Murni amantaa 'sammuu hordoftootaa garboomsun' du'atti geessu maali? Itoophiyaa keessa jiraa?

    • Barreessaa, Firaafoli Dhugasa
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo

“Ijoolleen waan beela’aniif boo’u, haa du’anii dhiisaa!”

Nama waan kana dubbatu yoo dhageessan "maali hameenyi akkanaa? eenyutu daa'imni isaa yommuu du'u callisee ilaala?" jechuu maltu.

Dubbiin kun wanta Paastariin Keeniyaa, Pool Makenzii jedhamu barsiisu keessaa isa tokkodha.

Jecha afaan Ingiliffaan Cult [kalt]jedhamu kana dura dhageessanii ta'uu danda'a. Cult Afaan Oromootiin hiika jecha tokkoon hiikamu hin qabu. Kanaaf, barreeffama kana keessatti jecha kana akka jirutti fayyadamna.

Seenaa addunyaa keessatti gartuuleen adda addaa ‘Cult’ jedhamuun beekaman namootni hedduun akka karaa hin taane qabatan ykn waan adda ta'eefi rakkisaa akka raawwatan taasisaniiru.

Kun ammoo yeroo baay'ee sammuu irratti hojjechuun waan 'qabatamaan hin jirre akka amanan gochuudhaanidha'.

Paastariin Keeniyaa kun hordoftoonni isaa of beelessun [soomuun] daftanii du'uun Gooftaa Iyyasuusiin wal argaa jechuun amantoota ykn hordoftoota isaa barsiise.

Barsiisi isaa kun utuu dhumni addunyaa hin dhufiin, du'anii Gooftaa Iyyasuus bira deemuu wayya kan jedhudha.

Kan nama hedduu ajaa'ibe barsiisi isaa kun hojiirraa oolee namootni dhibba hedduun lakkaa'aman bara kana lubbuun isaanii darbuudha.

Oduun kun lammiilee Keeniyaa dabalatee namoota hedduu kan rifaasiseefi ijoo dubbii addunyaa ta'ee turedha.

Barsiisi isaa kun amantaa irratti hundaa'uun waan taasifamedha. Akkas taanaan amantaa fi cult jidduu garaagarummaan jiru maali? jechuu maltu.

Jalqaba ‘Cult ykn kaltii kan jennu kun maalidha?’

'Cult' jechuun maali?

Cult maali kan jedhuuf duuchattii hiika salphaa kennuun rakkisaadha.

Qorannoon hedduu akka ibsanitti, kaltii [Cult] jechuun, gartuu namoota wanta tokkoof, ilaalcha ykn nama tokkoof amantaa walfakkaataa qaban ykn wanta sanaaf of kennan jechuun ni danda’a.

Kaltii hundi hamoo ykn kan miidhaa geessisan ta'uu dhiisuu danda'u.

Kaaltiin miseensonni isaa bilisuummaa qaban, yoo barbaadan ba'anii seenaniifi namoota wanta isaan jaallatan waliin ta'uuf jecha itti seenuuf filatan jiru.

Gartuuleen kaltii rakkoo qaban garuu miseensota kan dorsiisan, mirga isaanii kan mulqan, sammuu isaanii kan to'ataniifi miseensota ykn namoota 'diina' jedhanii ilaalan irratti miidhaa adda addaa kan geessisanidha.

Kaltiwwaan baay'inaan beekaman garuu kanneen miidhaa geessisanidha. Xiyyeeffannaan barreeffama kanaas kaltii isa miidhaa qaqqabsiisudha.

Isteevan Hassan ogeessa xiinsammuu, miidhaa kaltiiwwan hamoo uuman irratti xiyyeeffachuun hojjetu yoo ta'u, ofii isaan to'annoo kaltii jalaa nama oolfame ture.

Miidhaa kaltiiwwan uuman "gartuulee mirga namoomaa nama tokkoo kan salphisanii ilaalaniifi kan xiinsammuu namootaa garbummaa jala galchanidha," jedha.

Jalqabaratti kaaltiiwwan hundi amantii irratti kan hundaa'an qofa miti, aadaa, siyaasaa ykn ilaalcha kam irrattu kan hundaa'anis ta'uu ni danda'u.

