Iraanifii Kubbaa Miilaa: Biyya xumura waancaa Eshiyaaf gahuun warra kaan afuriin caaltu

Waancaan Eeshiyaa 18ffaan tibba waancaan Afrikaa gaggeefamuu kanatti biyyoota 24 hirmaachisuun gaggeefamaa bahe.

Akkuma waancaa Afrikaa Waancaan Eeshiyaas har'a tapha walakkaa xumuraa isa lammataa keessummeessa.

Tapha walakkaa xumuraa Kibxata gaggeefameen Jordaan Kooriyaa Kibbaa, biyya jifataa Tootenehaam Hootispeer, Soon Huwaang Miin, goolii 2-0n injifachuun xumuraaf darbuu mirkaneessite.

Dorgommii waancaa Addunyaarratti amala gaarii deeggartootaafi falmaa cimaa taphattootnishee agarsiisaniin kan jajamte Jappaan osoo waancaaf eegamtuu biyya siyaasaan maqaan ishee hedduu ka'u, Iraaniin Nuusa xumuraa irratti injifatamte.

Iraan galgala kana sa'aa 12 irraa eegaalee qopheessituu dorgommichaa kan taate Kataar waliin morkatti. Injifataan Kataariifi Iraan ammoo tapha waancaa Sambata dhufu gaggeefamuun Joordaan waliin falmata.

Ofii waayee gahumsa kubbaa miilaa Iraan hangam beekna?

Sirna kompiitaraan bu'aa tapha Kubbaa Miilaa kan xiinxalu marsariitiin Opta, tapha galgala kanaa Iraan qopheessituu waancichaafi shaampiyoona bara darbee, Kataar waliin gootu ni injifatti jedha.

Inummaayyuu daqiiqaa 90 keessatti goolii lakkoofsisuun injifachuuf hiree dhibbeentaa 42.2 qabdii jedheera.

Akka ragaa marsariitii kanaatti taphoota intarnaashinaalaa jaha Iraan Kataar waliin dhiyeecha taphatte mara injifatteetti. Bara 2015tti tapha ramaddii irratti wal argatanii Iraan 1-0n Kataariin injifatteetti. Taphoota dhiyeecha taphatan jaharratti goolii walirratti galchan yoo idaanu Iraan goolii 11-1n mo'atteetti.

Iraan Waancaa Eeshiyaa yeroo 18ffaaf qophaaye keesssaa isa bara kanaa dabalatee yeroo sagaliif walakkaa xumuraa gahuu dandeesseetti. Xumuraaf darbuun ammoo biyyoota kaan afuriin caaluun seenaa galmeessiteetti. Dorgoommiiwwan jahan darban irratti garuu walakkaa xumuraarraa darbuu hin dandeenye.

Iraanitti aantee walakkaa xumuraatti darbuun seenaa gaarii kan qabdu Kooriyaa Kibbaati. Yeroo saddeet walakkaa xumuraaf geesseetti.

Kataar Waancaa Eeshiyaa walitti aanu lamarratti walakkaa xumuraaf gahuun biyya sagalaffaadha.

Iraan Waancaa Eeshiyaa irratti seenaa boonsaa jedhamu qabdi. Waancicha yeroo sadii injifatteetti. Bara 1968 hanga 1976 yeroo sadi kan injifatte keessaa lama dorgommicha wayita keessummeessitedha.

Erga yeroo dhumaaf waancicha bara 1976 nyaattee garuu waancaa hin arganne. Qabxiinshee gaariin ergasii galmaahe sadarkaa sadaffaan xumuruudha. Yeroo afur sadarkaa sadaffaa qabachuun xumurteetti.

Dorgommii kanarratti Iraan Yunaatiid Arab Eemireets, Paalistaayiin fi Hoongi Konkoong waliin ramadamtee hunda injifattee dabarte. Gooliiwwan lakkoofsisan torba kan lakkaa'aman taphattoota graagaraa jahaa ta'uun jifattoota gaarii qabaachuu agarsiisa.

Taphataan cimaan Iraaniin qabdu Meehdii Tareemi jedhama. Tapha ramaddiirratti goolii lama lakkoofsiseera. Marsaa mo'anii darbuurratti ammoo rukuttaa peenaalitii Siiriyaa ittiin kuffisan galcheera.

Tareemi taphataa intarnaashinaalaa yoo ta'u, erga bara 2020 kilaba Poorchugaal Poortoof taphata. Jifataa lammii Iraan dorgommii mo'anii darbuu Chaampiyoonsi Liigiirratti goolii galche isa jalqabaati.

Tapha Champiyoons Liigii nuusa xumuraa bara 2021 irratti goolii baayisikili kiik Tareemiin Cheelsiirratti lakkoofsise goolii miidhagduu dorgommichaa ta'uun filatamteetti.

Gareen Kubbaa Miilaa Iraan taphataa duraanii biyyattii Amiir Galenooyiin leenjifama.

Gareen Iraan Waancaa Addunyaa Kataar isa darbe dabalatee seena keessatti yeroo jaha Waancaa Addunyaarratti hirmaachuuf hiree kan argate ta'us takkaahuu ramaddiirraa darbee hin beeku.

Ammoo ilaalcha siyaasaa faallaa US kan qabdu Iraan, bara 1998 Waancaa Addunyaarratti Ameerikaa injifachuu dandeesseetti.

Liigiin kubbaa miilaa kilaboota Iraan waggaa waggaan kilaboota 16 dorgomsiisu Pershiyaan Gaalf Piroo Liigii jedhama. Maqaasaa gara kanatti jijjiiruun dura Piriimiyeer Liigii Iraan jedhamuun beekama ture. Liigiin kun bara 2001 Federeeshinii Kubbaa Miilaa Iraaniin eegalame.