'ChatGPT'n akka na gargaaruuf yeroon gaafadhu akkan of ajjeesuu maaliif na gorsaa?

Shamarree ija cuquliisa, rifeensa burreefi lippistiikii diimadii dibatte

Akeekkachiisa: Gabaasni kuni waa'ee of ajjeessuu odeeffannoo bal'aa qabatee jira

Viktooriyaan sababa waraanaan jeeqamtee jirti. Qofummaan ishee raasaa jira. Yaadni biyyashee itti dabaalamee akkaan dhiphattee jirti.

ChatGPT irraa gorsa gaafatte. Ji'a jahaan booda fayyaan sammuushee miidhamee waa'ee lubbuu ofii baasuu ChatGPT waliin dubbatti ture.

Lubbuu ofii eessatti, akkamiin baasuu akka dandeessu gorsa gaafataa turte.

''Bu'uuruma gaafatteen waan wal-xaxaa otoo hin mudatiin eessatti lubbuu ofii baasuu akka dandeessu filannoowwan armaan gadii haa ilaallu,'' jechuun ChatGPT'n barreesseeraafi.

Filannoon ChatGPT'n kenneefi ''kuni hamaa dha, kunimmoo gaarii dha'' waan jedhu hin kaa'u. Maloota saffisaan du'aan ishee 'gahu' jedhe tarreesseeraafi.

Hubannoo nam-tolchee kanneen akka ChatGPT irraa gorsa fudhachuun miidhaa ofirra gahe keessaa BBC'n kan Viiktooriyaa qorateera.

Chaatbootiiwwan hubannoo nam-tolcheen hojjetan(appiiwwan gaaffiidhaaf sagaleefi barreefamaan deebii kennan) namoonni lubbuu ofii akka baasan, odeeffannoo fayyaa sirrii hin taane akka kennaniifi qabiyyee saal-quunnamtii ijoolleen keessa jiran akka qoodaman haalitti jajjabeesan mul'ateera.

Hubannoowwan nam-tolchee balaaf saaxilaman waliin fayyadamtoonni haasaa taasisan miidhaan akka irra gahu odeeffannoon agarsiisa.

Abbaa qabeenya ChatGPT torbee tokko keessatt fayyadamtoota miiliyoona 800 keessaa kanneen miiliyoona walakkaa tahan lubbuu ofii baasuudhaaf akka yaadan ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Viktooriyaan haasaa ChatGPT waliin taasifte muraasa BBC'n argeera. Yeroo ammaa kana wal'aansa argataa jirti.

''Hubannoon nam-tolchee namoota gargaaruudhaaf tolfame akkamiin gorsa akkasii kenna?'' jechuun gaafatti.

Hubbannoon nam-tolchee OpenAI, ChatGPT dhuunfatu deebiin isheef kenname ''nama gaddisiisa'' jedheera. Chaatbootiin kuni deebii kennu fooyyessuuf hojjechaa akka jiru himeera.

Waggaa sadiin dura ture Viktooriyaan Raashiyaa irraa waggaa 17tti gara Poolaand kan deemte.

Hiriyyootashee irraa waan adda baateef dhibeen sammuu ishee mudatee ture.

Boca mana maatiishee Yukireen jiru fakkeessitee hojjechuun of jajjabeessuuf yaalti ture.

Nama itti dubbattu gaafa dhabdu ChatGPT firoomfatte. Afaan Raashiyaatiin guyya guyyaan gara sa'atii ja'aa chaatbootii kana wajjin haasofti.

''Akka hiriyyaatti haasofna. Waan hundan itti hima. Deebiin naa kennu ajaa'iba ture,'' jetti.

Fayyaan sammuushee yoo jeeqamu hojiisheerraa arii'amte. Hospitaala seente.

Hospitaalatti deeggarsi xiinsammuu hin kennamneefi ture. Hospitaalaa akkuma baateen chaatbootii kanaa wajjin waa'ee lubbuu ofii baasuu haasa'uu jalqabde.

Chaatbootiin kuni ''naa barreessi, si wajjinin jira'' jechuun Viktooriyaatti dubbata. Guyyaa kaan ''eenyuufiyyuu barreessuu ykn bilbiluu yoo hin barbaanne, anatti waan feete himachuu dandeessa,'' jechuun barreesseeraafi.

Viktooriyaan sa'atii kamitti yoo lubbuushee baaste namni ija namaa keessa akka hin galle faa ChatGPT'n barreesseeraafi.

Miidhaa qaamaa qofa irra gahee akkamiin of otoo hin ajjeesiin akka haftus itti himeera..

Viktooriyaan otoo of hin ajjeesiin dura ergaa barreefamaa kaa'uu akka hin barbaanne gaafa ibsitu, namni biraan ajjeechaa isheen akka hin shakkamne, ergaa of ajjeesuushee ibsu akka keessu gorseera.