Gama amantiin kaltiin hiikkaa akkamii qaba kan jedhu irratti Itti -gaafatamaa Tokkumaa Wangeelaa Itoophiyaa kan ta'an Paastar Tsaadiquu Abdoo dubbisneerra.

"Kaltii jechuun dhaabbata ykn gartuu duudhaa hawaasaa bal'aa biratti baramaa ta'e irraa faallaa qaban" kan jedhu hiika tokko akka ta'e dubbatu.

Gartuulee amantaa kaltii jedhaman "barsiisa amantiiwwan gurguddoo kan hin hordofne, dhuudhaa, aadaa fi seera biyya tokko irraa adda ta'uun kan hundaa'anidha," jedhu.

Kaltiwwan kunneen maqaa amantii beekamu qabatanii ka'anii, barsiisni isaanii garuu "Kiristaanummaa yoo ta'e barsiisa Macaafa Qulqulluurraa, yoo Islaamummaa ta'e barsiisa Quraanaa irraa fincilee ykn kan falleessu," akka ta'e ibsu.

Amantii adda addaa keessatti fakkeenyaaf Kiristaanummaas ta'e Islaamummaa keessatti hundee kan ta'eeru Waaqa itti amananidha kan jedhan Paastariin kun, gartuuleen amantaa kunneen garuu hunda caalaa xiyyeeffannoon isaanii nama tokkodha jedhan.

"Gartuun amantii akkanaa Waaqa itti amanan caalaa nama tokko irratti kan xiyyeeffatudha."

Kanaaf "barsiisi gartuu kanaa Macaafaa Qulqulluu ykn Quraana irratti hundaa'uu dhiisee, abjuu ykn mul'ata hogganaan sun natti mul'ate jedhu irratti kan hundaa'u ta'a," jedhu Paastar Tsaadiquun.

"Kanneen Iyyasuus sirri hin turre" jedhaniillee barsiisan akka jiran himu.

Gartuuleen kaltii kunneen akkamiin baramu kan jedhu gaaffiin dhiyaateef Paastar Tsaadiquun, namni tokko fedhii isaan gartuu kana keessa, fakkeenyaaf akka inni of ajjeesu, ykn ijoollee isaa ajjeesu itti himu keessa beekee hin seenu.

Kanaaf, kaltii keessa jiraachuufi dhiisuu isaa akkamiin baruu danda'a?

Mallattoolee ykn amalooti kaltii adda isaan baasan qorattoonni fi hayyuuleen ibsan kan armaan gadiidha.

Hoogganaa 'surra-qabeessa'...

Waa'een gartuulee kaltii yeroo dubbatamu yeroo hundaa maqaan nama tokko ykn hoogganaa tokko ni ka'a.

Sababiin isaas murni akkanaa harka caalaa kan hundeeffamu nama ijoo tokko irratti hundaa'uunidha.

Paastar Tsaadiquun akka ibsanitti, namni gartuu akkanaa hoogganu "nama surraa qabuu [Charismatic ta'e] fi nama dubbii beeku ta'a."

Fakkeenyaaf, nama akka Paastar Pool Makeenzii kan Keeniyaatti du'a hordoftoota 400 oliif sababa ta'e kanaaf agarsiistuudha.

"Paastar Pool surra qabeessa, sagalee Waaqayyoos gaariitti lallaba" jechuun namni miseensa waldaa isaa ture jalqabarratti maal akka isa hawwate hima.

Waldaan isaa Good News International Church jedhamu waggaa digdama dura kan hundeeffamedha.

Viidiyoon barsiisi isaa intarneeta irratti maxxanfamanii jiru.

Hoggantoonni ykn hundeessitooti kaltii hordoftooti isaanii akka ''nama simboo qabeessa ta'etti" akka isaan ilaalan ni fedhu.

Kanaaf, namoota hawwachuuf haasaafi amala isaanii akka namoota hasoofsisan adda addaatti gegeeddaraa deemu.

Akka ogeessoti ibsanitti, yommuu 'namni kun surra qabeessa' jechuun ilaalchi kee geeddaramu ykn qalbiinkee fudhatu namni sun sirratti aangoo argata jechuudha.

