Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan ibsa Gamtaan Awurooppaa erga mormite booda, yeroo jalqabaaf fooramii waloo taa'an
Itoophiyaa fi Faransaayi, Gamtaa Awurooppaa fi dhaabbilee maallaqaa Awurooppaa adda duree ta'an waliin Fooramii Invastimantii Itoophiyaa fi Awurooppaa Paarisitti taa'aa jiru.
Akka ibsi Imbaasii Itoophiyaa Paaris jirutti, waltajjiin sadarkaa olaanaa federeeshinii daldalaa guddicha Faransaayi Komishinii Awurooppaa waliin ta'uun qopheessan kun dameewwaam afur irratti xiyeeffata.
Isaanis Aviyeeshinii, anniisaa haaromfamuu danda'u, geejjibaa/bu'uuraalee misoomaa/loojistikii, fi damee dijitaalaa/AI/telekoomii keessatti carraawwan invastimantii haaraa banuuf kan akeekedha.
Imbaasichi akka jedhetti fooramiin waloo kun jijjiirama dinagdee Itoophiyaa fi haala tarsimoo Itoophiyaa baha Afrikaa keessatti qabdu cimsuu irratti kan xiyyeefate.
Kunis walitti dhufeenya daldalaa fi invastimantii cimsuu fi deeggarsa maallaqaa karaa Gamtaa Awurooppaa 'Global Gateway' jedhamu fayyadamuun guddina isaani itti fufsiisan irratti marii taasisu jedhame.
"Mariin kun imala waloo keenya keessatti tarkaanfii murteessaa dha. Awurooppaa fi Itoophiyaa walitti fiduun egeree kalaqa, bu'uuraalee misoomaa fi guddina hunda hammate kan bocuudha," jedhan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Doktar Geediyoon Ximotewos.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shiidee gama isaaniin Itophiyaan "ajandaa haaromsa diinagdee biyya keessaa fi karoora misoomaa waggaa kudhaniin" hoogganamuun ''jijjiirama diinagdee haaraa" keessa seenu hubachiisan
"Mul'ata kana dhugoomsuu fi dameewwan murteessoo ta'an hunda keessatti invastimantii itti fufiinsa qabu milkeessuu keessatti dameen dhuunfaa Awurooppaa akka michuu ijootti ilaalla," jedhan.
Hojiwwaan investimenti xiyyeeffannoo dureeyyota Awurooppaa ta'an keessaa misoomni Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu fi wiirtuuwwan loojistikii Itoophiyaan gabaa addunyaa waliin qabdu cimsuu isa ijoodha.
Kana malees annisaa haromfaman, ijaarsa Kolidarii daldalaa fi walitti hidhamiinsaa akkasumas zoonii Diinagdee Addaa hundeessuu fa'i.
Akkataa dargaggoota Itoophiyaa fi teeknooloojii guddachaa jiru walitti fiduun kalaqaa fi dorgommi teknolojii dijitaalaa, AI, fi telekoomii guddisuu kan dabalatu ta'uu ta'uu imbaasichi ibseera.
Waltajjiin marii Paaris kun konfiraansii Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa Ebla 2026 Keeniyaatti gaggeeffamuuf karoorfame, kan guddina itti fufiinsa qabuuf tumsa Afrikaa fi Awurooppaa cimsuuf kaayyeffateef haala kan miijessudha.
Dhiheenya kana Imbaasiin Itoophiyaa Biraaselsitti argamu yaa'ii isaanii hordofuun ibsa waloo Gamtaan Awurooppaa fi Masriin Onkoloolessa 22 bara 2025 kennan irratti qeeqa cimaa dhiyeessera.
Ibsa kana keessatti Gamtaan Awurooppaa "nageenya bishaanii" Masrii fi "Hidha Itoophiyaa ilaallatu dabalatee seera idil-addunyaa akka kabajamu" deggeruu isaa ibsuun, Itoophiyaa mufachiisera.
Imbasiin Itoophiyaa Biraaselsi jiru '''ibsi waloo' Gamtaa Awurooppaa fi Masirii dhimma bishaan Abbayyaa ilaalchisuun baasan rakkoo kan qabuu fi kan isa mufachiise ta'uu ibse, ''ejjennoo dogoggoraafi loogii kan qabu ta'uu'' eere.
''Biyyoonni yaa'a laga Naayil kudha tokko osoo jiranuu ibsi waloo kun garuu dhugaa jiruu fi mirga biyyoota kaanii dagateera ykn beekaa qoollifateera'' jechuun akeekkachiise ibsi Itoophiyaa
Marii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamaa ture keessatti taajjabaa ta'uun kan hirmaataa ture Gamtaan Awurooppaa iccitii jiru hunda osoo beekuu ibsa qaama kaan qoollifatu baasuun isaa qaanii ta'uu dabaluun ibseera.
Ibsi waloo Gamtaa Awurooppaa fi Masrii aammoo Labsii waloo Tumsa Bishaanii Masrii fi Gamtaa Awurooppaa (EEWP) waliin walsimu dabalatee dhimmoota bishaaniin walqabatan irratti sadarkaa biyyoota lamaanii, naannoo fi idil-addunyaatti akka tumsu eera.
Gamtaan Awurooppaa biyyi kaaba Afrikaa, Masiriin, jiraachuuf laga Naayil irratti akka hirkattu sirriitti hubata kan jedhu ibsi waloo kun, ''mirgaa fi dantaa itti fayyadama bishaanii Masirii eegsisuurratti gamtichi kutannoosaa itti fufa. Kunis akkaataa seera idiladdunyaatiini. Waa'een hidha Itoophiyaas as keessatti ilaalama,'' jedha.