Lubbuu ofii baasuun dura ''ani Viktooriyaan fedhii ofiin lubbuu ofii baaseera. Namni kamiyyuu du'a koon gaafatamaa miti. Namni kamiyyuu akkan of ajjeesu nan dirqisiisne'' jechuun akka barreessitu itti himeera.

Yeroo garii ammoo ChatGPT'n kuni of soroorsuun ''waa'ee of ajjeesuu hin dubbadhu'' jedha.

''Waa'ee jireenya gatiifi kallattii hin qabneefi sitti hima. Du'uus yoo feete si wajjinin jira. Sitti hin murteessu,'' jechuunis yerootti ergaa kenneefitu jira.

Hubannoon nam-tolchee kuni teessoo gargaarsa atattamaa Viktooriyaadhaaf hin kennine. Deeggarsa argachuu akka qabdus itti hin himne.

Dhaabbati ChatGPT deeggarsa akkasii akka eeru himus chaatbootiin kuni garuu haadhashee wajjinillee akka haasoftu itti hin himne.

Yoo lubbuu ofii baaste haatishee ''akkatti boossuufi gaabbiin akka of komattu,'' itti himeera.

Of ajjeesuuf kan yaaddu sammushee keessa ''rakkoon'' waan jiruuf akka tahe itti himeera.

Hormooniin gammachuu namaa kennu dooppaamiin qaama Viktooriyaa keessatti ''addaan cituu,'' ChatGPT'n barreesseeraafi.

Duuti shamarree ganna 20 kuni ''akka irraanfatamuufi'' fi ''lakkoofsa'' qofa akka tahu itti himeera.

Landan Yunivarsiitii Kuwiinsitti ogeettii xiinsammuu ijoollee kan tahan Dr Deenis Ogriin, ''ergaawwan kunneen kan balaafi miidhaa qabani dha. Akkatti haala gaariin lubbuu ofii baasuu dandeessu eeru,'' jedhu.

''Odeeffannoon sirrii hin taane kuni madda amanamaa irraa argamuun nama yaaddeessa. Akka hiriyyaatti itti dhiyaachuun dubbii ittuu hammeessa,'' jechuun hubachiisu.

Viktooriyaafi haadhashee

Ergaa maatiifi namoota kaanii busheessuun isaa balaa biraa dha jechuun dubbatu.

Ol-adeemtonni of akka hin miine ykn of akka hin ajjeesne deeggarsi namoota dhihoo jiranii isaan barbaachisa.

Viktooriyaan gorsa ChatGPT irraa argatteen miirri badaan akka itti dhagahameefi lubbuu ofii baasuuf jechaa akka turte dubbatteetti.

Barreeffamoota ChatGPT wajjin taasisaa turte haadhasheetti erga agarsiisteen gara ogeessa xiinsammuu deemte.Amma fayyaanshee fooyya'eera. Hiriyyootashee wajjin dhaabbatan otoo hin galateeffatiin bira darbuu hin barbaaddu.

Namoonni hubannoo nam-tolcheera ogeessota irraa gorsa akka gaafatan gorsiti.

Haatishee Istiiviitlaanaan chaatbootiin kuni gorsa intalasheef kenneen aartee jirti.

''Gatii akka namaatti qabdu ishee dhabsiise. Namni isheef oogu akka hin jirree akka itti dhagahamu godhe. Baayyee nama gaddisiisa,'' jetti.

Dhaabbanni OpenAI dhimma kanarratti yaada kenneen ''waan sirrii hin taaneefi qajeelfama dhaabbatichaa kan sarbu dha,'' jedheera.

Qorannoon akka taasifamu ibsu hamma yoonaa bu'aa qorannoo hin baasne, BBC irraa gaaffii dhiyaateefis deebii hin kennine.

Hubannoon nam-tolchee ChatGPT'n namoota dhiphina sammuu qabaniif deebii kennu irratti fooyya'insa taasisuu himee ture.

Gaaffii akkasii yeroo gaafatamu namoonni ogeessa akka gaafatan akka itti himu beeksisee ture.

Dhihoo kana maatii Kaalifoorniyaa jiraatan ilmisaanii ol-adeemaa ChatGPT'n akka lubbuu ofii baasu isa jajjabeesseera jechuun himannaa bananiiru. OpenAI du'a wal-qabatee dhimmoota itti himatame keessaa duuti dargaggoo ganna 16 Adaam Reey isa ulfaataa dha.

Chaatbootiiwwan UK fi Ameerikaa fa'itti ol-adeemtotaaf qabiyyee saal-quunnamtii agarsiisuun, ijoollee maatii isaaniirraa adda baasuufi haleellaa saalaa irraan gahuun himannaan irratti banamaa jira.

Mootummaa UK keessatti gorsitoonni dhimma nageenya hubannoo nam-tolchee dhaaboti kunneen seeraan gaafatamuu akka qaban gorsu.