Artist Alii Birraa dhukkubsatee yaalamaa akka jiru maatiin himan

Artisitiin gameessi Alii Birraa dhukkubsatee wallaansarra jiraachuu maatiifi namoonni qaaman hospitaalatti argan BBCtti himan.

Alii Birraa dhukkubsatee Hospitaala Waliigalaa Adaamatti wallaansi taasifamaafii akka jiru haati warraa isaa Aadde Liillii irraa BBCn odeeffateera.

Erga dhukkubsatee Hospitaala seenee yaalamuu eegalee guyyoota 10 kan lakkoofsise ta’uufi ogeessonni fayyaa hospitaalichaa wallaansa gaarii kennaafii akka jiran dubbatti Aadde Liilliin.

Gameessi ganna 75 Alii Birraa, amma duralleen dhukkubsatee biyya keessaafi alatti erga yaalamee booda wayyaa’ee ture.

Alii Birraa dhibee onneefi sukkaaratiin rakkataa akka ture BBC tti himee ture.

Waggoota 50 darbaniif guddina aartii Oromoo keessatti gahee guddaa gumaachaa ture.

Artist Alii Birraa Afaan oromootiin alattis afaanota gara shanii ta'aniin akka weellisaa ture seenaan isaa ni mul'isa.

Dhimmoota aadaa, afaan, hawaasummaa, siyaasa, qaroomina, ispoortii, jaalala, walqixxummaafi kaan hedduu irratti weelluuwwan dhaloota irraa dhalootatti darbaniin beekama.

Artist Alii Birraa gumaacha isaatiif Yunivarsiitii Jimmaa fi Yunivarsiitii Dirree Dawaa irraa doktara kabajaa argatera.

Gumaacha Aartii Oromootif gumaachen doktireetii kabajaa argachuun alattis yeroo garaa garaatti badhaasawwan heddu fudhateera.

Bara 1948 Dirree Dhawaatti kan dhalatee Aliin, Umurii isaa ganna 14tti baandii muuziqaa hiriyaa jaalalaa keessatti weellisuu eegale.

Alii Birraa bara 2018tti Oda Award irraa badhaasa umurii guutuu Odaa' argateera.

Jireenya isaa muuziqaa waliin waggoota 50 oliif keessa tureen sirboota 260 ol sirbuuun Hawaasa Oromoofi kaan irraa addunyaa gara garaa irraa badhaasota 30 ol argachuu danda’eera.

Oolmaa artist Alii Birraa aartii Oromootiif ooleef kabajaafi beekamtii kennuuf jecha bara 2021 Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna galateeffannaa qopheessefiif ture.