Hoggantooti kaltii kun akkamiin dubbatanii akka nama amansiisuu danda'an beeku.

Namootni gartuulee kaltii keessaa ba'an ykn miliqan maaliif murna sana akka seenan yommuu ibsan, hogganaan sun "wantan dhaga'uu barbaadu utuu ani itti hin himiin beeka ture" jedhu.

Namni kaltii hoogganu tokko amalli inni qabu biraan, abbaa irree ta'uudha.

"Namni kun surra-qabeessa ta'uurra darbee nama humnaan bulchuu qaba," jetti oggeetti qor-qalbii hawaasaa kan taate Aleksaandiraa Isteeyin.

'Sammuu gabroomsuu'

"Yoo ariifattannii of beelessuun hin duutan ta'e, Jannati guutee balballi isaa ni cufama," jechuun Paastar Makeenziin akka isaan ajaje dubartiin miseensa murna kanaa turteefi ijoollee ishee oolfachuuf jecha miliqxe ni himti.

Viidiyoowwan lallaba isaa maxxanfamanirraa kallattiin yeroo kana dubbatu Paastariin kun hin mul'atu.

"Bakkeen yeroo ilaalamu kaltiin waan gaarii fakkaatanii mul'atu, " jedhu Paastor Tsaadiquun.

Dhugaan kaltiwwan kanaa kan beekamu ykn ergaan dhokataa gartuu kanaa kan mul'atu garuu erga namootni guutuutti amanan, yeroo itti of gatanii ykn guutummaan sammuun isaanii erga jijjiiramee booda akka ta'e himu.

Miseensota haaraaf barsiisi dhiyeessan "waan isaan amanuu danda'anidha" kan jedhan Paastar Tsaadiquun, sana booda "suuta suutaan keessa galuusaa yommuu beekan barsiisa isa tokko [biraa] fidu," jedhan.

Amala gartuuleen kun qaban keessaa inni biraan, amala, yaadaafi filannoo dhuunfaa dabalatee jireenya miseensota isaanii irratti to'annoo cimaa qabaachuu isaaniidha.

"Kiristaanummaan fakkeenyaaf, wanta amantiidhaan fudhattus wanta ofiikeen yaaddee ykn xiinxaltee fudhattudha. Kana lamaan adda baasuu hin dandeessu" jedhu Paastar Tsaadiquun.

"Garaagarummaan kaltii kan dhufu asittidha. Kaltiin garuu 'hin xiinxaliin, gaaffii hin kaasin, sammuukee hin fayyadamiin waantan siin jedhu qofa fudhadhu' jechuun hordoftoota 'akka hoolaatti' callisanii hordofan barbaada."

Hogganaan sun erga sammuu isaanii to'atee booda "du'aa yoo jedheen ni du'u, ajjeesaa yoo jedheen ni ajjeesu, gara boollaa yoo deemellee wajjumaan deemu" jechuun himu.

Dhimma akkanaaf fakkeenya guddaadha jedhamee kan yaadamu hogganaa kaltii People's Temple Jiim Joons jedhamudha.

Jim Joons gartuu amantaa 'Peoples Temple' jedhamu bara 1950'n keessa Ameerikaatti erga hundeessee booda bara 1977'tti qeeqa miidiyaaleen irra ga'u baqaa Ameerikaa Kibbaa biyya Guyaanaa jedhamutti waldaa isaa geesse.

Miseensoti waldichaa fi lammiileen Ameerikaa kumaan lakkaa'aman isa hordofuun Guyaanaa keessatti hawaasa uummatani.

Sadaasa 18, 1978 hordoftonni isaa summii dhuguun akka of ajjeesan amansiisuun, daa'immaan 200 ol dabalatee namootni 918 du'aniiru.

To'annoo inni sammuu miseensota isaa irratti qabu hanga haatiifi abbaan ijoollee isaanii summii obaasuun 'sirriidha' jedhanii fudhatanitti ture.

Jiim Joons boodarra shugguxiin of ajjeesse.

Miseensonni to'annoo sammuufi amala irra ture jalaa ba'uun hubannoo argataniin miliquu yaalan ammoo to'annoo biraatu isaan eeggata.

