Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wixinee West Baankii dhuunfachuu Paarlaamaa Israa'el bakka lamatti qoode
Paarlaamaan Israa'el Wixinee West Baankii dhuunfachuu hayyamu raggaasise.
Wixineen seeraa Paarlamaa Israa'eliin kaleessa raggaasifame kun kan abbaa biyyummaa West Baankii Israa'el jala galchuudha. Ameerikaan garuu tarkaanfii kana cimsitee mormite.
Sagaleen kun seera kana raggaasisuun hojiirra oolchuuf barbaachisan afur keessaa isa jalqabaa yoo ta'u , kunis yeroo itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa JD Vance Israa'el daawwatanittidha.
Haa ta'uu malee faallaa karooraa nagaa kan pirezidaanti Doonaald Traamp Israa'el West Baankii akka dabalattu akka hin hayyamne erga ibsanii ji'a tokko boodadha.
Paartiin Likud kan Ministira Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuu seera kana kan hin deggerre yoo ta'u, seera baastoota tumsa biyya bulchaa jiran keessa hin jirreen kan dhiyaatedha jedhame.
Wixinichis garaagarummaa miseensota paarlaamaa dhiphoo kan 25 ta'an murtee kana kan deggeran yoo ta'u, 24 ammoo mormuutu ibsame.
Af-yaa'iin paarlamaa biyyatti sagalee murteessaa seera kana deggeruun kan kennan yoo ta'u, kunis faallaa ejjennoo Ministira Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuu akka ta'e ibsameera.
Wixinicha kan dhiyeessan hogganaan Paartii Noham Avi Mahoz, gaaffii Ministira Muummee Israa'eliin sagalee kennuu yeroo biraatti dabarsuu diduu isaaniin murteen kun akka darbu kan taasisan yoo ta'u, Mootummaan Israa'el mootummaa abbaa biyyummaa qabduu" jedhan.
Miseensonni gamtaa Netaaniyaahuu tokko tokko, kanneen paartii Humna Yihudootaa Ministira Nageenya Biyyaalessaa dhimmi abbaa biyyummaa nuuf barbaachisaa ta'us, yeroo kanatti seera mormitootaatiin galma ga'uu jechaa jiru.
Karoora waraanaa dhaabuu galmaan ga'uuf Ameerikaa waliin hojjechaa osoo jirruu, wixenee kana raggasisuun akka hin barbachiifne eeran.
Sababa wixinee kanaanis paarlamaa Israa'el bakka lamatti qoodera. Kanneen faallaa MM Israa'el Benjaamiin Natinaahuu ta'an 'yeroon kun yeroo abbaa biyyummaa Weesti Baankii ti yoo jedhan kaan ammoo , Ameerikaa fi Israa'el nannaawa kana tasganeessuuf wayita hojjtaa jiranitti murtee akkasii raggasisuun yeroo isaa moiti jedhu.
Murteen kun Israa'el biyyoota addunyaa keessattuu Ameerikaa waliin walitti bu'iinsa uumuu danda'a jechuun qeeqan.
Baatii Adoolessaa darbe Paarlamaan Israa'el labsii miseensota paarlaamaa 71 harka caaluun West Baankii fi gammoojjii Joordaan irratti abbaa biyyummaa mirkaneessuun akka dheeratu gaafatu raggaasiseera.
Israa'el naannoleen yeroo waraana bara 1967 fudhatte lafa falmisiisaa ta'e kana of jala galchuuf falmiti, garuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi hawaasni addunyaa harki caalaan ni mormu.
Bara 2024tti manni murtii olaanaa U.N. Israa'el naannoo Filisxeem, West Baankii dabalatee, fi qubsuma ishee achitti qabachuun ishee seeraan ala waan ta'eef dhimma kanarraa akka of qusattu gafatee ture.
Mootummaan Netaaniyaahuu baatii Fulbaanaa keessa michoonni biyyoota dhihaa hedduun mootummaa Filisxeemiif Beekamtii kennuu akkasumas Tiraamp irraa fudhatama dhabuu hordofee karoora Weestibaankii fudhachuuf qaban waan jijjiran fakkata.
Himannaa Turkii
Gama biraan Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas waliin taasifame hordofuuf humnoonni nageenyaa Turkii naannoo Gaazaa keessaatti sochii kamiiyyuu akka hin qabaannee mormaniiru.
Netaaniyaahuun ergama garee hidhattoota Filisxeem Hamas waliin dhukaasa dhaabuu Ameerikaan deeggartu hordofuuf godhame keessaa humnoonni nageenyaa Turkii Gaazaa keessatti gahee kamiyyuu qabaachuu hin qabanii jedhan.
Daawwannaa itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa JD Vance Yerusaalemitti taasisaniin irratti Netaaniyaahuu waliin dhimmaa adeemsa waraana dhaabuu Gaazaa irratti mari'achuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Yaada humnoota nageenyaa Turkii Gaazaa keessatti hirmaatan ilaalchisee gaafatamaniif, Netaaniyaahuun, "sana irratti ijjannoo cimaa qabna'' jedhan,
Vaans gama isaaniin humnootni Turkii nageenyaa buusuu keessatti ''gahee ijaarsaa'' akka qabaatan kan abdatamu ta'uu fi Waashingitan humnoonni alaa ''naannoo'' kana keessa jiraachuun Israa'el irratti dhiibbaa qabaachuu akka hin qabne dubbatan.
Miseensa NATO cimtuu kan taate Turkiin kana dura Israa'el waliin walitti dhiyeenya garii qabaattuus, yeroo waraanni Gaazaa hammatee turetti prezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdogan haleellaa Israa'el cimsanii qeeqaa tuniiru.
Vaansi dhukaasa dhaabuu ilaalchisee abdii guddaan jiraachuu ibsuun, karoorri dhukaasa dhaabuu pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan eegame caalaa gaarii ta'ee deemaa jira jechuun ibsaniiru.
"Salphaadha jedhee hin beeku, garuu dhukaasni dhaabuun akka itti fufuu fi dhugumatti guutummaa Baha Giddugaleessaa keessatti egeree fooyya'aa ijaaruu akka dandeenyu abdii guddaan qaba." jedhan.