oggeessi.
Namoonni tokko tokko Maagnishiyeemii fudhachuun hirriiba argachuuf ni gargaara jedhanii amanu. Oggeessoonni garuu qorannoo gahaan yaada kana deegaru akka hin jirre gorsu.
''Yeroo baayyee yoo haala hirriibaa irratti jijjirama fidu hin mul'atu'' jedhu.
Akkasumas namoonni qoricha Meelaatoniin jedhamu fudhachuun hirriiba gaarii argachuuf yaalan hin dhabamne. Bu'aansaa garuu namootaa namootaan adda adda. Namoota hundaaf hin hojjatu.
Dhiibbaa bilbila, alkoolii fi umurii
Umuriin keessattuu dubartootaaf umurii dahuumsaa keessaa darbuun, dhugaatii alkoolii baayyiisuun fi yeroo hojii wal fakkaataa ta'e dhabuun akka haalli hirriibaa keenya jeeqamnu qantoota taasian keessaa muraasa.
Dubartoonni umurii itti dahuu danda'an keessaa bahuun yeroon hirriiba isaanii akka jeqamu akka taasisu dubbatu Dr Hareen. Kun kan mudatu ammoo jijjiramni hormoonii sababii jiraatuufiidha.
Kanaan alatti umurii dhala itti godhatan keessaa darbuun keessatti dhiphinni sammuu ni cima.
Dhugaatii alkoolii gama ilaaluun ammoo Dr Orkaard jijjiramni hormoon ummamuusaatiin alattis, halkan keessa fincaaniif ka'u fi boqonnaa sammuu dhabuu hordofsiisa.
Alkooliin farra hirribaati. Namoonni tokko tokko garuu yoon dhugaatii dhandahamu afeen rafa kan jedhan. Adeemsa yeroo keessa dhugaansaa jijjiramaa dhufa.
Kan biraa ammoo dhimmi hakimiin gorsa wanti cimaan isikiriiniidhaaf saaxilamuu dhaabuudha.
Yeroo hirriibaatti gonkumaa bilbila ilaaluun hin gorfamu. Halkan yoo hirriibni isin diduutti bilbila ilaalurraa of qusadhaa.
Kun garuu gorsa dargaggoota hedduushaaf ta'u miti, keessattuu yeroo kanatti.
Kanaaf furmaanni isaa gaariin bilbila harkaa keenya mana ciisaatiin ala bulchuun gaariidha.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.