Mozaambikitti adamoon arbi uumamaan kumbii kan hin qabne akka ta'an godhaa jiraa?

Arboota kumbii isaaniif adamsanii ajjeesuun Moozaambiik keessatti baay'inaan raawwatame arbootni kumbii malee akka dhalatan gochuu qorannoon haarofti akeeke.

Qorannoon barruu Saayinsii irratti maxxanfame kun akka jedhutti, paarkii biyyaalessaa Gorongosaa keessatti wanti duraan baay'ee baratamaa hin turre amma hedduummachaa jira.

Kunis arboonni kumbii malee dhalatan hedduummachuu isaaniiti.

Kanaaf ammoo sababni waraana waliinii Moozaambiik keessatti meeshaa waraanaa bituuf jecha, arba ajjeesanii kumbii gurguruun akka malee heddummachuu isaati.

Waraana waliinii kana dura arbootni dhaltuu kumbii hin qabne dhibbeentaa 18.5 qofa turan.

Lakkoofsi arboota baroota 1990 jalqabarra kumbii malee dhalatanii gara dhibbeentaa 33tti ol guddate.

Waraana waliinii bara 1977 hanga 1992 ture jidduutti lakkoofsa arbootaa biyyattiin qabdu keessaa dhibbeentaa 90 kan ta'an kumbii isaanii jecha loltoota gama lamaniinu ajjeefamaniiru.

Maallqani gurgurtaa kumbii arbaa kanarraa argamu waraana mootummaa fi finciltoota farra komunistii jidduutti adeemaa tureef bittaa meeshaa waraanaaf oolaa ture.

Akka dhalli namaa halluu ijaa fi gosa dhiigaa warra isaarraa dhaalu, arbis kumbii qabaachuu fi dhiisuu warra irraa dhaala.

Arbootni kumbii qaban hedduun adamsitootaan ajjeefamanii, kanneen kumbii hin qabne heddumminaan waan hafaniif, ilmooleen arbaa warra kanarraa dhalatanis kumbii malee dhalachaa jiru jedha qorannoon kun.

Kunis lakkoofsi arbaa kumbii malee dhalatanii heddummachaa akka deemu sababa ta'eera jedhu.

Amma dura saayintiistonni kumbii malee dhalachuun arbaa koornayaa waliin wal qabata jedhanii yaadu turan. Yeroo hedduu kumbii malee kan dhalatan arboota dhaltuu turan.

Qacceen sanyii arboota kumbii qabanii f ikan hin qabne yoo qoratamu, jijjiirama kiroomoosomii arbootni kumbii qaban akka hin dhalanne godhu uumamuun bira gahameera.

Barreessaa qorannoo kanaa keessaa tokko kan ta'e pirofeesar Roobart Piriingil, yuunivarsitii Prinsitan irraa, argannoon kun gosa arbaa kumbii qabanii irratti dhiibbaa yeroo dhiiraa uuma jedhan.

Sababa jijjiirama kanaan lakkoofsi arboota dhalatanii walumaagalatti xiqqaachuu akka danda'u himan. Kunimmoo lakkoofsi arboota sababa waraanaatiin ajjeefamanii akka dafee hin bayyananne godha.

Wayita ammaa parkii Gorongosaa keessa gosti arba kanaa 700 qofatu jira.

"Kumbii-maleeyyii ta'uun wayita waraanaa sana fayida qabaachuu mala, garuu gatii baasisu qaba" jedhan.

Sababni biraan arboonni kumbi-maleeyyii heddummachaa jiraniif ammoo jijjiirama haala teessuma lafaa akka ta'e qorannichi ni mul'isa.

Kunis sababa arboonni kumbii qabanii fi hin qabne wanti isaan nyaatan gara gara ta'eefi.

Haata'u malee adaduma lakkoofsi arboota heddummachaa adeemeen jijjiiramni kiroomoosoomii ammaa kun duubatti deebi'uu danda'a jedhu pirofeesar Piriingil.