Itoophiyaan ibsa waloo Gamtaan Awurooppaa Masrii waliin bishaan Abbayyaa irratti kenne mormite

Imbasiin Itoophiyaa Biraaselsi jiru '''ibsi waloo' Gamtaa Awurooppaa fi Masirii dhimma bishaan Abbayyaa ilaalchisuun baasan rakkoo kan qabuu fi kan isa mufachiise ta'uu ibse.

Ibsi waloo Gamtaan Awurooppaa fi Masriin kennan ''ejjennoo dogoggoraafi loogii kan qabu ta'uu, akkasumas Itoophiyaarratti dubbii barbaaduu kan qabu ta'uu agarsiisa'' jechuun mormiteetti Itoophiyaan.

Imbaasichi ibsa Facebok isaarratti baaseen 'ibsi waloo' sun olaantummaa bara kolonii laga Naayil irratti Masiriif kenname kan faarsudha jechuun balaaleffate.

Ibsa waloo sun Gamtaan Awurooppaa hariiroo fi qindoominni daangaa ce'e biyyoota yaa'a laga Naayil gidduutti akka uumamu ni tumsa jedha.

Kunis beekamtii, walta'iinsaa fi waliigaltee ''tokko kaan hin miidhin'' jedhu irratti kan hundaa'e ta'a jedha ibsi waloo kun.

Haata'u malee tumsi Gamtaan Awurooppaa itti fayyadama laga Naayil ilaachisuun taasisu kun beekamtii fi waliigaltee kam irratti akka hundaa'u ibsa waloo kana keessatti bal'inaan hin ibsamne.

Gamtaan Awurooppaa marii Masirii waliin Beeljiyeem, Biraaselsitti taa'e booda ibsa gaafa Onkoloolessa 22, 2025 baaseen dameewwan garaagaraa irratti Masirii akka tumsu eereera.

Dhimmoota ibsa waloo kana keessatti irratti xiyyeeffataman keessaa tokko mirga itti fayyadama Laga Naayil irratti Masiriin qabdu yoo ta'u, kunis biyyoota yaa'a lagichaa kaan moggaatti baasuu mul'isa jechuun himatte Itoophiyaan.

''Yaada, dantaa fi faayidaa biyyoota yaa'a laga Naayil kaanii guutummaatti moggaatti baasuu isaanii mul'isa,'' jedha ibsi Imbaasiin Itoophiyaa baase kun.

Biyyoonni yaa'a laga Naayil kudha tokko osoo jiranuu ibsi waloo kun garuu dhugaa jiruu fi mirga biyyoota kaanii dagateera ykn beekaa qoollifateera jedha ibsi gama Itoophiyaan ba'e.

Gamtaan Awurooppaa dhimma Masirii waliin jiru irratti Itoophiyaa moggaatti baasuun adeemsa akkaan nama mufachiisudha kan jedhe ibsi kun, ibsi waloo kun walumaagalatti loogummaa, jibbiinsaa fi dabummaa Itoophiyaarratti qaban kan mul'isuu fi hariiroo gaarii Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduutti waggootaaf ture kan faallessuudha jedhe.

Ardiin Awurooppaa biyyoota lageen daangaa ce'an hedduu qabu ta'ee osoo jiruu Gamtaan Awurooppaa seera itti fayyadama bishaanii idiladdunyaa haala kanaan sarbuun qaanessaadha jechuun qeeqe ibsi Itoophiyaa kun.

Ibsi waloo kun waliigalteewwan idiladdunyaa dhimma bishaaniirratti jiran kanneen akka waliigaltee walta'iinsa biyyoota yaa'a laga Naayil- Nile River Basin Cooperative Framework (CFA) fi UNECE jedhaman kan faallessuudha jedha ibsi imbaasiin Itoophiyaa Biraaselsi jiru baase kun.

Akkasumas seera itti fayyadama qabeenya bishaanii kan faallessuu fi ga'ee olaanaa Gamtaan Awurooppaa dhibdee biyyoota kaanii jaarsummaan furuu keessatti ba'achaa ture shakkii keessa kan galchuudha jedhe.

Marii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamaa ture keessatti taajjabaa ta'uun kan hirmaataa ture Gamtaan Awurooppaa iccitii jiru hunda osoo beekuu ibsa qaama kaan qoollifatu baasuun isaa qaanii ta'uu ibsi gama Itoophiyaan ba'e kun eereera.

Hunda caalaa Itoophiyaa kan mufachiise dhimma Hidha Haaromsaa irratti qabxii ibsa waloo kana keessatti eeramedha.

Ibsi waloo qabxii 23 qabu kun dhimma qabeenya bishaanii irratti Gamtaan Awurooppaa Masirii waliin qindoominaan akka hojjetuu fi akka deeggarus eereera.

Waliigaltee walta'iinsa qabeenya bishaan Gamtaa Awurooppaa fi Masirii irratti akka xiyyeeffatan ibsan.

Gamtaan Awurooppaa biyyi kaaba Afrikaa, Masiriin, jiraachuuf laga Naayil irratti akka hirkattu sirriitti hubata kan jedhu ibsi waloo kun, ''mirgaa fi dantaa itti fayyadama bishaanii Masirii eegsisuurratti gamtichi kutannoosaa itti fufa. Kunis akkaataa seera idiladdunyaatiini. Waa'een hidha Itoophiyaas as keessatti ilaalama,'' jedha.

Ibsi Imbaasiin Itoophiyaa Biraaselsi jiru baase ibsa waloo kana keessatti akkaataa maqaan hidha kanaa itti eeramerrattis komii qabu ibseera.

''Hidhi kun maqaa akka Itoophiyaatti qofa osoo hin taane, Afrikaa fi addunyaarratti itti beekamu qaba. Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa jedhama,'' jedhe.

Hiika maqaa hidha kanaa kaayyoo fi galma isaa faana walqabata kan jedhu ibsi Itoophiyaa kun, ofiin of misoomsuu fi qabeenya ofii misoomsuun guddachuun Afrikaa keessattis akka danda'amu mul'isa jedha.

Kanaaf Itoophiyaan Gamtaan Awurooppaa fi miseensonni isaa ibsa dabaa fi dogoggoraa kana keessa deebi'anii ilaaluun akka sirreessan gaafatti jedha ibsi kun.