TikTokarri beekamtuu Iraaq manashee Baagdaad jiru fuulduratti ajjeefamte

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin Iraaq miidiyaa hawaasummaarratti dhiibbaa uumuun beekamtu Oom Faahaad manashee magaalaa Baagdaad keessatti argamu fuulduratti rasaasaan ajjeefamte.
Miidiyaan biyyattii akka gabaasanitti haleellaan kun kan raawwate ollaa kutaa magaalattii gara bahaatti argamtu- Zaayin keessatti.
Taateen kun kan raawwates Jimaata kaleessaati.
Ministeerri Dhimma Biyya keessaa Iraaq dubartiin miidiyaa hawaasummaa gubbaatti beekamtii guddaa horatte kun ''hidhattoota ammatti eenyummaansaanii adda hin baaneen,'' ajjeefamuu ibseera.
Ajjeechaa dubartii kanaa qorachuuf garee qorannoo tokko hundeessee hojii akka gales himeera ministeerichi.
Maqaan ishee inni sirriin Gufraan Sawaadii kan ta'ee fi miidiyaa hawaasummaarratti maqaa Faahaad jedhuun kan beekamtu dubartiin kun, nama qofaasaa bishkileetii oofaa ture tokkoon konkolaataashee keessatti itti dhukaafamee ajjeefamte.
Maddi tikaa Iraaq tokko AFPtti akka himetti namni haleellaa raawwate kun akka waan nyaata bakka tokkoo fuudhee bakka biraan ga'aa jiruu fakkeessaa ture.
Maddi oduu kan Ameerikaa ta'e tokko ammoo dhukaasa baname kanaan dubartii biraanis miidhamuu gabaase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoowwan osoo walleewwan adda addaan shubbistuu waraabdee miidiyaa hawaasummaarratti gadhiistuun beekamtii kan argatte Faahaad, kanaanis hordoftoota kuma dhibbaan lakkaa'aman horatteetti.
Faahaad bara darbe viidiyoowwan ''naamusa hawaasaa cabsan fi adaba hin qabne,'' maxxansiteetti jedhamuun ji'oota ja'aaf hidhamtee turte.
Mootummaan biyyattii koree qabiyyee miidiyaalee hawaasaa to'atuu fi seeraan gaafatu hundeessuu hordofeeti murteen kun kan irratti darbe.
Yeroo sana garee kamiifuu osoo hin loogin kan dhihaate to'ataan mirga namoomaa Euro-Mediterranean Human Rights Monitor jedhamu ''aanga'oonni mootummaa Iraaq mirgoota namoomaa lammiilee daangessuun yakka ifa hin taaneen namoota miidiyaa hawaasummaarratti qabiyyeewwan adda addaa maxxansan irratti hidhaan raawwatanii fi murteen irratti dabarsan akkaan yaaddessaadha,'' jedhe.
Yeroo dhiyoo kana ammoo walqoolliffannaa Foohaad fi morkattuu ishee Daayilaa Naa'eem gidduutti raawwatu akkaan cimeera.
Walaa'aansa fayyaa qaamashee pilaastikaan sirreessuun (Plastic Surgery) kan beekamtu Naa'eem, sabab kanaan ''Ashaangulliitii Iraaq'' jedhamaa turte.
Foohaad aanga'oota olaanoo waliin hariiroo cimaa qabdi jechuun iccitii jiru baasuuf doorsisaa akka turte miidiyaaleen gabaasaniiru.












