Maalaawwiitti awwaalcha jumlaa namoota 25 booda lammiileen Itoophiyaa 72 biraa to’ataman

Maalaawwiitti awwalchi reeffa lammiilee Itoophiyaa ta’uu hin oollee jedhame 25 argamuu hordofee, dhiiroonni lammiilee Itoophiyaa ta’an kan biraa 72 to’atamuufi awwaalchi namoota afuris argamun ibsame.

Namoonni kunneenis bakka itti dhokatanii turan bosona eegamu keessaa Kaaba daangaa biyyattii magaala Kaarongaa keessatti to’atamuu poolisiin Maalaawwii kan beeksiise.

Kana malees lammiileen Maalaawwii daddabarsa lammiilee Itoophiyaa kanneen keessaa harka qabaachuun shakkaman 10 to’atamaniiru.

Onkolooleessa 20, 2022 biyyatii keessatti bulchiinsa Imzimbaa bakka jedhamuufi bosona mootummaan eegamu keessaa ture bakki awwaalcha jumlaa namoota 25 kan argame.

Mootummaan Itoophiyaa mootummaa Maalaawwii waliin ta'uun dhimmicha qorataa akka jiru dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambasaaddara Mallas Alam dubbatan.

Bakki awwaalchaa kunis bakka amma lammiilee Itoophiyaa 72 gaafa Onkolooleessa 21, 2022 itti to’ataman irraa gara kibbaatti fageenya km 300 irratti argama jedhameera.

Ijoollee dhiiraa naannichaa kanneen damma bosonicha keessaa muruu deemaniitu jalqaba ajaa qaama namaa tortoree cimaan itti dhufnaan booda ammoo mataa dabalatee qaama namootaa ta’uu akka adda baasan dubbatan.

Ijoolleen kunneenis waan argan jaarsoolii ollaasaaniitti erga himaniin booda, dhimmichi poolisiitti himamuun gara bosonichaa deemuun bakki awwaalcha jumlaa sun adda baafame.

Kamisa Onkolooleessa 20, 2022 ganamas dabalataan awwaalcha namoota 25 guyyaa Roobii argameen alatti bakki namoonni afuri itti awwaalaman argamuutu gabaafame.

Ministirri Dhimma Nageenyaa biyyattii, Jeen Sendezaa kan bakka awwaalcha jumlaa kanaatti imaluun argan, madda du’a namoota kanaa adda baasuuf qorannoo gaggeessuuf aanga’oonni karoora qabaachuu dubbatan.

Namoonni nama dadabarsan Maalaawwii biyya yeroo hunda namoonni dhibbaan lakkaa’aman to’atamaniitti rakkoo cimaa ta’aa jira.

Namoonni to’atamanis karaa seeraan alaatiin waan biyyattii seenanif deebiisanii gara dhufaniitti ari’atamu.

Ebla darbe keessas baqattoonni seeraan alaa 140 poolisii Maalaawwiin to’atamanii ture. Isaanis lammiilee Itoophiyaa 130, jaha lammiilee Baangilaadish fi tokko Paakisitaan irraa turan.

Namoonni karaa seeraan alaa biyyattii seenuun to’ataman kunneenis himannaan irratti dhiyaachuuf jira.

Ammas lammiilee Itoophiyaa 72 fi lammiilee Maalaawwii 10 Kamisa to’ataman dhiheenyatti mana murtiitti dhiyeeffamuun, himannaawwan hedduu daddabarsa namootaafi seerawwan immigireeshinii cabsuuf deebii akka kennan taasifamu jedhameera.

Haaluma walfakkaatunis Dhaabbanni Baqattoota Idil-addunyaa (IOM) ibsa Onkoloolessa 20 baaseen, dhimma awwaalcha jumlaa lammiilee Itoophiyaa Maalaawwiitti argameetti gadduufi yaadda’uu ibse.

Lammummaafi haalli du’a namoota kanaa qoratamaa jiraachu kan hime ibsi IOM kun, Maalaawwiin godaantoota gara Afriikaa Kibbaa imalaniif daandii akka taate kaaseera.

Yeroo baayyee godaantoonni karaa seeraan alaatiin namoota nama dadabarsaniin dadabarfamani, hidhaa, dararaa, saamicha humnaa fi du’aafilleen saaxilamtoota jedha.

Bitooteessa 2020 keessa fakkeenyaaf, reeffii lammiilee Itoophiyaa 64 konkolaataa fe’umsaa karaa afura baafatan hin qabne keessatti ukkaamfamanii du’anii Mozaambiikiitti argamu yaadateera ibsichi.

Taateen tibbanaa kunis kan rakkinna godaansa seeraan alaa karaa daandii kibbaatti taasifamuuf deebii atattamaa barbaachisu tu’a agarsiiseedhas jedhan.

Dhumarratti dhaabbanni IOM maatiiwwan namoota du’aniif kanaaf gadda itti dhagahame ibsuun, baqattootaaf garaagarummaa sadarkaa isaanii malee bakka imala saanii hundatti eegumsiifi tiki akka taasifamuuf mootummootaaf waamicha taasiseera.