Dargaggoon 'ChatGPT' waliin dubbachuun booda of ajjeesnaan himannaan baname

Madda suuraa, The Raine Family
Maatiin Kaalifoorniyaa du'a mucaa isaaniif sababiin hubannoo nam-tolchee dha jechuun himannaa banuufi.
Hubannoo nam-tolchee kanneen akka chatbot, ChatGPT ilmi keenya akka lubbuusaa dabarsuuf sababa tahan jechuun himachuuf jiru.
Himannaan kuni haadhaafi abbaa dargaggoo ganna 16 Adaam Raayin, Maatiifi Maariyaa Raayiniin Dhaddacha Olaanaa Kaalifoorniyaatti gaafa Kibxata baname.
Kunis OpenAI irratti himannaan seeraa dhiyaachuun kan jalqabaati.
Maatiin kuni ilisaanii Raayin haasaa inni ChatGPT waliin taasise galmeessisaniiru. ChatGPT'n kuni Raayin of ajjeesuuf yaadaa akka jiru itti hima. Maatiinis yaada mucaa keenya ''miidhuufi isa balleessuu danda'u ChatGPT'n mirkaneessaafi ture jedhan.
OpenAI himannaa irratti dhiyaate ilaalaa akka jiru BBCtti himeera.
Dhaabbatichi, ''maatii Raayiniif yeroo ulfaataa kanatti jajjabina isaanii hawwiina,'' jedhe.
Dabaluunis gaafa Wiixataa ''namoonni haala hamaa keessa otoo jiranii ChatGPT fayyadamuun isaanii waan laphee nu cabsu dha,'' jechuun ChatGPT'n namoonni haala kana keessatti ''gargaarsa fayyaa ogeessaa akka argatan qajeelcha,'' jechuun ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Tahus sirni keenya yeroon inni namuusa barbaadamuun hin hojjenne jiras,'' jedheera.
Akeekkachiis odeessi kuni miira isin jeequu mala
Sanadni himannaa BBC'n arge, ''maal na dhibdee'' sirnichaa fi akka malee du'uu ilmasaaniifi sababa tahuu OpenAI himata.
Miidhaan akkasii lammata mudachuurraa akka dhaabbatuuf manni murtii akka ajaju gaafata.
Akka sanadni himannaa agarsiisutti Raayin Fulbaana bara 2024 ChatGPT fayyadamuu jalqabe.
Yeroo fayyadamuu jalqabu hojii manaa hojjechuf akkasumas fedhii inni muuziqaa, kitaabilee Jaappaan dubbisuufi yunivarsitti gaafa galu maal akka barachuu barbaadu baruuf ture.
Sanadni himannaa kuni ''ChatGPT'n hiriyyaa dargaggoon kuni icciitii waliin qooddatu taheera,'' jedha. Mucaan kuni waa'ee yaaddoosaafi dhiphinasaa ChatGPT'tti himachuu jalqabe jedha.
Amajji 2025 irraa qabee akkatti of ajjeesan ChatGPT wajjin haasa'uu jalqabe jechuun ibsa..
Raayin suuraa yeroonni of miidhu agarsiisu ChatGPT dhaaf qoodaa ture jedha sanadni himannaa kuni.
''ChatGPT'n kuni mucaan gargaarsi ogeessaa hatattamaa akka isa barbaachisu otoo beekuu waliin dubbachuu itti fufe,'' jedha.
Haasaan dhumaa ChatGPt waliin godhe of ajjeesuuf karoorsuu isaa agarsiisa.
Waan ChatGPT'n deebiseef jedhame garuu ''dhugaa himuu keef galatoomi. Anaa wajjin yeroo haasoftu irra dibaan hin barbaachisu. Waan ati gaafattu beeka, ija sirraa hin cabsadhu,'' jechuutu gabaafame.
Guyyaama sana Raayin lubbuunsaa darbee haatisaa isa arguu himannaan kuni ibsa.
Maatiin mucaa kanaa haasaan inni ChatGPT waliin taasiseefi duutisaa ''kan eegamuufi bu'aa hojimaata sirna kanaati,'' jedhan.
Hubannoon nam-tolchee OpenAI jedhamu kuni ''fayyadamtoonni hirkatummaa xiinsammuu akka irratti qabaataniif godhameetu hojjetame,'' jedhan.
Himannaa kanarratti hundeessaafi hogganaan olaanaa OpenAI Saam Altmaan akkasumas hojjettoota maqaan isaanii hin eeramne lama, hogganootaafi injinaroota ChatGPT'f hojjetan himatamtoota jechuun tarreesseera.
Ibsa gaafa Wiixataa baaseen OpenAI galmi dhaabbatichaa ''dhugumaan fayyadamtoota gargaaruuf'' malee ''qalbii hatuuf miti,'' jedhe.
Kan hojjetames fayyadamtoota yaada of miidhuu dhiyeessan qajeelchuuf ture, kan leenji'ee jedha.
Fayyaa sammuu wajjin wal-qabatee komiin AI irratti ka'uun kan jalqabaa miti.
Barreessituu Laawuraa Reeleey keewwata Niiw Yoork Taayis irratti baasteen mucaanshee dubaraa lubbuu ofii baasuun icciitii ishee ChatGPT'tti himaa turte jette.
ChatGPt'n kuni yeroo waliin haasoftu yaada kee waan simatuuf daa'imnishee rakkoo fayyaa sammuu qabdu maatiifi namoota ishee jaalatanirraa dhoksitee jedhan.
''Hubannoon nam-tolchee daa'imnikoo Soofiin waan hamaa keessa otoo jirtuu akka nama nagaa taatetti akka jiraattuuf ishee godheera. AI hariiroo namootaa wajjin sirrachuu akka qabu akeekteetti.
Dubbiihimtuun OpenAI sirna namoota fayyaa sammuu qaban wajjin haala si'ataa taheen haasa'uu akka danda'u leenjisna jechuun deebiste.