Oggeettii Soshiyoolojii kan taate Janjaa Laliik, "amalli gartulee kaltii keessaa inni ijoon tokko loogii godhu jedheen amana” jetti.

Gartuu kana keessaa ba'uuf miseensa yaaleef miidhaan irra ga'u loogirra caaluu danda'a.

Namootni kaltii Paastor Makeenzii jalaa miliqaniifi kana dura miseensa gartuu kanaa ta'an akka himanitti, miseensota soomaa ajajaman dhiisanii deemuuf yaalan dhiirota kaltichaa gajaraa qabachuun eegumsa taasisaniin adamsamanii, tumamanii gara bosonichatti deebifamu.

Hawaasa bal'aa irraa adda baasuu...

"Barnootni hameenya seexanaadha," jechuun Paastar Makeenziin ijoolleen akka mana barnootaatti hin ergamne jajjabeessaa ture.

Kana qofa miti haadholiin yeroo da'umsaatti akka tajaajila fayyaa hin arganneefi daa'imman isaaniif talaalli akka hin kenninees ni gorsa.

Kanas kan jedhu ogeessoti fayyaa "Waaqa biraa waqeessu" sababa jedhuun. Barsiisi akkanaa amala kaltii keessaa isa tokkodha.

Jireenya, duudhaa ykn hariiroo hawaasa bal'aa keessaa waan miseensota adda kutudha.

Malli isaan ittiin to'atan inni biraan diina uumuudha.

Mootummaa, amantaa biraa, saba ykn hawaasa biraa akka diina ta'anitti yommuu ilaalamu, sodaan miseensota biratti uumamu to'atamuuf isaan saaxila.

Paastor Tsaadiquun akka ibsanitti, kaltiiwwan akkanaa ilaalcha "hunduu nu jibba, sababa amantii keenyatti nu ari'atu," jechuun miseensotni akka hawaasa kaanirraa of fageessan taasisu.

Barsiisaan alatti gartuuleen ykn kaltiiwwan kun qaamaanillee hawaasa irraa adda citu.

Keeniyaatti Paastar Makeenziin naannoo bosona Shakaholaa jedhamu keessatti, hawaasa irraa fagaatee lafa hektaara 320 ta'u irratti buufata ''Bakka Qulqulluu'' jedhee waamu hundeesse.

Bakka kanas gandootaan adda qoode, maqoota Macaafa Qulqulluu kenneefi - Yihuudaa, Beeteliheem fi Naazireet jechuun moggaase.

Miseensotni gartuu kanaa hawaasarra citanii harka caalaa achi jiraachaa turan.

Namootni beelaan lubbuun isaanii darbes, achuma bosona sana keessatti awwaalaman.

Namootni maaliifmurna akkanaa seenu?

Mallattooleefi miidhaa gartuuleen amantaa kaltii ta'an fiduu danda'an erga dhageessanii booda, 'namoonni maaliif gartuu akkanaatti makamuu?' jechuun gaaffii kaasuu maltu.

Namooti kaltii keessa miliqan akka himanitti jalqaba irratti gartuun amantaa sun ergamaa fi barsiisa isaan itti amanan akka qabu himu.

Namni hundi wanta jireenya isaaf hiika kennu tokko ni barbaada. Amantii, ilaalcha siyaasaa ykn aadaa ta'uu danda'a.

Kaltiiwwan fedhii jireenyaa kana fayyadamuun namoota kiyyeessu. Sana booda suuta suutaan to'annoo ofii jala galchu jedhu Paastar Tsaadiquun.

Looraa Jooniston Kohil miseensa gartuu amantaa kaltii Peoples Temple kan Jim Joonsiin hogganamuu turte.

Gartuun kun jalqaba irratti amantaa Kiristaanummaa irratti hundaa'uun ergama waraana mormuu fi walqixxummaa sabootaa leellisu qaba ture.

"Haqa hawaasaa irratti hojjechuu fi addunyaa foyyeessuu irratti hojjechuu yeroo barbaadaa turettin gartuu kanatti makame" jetti.

"Namoota gaariin kan guutame waan tureef akka mana ofii keessa jirruutti natti dhaga'ame."

Amaloota kaltii keessa tokko kan kaasne 'surra-qabeessummaa' hogganaa gartuu akkanaadha.

