Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arbi maaliif kaannisa akka jibbu beektuu?
Arbi ooyruu isaanii akka hin mancaasneef qonnaan bultoonni fala garagaraa fayyadamaa jiru.
Kutaalee addunyaa hedduu keessatti lafti qonnaa bakka jireenyaa arbaa keessa seenuu eegaleera, kunis bineensota kanaa fi nama gidduutti waldhabdee hamaa uumeera.
Arbi yeroo ooyruu keessa seenu midhaan balleessee, jireenya namootaa balaadhaaf saaxilu.
Keeniyaa keessatti, qorattoonni waggootaaf erga qorannoo godhanii booda furmaata salphaa tokko fidaniiru: Gaaguraan dallaa ijaaruu.
Malli kun beekumsa yeroo dheeraaf hawaasa keessa jiru kan arbi kaannisa hin jaalatu jedhurraa dhufe.
Teknooloojiin naannoodhaaf mijaawaa ta'e kun biyyoota biroo kanneen akka Moozaambiik fi Taayilaandittis fayyadamuu eegaleera.
Garuu arbi maaliif kaannisa baay'ee jibbu?
Sagaleen kanniisin baasu guddaadha, arbi kana hin jaalatu, kanaaf bakka qonnaa kanneen irraa faggaatan.
Namoonni hedduun qonnaan maatii isaanii jiraachisu.
"Qonnaan bultoonni yeroo dheeraa ooyruu isaanii facaasuu fi kunuunsuu irratti dabarsu. Achiis gaafa midhaan guddatan arbi dhufee barbadeessa." Jetti qonnaan bulaan Keeniyaa Imaanu'eel Mwambaa jedhamu.
Innis ganda waldhabdeen namootaa fi arba garmalee hamaa keessa jiraata.
"Arbi yeroo dhufu waan hunda balleesaa."
Waldhabbiin akkasii qaamolee hundaaf bu'aa badaa qabaachuu danda'a.
Qonnaan bultoonni arbi akka hin ooyruu isaanii hin seenne gochuuf yaaluun lubbuu isaanii dhabu, arbi ammoo bakka jireenyaa namaa weeraruun ajjeefamu.
Waldhabdee kana hir'isuuf, saayintistoonniifi jiraattonni waggootaaf mala adda addaa yaalanii jiru .
Dallaa elektirikii, eegdoota, ibsaa aduu, waan foolli cimaa qabu fi sagalee guddaa dhageesisuun arba ari'uuf wanti isaan hin yaalin hin jiru.
Kamuu , milkaa'inaafi qormaata mataa isaanii qaban.
Garuu mala tokkotu hunda caale: kanniisa akka eegdota fayyadamu.
Malli kun arba ari'uuf qofa osoo hin taanee qonnaan bultootaaf damma baasuun bu'a qabeessa ta'e.
"Gaagura lama qofaan jalqabne. Amma ammoo 700 qabna." Jedha Mwambaan. "Furmaata hawaasa keenya irratti dhiibbaa guddaa uumedha."
Yaada kana jalqaba bara 2000 ogeessi ikoloojii Yunivarsiitii Oksifoord irraa dhufe Firiiz Vooliraat horsiisee bultootarraa dhaga'e.
Akka isaan himanitti arbi mukkeen gaagura qaban irraa fagaatan.
Yaada kana fudhatee arbi akka midhaan isaanii hin barbadeessine gargaaruuf irratti hojjechuu eegale.
Kanaaf, dallaa qamalee fayyadamuun midhaan qonnaan bultootaa saree irraa eeguuf karaa adda taʼe qopheesse.
Yeroo jalqabaaf yaada kana bara 2008 naannoo weerara arbaan miidhamte, Laayikiipiyaa, Keeniyaa keessatti hojiirra oolche.