Itoophiyaan dhaadannoo Al-Siisii 'tarkaanfii fudhanna' jedhuuf deebii kennite

Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattaah Al-Siisii ​​akka jedhanitti, biyyisaanii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa laga Abbayyaarratti ijaaramee fi eebbifame ilaalchisee, dantaa biyyaalessaa fi nageenya bishaaniishee eegsisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda ni fudhatti.

Pireezidaantichi biyyisaanii Itiyoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa bulchuuf adeemsa "ittigaafatamummaa hin qabne" yoo raawwattu "harka marattee teessee hin ilaaltuu jedhan jechuun kan gabaasa Ahram Online.

Al-Sisiin ergaa viidiyoo torbee bishaanii 8ffaa magaalaa Kaayirootti gaggeeffamerratti dabarsaniin, Masriin dippilomaasii fi dhaabbilee idil-addunyaa, "keessumaa Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii" irratti amantaa qabaachuun ishee akka dadhabinaatti ilaalamuu hin qabu jedhan.

Ministeerri Bishaaniifi Annisaa Itoopihyaa haasaa Al Siisii kan osoo hin eeriin ibsa Onkololessa 13/2025 waaree booda baaseen ilaalchi masaanummaa Masriin Itoophiyaarraa qbdu itti fufeera jedhe.

Ibsa isaakana keessatti Masriin imaammata dogoggaraa ilaalcha bara koloniirratti hundaa'een Itoophiyaa waliin waltumsuu caala xiqeessitee ilaaluutti jirtii jedha.

''Biyyi hamma bishaan Naayil dhibbeentaa 85 gumaachitu, maddi Abbayyaa Itoophiyaan daandii badhaadhinaarra jirti'' jedha ibsi mootummaa Itoophiyaa.

Itti fufuun ''Itoophiyaan Abbayyattii fayyadamuun fedha bishaaniishee guuttachuurraa dhiibbaa kamiinuu boodatti hin jettu'' jedha.

Masriin Hidhi Haaromsa bishaan laga Abbayyaa irraa argamu ni hir'isa jechuun cimsitee mormtee kan turte yoo ta'u, Pireezdaant Al-Siisiin haasawa Dilbata Onkoloolessa 12, 2025 taasisaniin lolaa torbeewwan darban keessa Sudaan keessatti mudateef Hidha Haaromsaa Itoophiyaa komataniiru.

''Itoophiyaan Hidha kana haala gaarii hin taaneen bulchaa jirti, kunis guyyoota darban keessa yaa'a bishaanii wal hin qixxaanneen biyyoota yaa'a gadii lamaan keessatti miidhaa geessiseera,'' jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa Masriin Hidha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisee himannaawwan dhugaa hin taane maddisiisaa turte jedha. Yeroo dheeraaf sababa hongee ta'a jechaa erga turtee booda amma ammoo sababa lolaa ta'eera jechuushee komateera.

Himannaawwan ofii uumte kana Sudaanis akka fudhattu yaalaa jirti kan jedhu ibsi mootummaa Itoophiyaa, ''dhugaan jiru garuu Itoophiyaafi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaarratti waltumsuu isaanii itti fufaniiru'' jedhe.

''Hariiroo obbolummaasaanii kana gara faayidaa waloo uummata isaaniitti ni hiiku.''

Pireezidaant Al-Siisiin, haasaa isaanii keessatti taateewwan Hidhichi eebbifamee guyyoota muraasa booda mudatan "hojii Hidhichaa irratti waliigaltee seeraan dirqama ta'e gaafachuu keenya seera qabeessummaa isaaf ragaadha" jedhan.

Masiriin kana haa jettu malee, Itoophiyaan garuu sababa Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa yaa'a bishaanii takka hir'atee yeroo kaan guutee lolaan cimaa Sudaan keessatti mudachaa ture to'achuudhaan balaa lolaa xiqqeessuun faayidaa qabaachuu himti.

Qorattoonni dhimmi ilaallatus Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa kun yaa'a bishaan Laga Abbayaa kana to'achuun balaa lolaa xiqqeessa jedhu.

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa; Masriin ibsa kanaan dura Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa sababa ''bishaan haala gaariin gadi hin lakkifamneef'' Sudaan keessatti lolaa uumeera jechuun kennite ''dhara' jechuun kuffiiseera.

Ministiirichi deebii kenneen silaa utuu Hidha Haaromsa Guddichi Itoophiyaa hin jiraannee, ji'oota darban keessa roobni cimaan lafa olka'aa Itiyoophiyaa keessatti roobe ''lubbuu namaa fi bu'uuraalee misoomaa Sudaan fi Masrii irratti miidhaa ta'ee hin beekne geessisuu danda'a ture'' jedheera.

Al-Sisi itti dabaluudhaan, tarkaanfiin dippilomaasii biyya isaanii kun ''cimina, bilchinaa fi amantaa irraa qabaachuu agarsiisuu, akkasumas dantaa biyyoota bishaan Abbayaa balaadhaaf osoo hin saaxilin eeguudha'' jedhan.