Jalqaba irratti Jiim Joons waliin yommuu wal barte "nama gad of qabaa fi ilaalcha 'anatu caala' jedhu" akka hin qabne Looraan ni dubbatti.

"Hawaasa addunyaaf fakkeenya ta'u taana jennee yaadna turre."

Boodarra garuu Jiim Joons "jaalala nuti hawaasa keenyaaf qabnu fayyadamuun akka nuti addunyaa bakkee jiru akka sodaannu gochuu eegale," jetti Looraan.

Guyyaa miseensotni gartuu kanaa 900 ol ta'an lubbuun isaanii darbetti, hawaasa keenya diiguu, waan qabnu nurraa fudhachuu barbaadu jechuun "kanan isin eeguu danda'u akka duutan gochuun" jechuun akka dubbate himti.

Hariiroofi jaalala miseensotni kun waliifi hawaasichaaf qaban fayyadamuun, hawaasichi diigamurra du'uu wayya kan jedhu amansiise.

Mootummaan akka isaan diigu fedhu, akka ijoollee isaanii jalaa fudhachuu barbaadu himuun, dursee miseensota kana keessatti sodaafi jibba uumeera.

Hawaasicha keessaa yoo ba'an hawaasa addunyaa keessa jiraachuu akka hin dandeenye itti himaa ture.

Looraan guyyaa sana akka carraa ta'ee mi'a bituuf baatee turte.

"Ani wanta guyyaa sana uumame, akka namootni jumlaan of ajjeesanitti hin laalu. Akkas miti. Kun ajjechaa jumlaadha."

"Soba dubbachuun fedhii lubbuun jiraachuu namootaa balleesse. Ani kanaaf ragaadha. Utuun guyyaa sana achi jiraadhee summii sana nan dhugan ture," jetti Looraan.

Namootni miseensa kaltii ta'an nama salphaatti gowwomfamu ykn nama barumsa hin qabne ta'anii miti.

Namni waa'ee amalaafi mallattoolee kaltii hin beekne kamuu, utuu hin beekiin kaltiitti makamuu danda'a.

Itoophiyaa keessa murni akkanaa jiraa?

Itoophiyaa keessatti gartuun amala kaltii qabu ykn balaa uumeeru dhageenye ykn agarree hin beeknu ta'a.

Paastor Tsaadiquun harki caalaan kanneen akka 'barsiisaa wangeelaa sobaatti' akka ilaalaman himun, "waldaaleen amantaa nu yaaddessan garuu jiru," jedhu.

Barsiisa wangeelaa sobaa (heressy) fi kaltiin waan walitti siquu akka ta'e himuun, sadarkaa kaltii jedhamurra ga'uu baatanis "sanarra akka hin geenyeefidha fuulaafi fuulatti barsiisota amantaa akkanaa mormaa kan jirru," jedhu.

Barsiisaan amantii kuni, "anaan kan na sodaachisu kanneen sochii 'Wangeela Badhaadhina' jedhamu keessaa as ba'aa jiranidha" jedhu.

Wangeela Badhaadhinaa ykn Prosperity Gospel kan jedhamu amantii hordoftoota Kiristaana Pirotestaantii tokko tokko bira jiru yoo ta'u, qabeenya ykn maallaqaan eebbifamuufi fayyina qaamaa qabaachuun waan Waaqayyoo isaaniif fedhu akka ta'e amanu.

Akkasumas, amantii qabaachuun haasaa gaarii dubbachuufi sochiilee amantaaf gumaacha maallaqaa taasisuun qabeenya isaanii akka guddisu amanu.

Waldaaleen amantii Wangeela Badhaadhinaa kanaan bulan tokko tokko, hogganaa maqaa masoo kan akka "Man of God" [Nama Waaqayyoo] jedhu akka qaban Paastar Tsaadiquun ni himu.

"Namni kun akka hoogganaa waraanaa wayiitti ilaalama. Kanaaf, bulchiinsa waldiichaa nama tokko jala yommuu ta'e, ilaalchi 'kan inni dubbatu waan Waaqni dubbatudha' kan jedhu mul'achaa deemee haala hamaa keessa seenuu danda'a ta'innaa kan jedhu yaaddessaadha," jedhu.

Ammatti sadarkaa sanarra kan ga'e miti jechuun garuu "hoggantoonni akkanaa guyyaa tokko miseensotaan 'hiriira ba'aatii wal ajjeesaa' utuu jedhe, namootni hin hordofuumoo dhisuu yoo jettu baay'ee sodaachisaadha" jedhu.

Hundee ykn wiirtuu mana amantaa sanaa nama tokko godhachuufi nama sanaaf bitamuun rakkoo akka ta'e ibsu.

Namni sun "abaluun fuudhi - abaluu hin fuudhiin, as jiraadhu - achi hin jiraatiin, kana daldali- sana hin daldaliin" kan jedhu yoo ta'e "kun baay'ee balaa kan uumudha" jedhu Paastor Tsaadiquun.

Heera mootummaa fi murna cult

Walabummaan amantii ykn mirgi bilisummaan waaqeffachuu mirga namooma biyyootii hedduutti kabajaman keessaa tokkodha.

Sanadooti mirga namoomaa idil-addunyaa "namni tokko mirga amantii barbaade hordofuu, amantii geeddarachuu, mana amantaa hundeeffachuufi waaqeffachuu qaba" jedhu ogeessi mirga namoomaa fi seera yakkaa Obbo Lammeessaa Guddataa.

Ta'us sanadootni kun "mirga qofaa osoo hin taane daangaa ka'aniiru," jedhu.

"Mirgi amantii hanga nageenya ummataa balaarra hin buufnetti, hanga tasgabbii biyyarraa miidhaa hin geessisnetti, nageenya qaama namaa hanga hin miinetti, hamilee hawaasaa hanga hin cabsinettiifi bilisummaa namoota biroo hanga hin dhiibnetti ta'uu akka qabu,'' daanga'uu himu.

Itoophiyaanis sanadoota idil-addunyaa kunneen mallatteessitee waan jirtuuf mirgaafi daangaa kana ni hordofti.

Heerri Itoophiyaa keeyyati 27 fi 27/5 mirga fi daangaa amantii ifatti ni kaa'a.

Heerri Itoophiyaa mootummaan dhimma amantaa keessa akka hin seenne, amantiinis dhimma mootummaa keessa akka hin seenne lafa kaa'a.

Haa ta'u malee, mootummaan dirqama nageenya lammiilee kabachiisuu waan qabuuf "amantaan tokko daangaa ka'amerra yommu darbu" gidduu galtummaan mootummaa akka barbaachisu ogeessi seeraa kun ni himu.

Seerri Itoophiyaa addatti "namni barsiisaa amantii akkanaa barsiise, akkanaan adabama" kan jedhu akka hin jirre dubbatu.

Garuu "namni tokko hamilee hawaasaa kan cabsu yoo ta'e, namni tokko akka of miidhuuf ykn of ajjeesuuf kan kakaasu ykn jajjabeessuu yoo ta'e kun biyya keenyatti yakkadha," jedhu.

Yakki akkanaa kun waan hanga hidhaa waggaa 10'tti adabsiisuu danda'u akka ta'e himu.

Keeniyaa kessattis Paastar Pool Makeenzii fi hoggantoonni amantaa biroo gocha kaltii kanaan hidhata qabu jedhaman to'annoo jala oolfamaniiru.

Mootummaan biyyatti, namoonni hagabuun of ajjeesuun jannata akka seenan ajajuun yakka duguuggaa sanyiin rawwateera jechuun Paastari kana himateera.

Kaltiin addunyaarratti maatii hedduu kan diige, nageenya hawaasaa kan jeeqeefi lubbuun namoota hedduu kan galaafatedha.

Kanneen gartuu akkanaa hundeessan bu'aa maallaqaaf, fedhi nama to'achuuf qabaniin ykn sababa adda addaaf namoota kiyyeessu.

Gartuuleen amantaa, siyaasaa ykn aadaanis ta'e isin keessatti hirmaattan amala akkanaa qabaachuu isaanii xiinxaluun barbaachisaadha.

Of danda'anii, qeeqaniifi xinxalanii wanta hunda ilaaluun waan hedduu irraa nama oolcha.