Pirezidaantiin Masrii yeroo gogiinsaa fi lolaa sadarkaa bishaanii to'achuuf waliigaltee dirqamaa akka ta'u gaafatan yoo ta'u, "waliigaltee biyyoota yaa'a gadii lamaan hammate" jechuun, "fedhii misoomaa biyyoota yaa'a olka'aa fi biyyoota yaa'a gadii miidhaa irraa eeguu gidduutti filannoo madaalawaa ta'e yoo jiraate qofaadha" jedhan.

Pireezidaantichi Masriin tarkaanfii qaama tokkoon laga Abbayaarratti fudhatamu kamiyyuu hin fudhattu, sababiin isaas "malaafi waliigalteewwan idil-addunyaa waan laamshessuuf, dantaa biyyoota yaa'a gadii balaadhaaf saaxilu, akkasumas qajeeltoowwan haqaa fi tasgabbii waan miidhuuf" jedhan.

''Misoomni dhimma biyya tokkoo qofa miti,'' jedhan Al-Sisiin. "Mirga itti gaafatamummaa waliinii fi tumsa biyyotaa qofaan laga eegamuu danda'u malee kan tarkaanfii dhuunfaan miti."

Marii ijaarsa Hidha Haaromsaa waggoota 14f gaggeeffamaa ture eeruun, "daandii dippilomaasii haqa qabeessaa fi of eeggannoo qabu" kan "waliigaltee dirqisiisaa dantaa biyyota kaanis tilmaama keessa galchee fi madaallii mirgaa fi dirqama gidduu jiru" ilaaludha jedhan.

Pireezidaantichi haasaa isaanii keessatti, Kaayiroon "filannoowwan teeknikaa gaarii galma misoomaa Itoophiyaa guutan hedduu fi yaada dantaa biyyoota yaa'a gadii lamaanii eegu dhiheessiteetti" jedhan.

Haata'u malee, filannoowwan Masrii kun "fedhii siyaasaa dhabuu fi mata jabina fedhii dhugaa adda ta'e kan yaada siyaasaa dhiphaa oofu fedhuu qofaan ibsamuu danda'urraa kan ka'e" fudhatama dhabaniiru.

Itoophiyaan ibsa haaraa kana keessatti fedhiin Masrii ammas laga Abbayyaarratti olaantummaa qabaachuudha jedha.

Fedhiin mootummaa Itoophiyaa dhibdee jiruuf fala dippiloomasii barbaaduu akka ta'e ibsee, dhibdee dippiloomasiif ykn ibsoota hin malle baastee hin beektu jedha.

Al-Sisiin "lagni kun qabeenya waloo biyyota qarqara lagaa hundaafi qabeenya waloo dhuunfatamuu hin dandeenyedha," akkasumas "himannaan sobaa abbaa biyyummaa tokkicha laga Abbayyaa" jedhu fudhatama akka hin qabne dubbateera.

Masriin biyyoota addunyaa hanqina bishaanii qaban keessaa tokko ta'uu kan hubachiisan Pirezidaant Al-Siisiin, lammileeshee miliyoona 100 ol ta'an keessaa dhibbeentaan 98 fedhii bishaanii laga Abbayyaarraa akka argatan ibsuun, "dhimma lubbuun jiraachuuti" jedhan.

Pireezidaantichiitti dabaluudhaan dhimma laga Abbayyaarratti biyyi isaanii karaa dippilomaasii deemuun mallattoo dadhabina akka hin taane ibsuun, haala Itoophiyaan itti jirtu kanarratti garuu fulduratti akka hin callisnee fi dantaa ishee kabachiisuuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhattu irra deebi'anii dubbataniiru.

Al-Sisiin lageen daangaa ce'an "lammiilee addaan qooduuf osoo hin taane, akka riqicha ida'amuu fi tumsaatti tajaajiluuf kan uumamanidhas" jedheera.

"Nageenya bishaanii misooma itti fufiinsa qabuuf oolchuun filannoo osoo hin taane dirqama" kan jedhan pireezdaantich, "walta'iinsa haqa qabeessa seera idil-addunyaa, faayidaa waliinii, fi qajeelfama tumsa mo'ataa irratti hundaa'een qofa" jedhan.

Masrii fi Sudaan bulchiinsa fi guutinsa Hidha Haaromsaa Guddicha irratti waggootaaf mari'achaa kan turan yoo ta'u, waliigaltee fudhatama qabu osoo hin taasifamiin ijaarsi isaa ximurame.

Masriin waggoota darban keessa dhimma Hidha Guddicha irra deddebiin gama Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii, Gamtaa Afriikaa fi Liigii Arabaatiin Itoophiyaa irratti dhiibbaa gochuuf yaalteetti..

Lagni Abbayyaa addunyaa irratti dheerinaan tokkoffaa ta'e bishaan isaa dhibbeentaa 85 ol Itoophiyaa irraa kan argatu yoo ta'u, Masriin bishaan laga kanaa harka caalu fayyadamtu, Hidhi Itoophiyaa keessatti ijaarame bishaan itti fayyadamaa turte akka ishee dhabsiisu sodaa qabdi.

Itoophiyaan itti fayyadama laga Abbayyaa haqa qabeessaa fi madaalawaa ta'erratti waliigaluuf qophii ta'uu irra deddeebitee ibsiteetti, qooda laga Abbayyaa kanarraa qabdu mirkaneessitee, ijaarsi kun nageenya bishaanii Masrii balaa fi yaaddoowwan akka hin taane ibsaa turtetti