Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biiroon galiiwwanii Finfinnee maaliif ogeeyyiinsaa kaameeraa akka godhatan taasise?
Haasaan ogeeyyiin biirichaa kaffaltoota gibiraa waliin taasisan suur-sagaleen akka waraabamu himameera.
Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee ogeeyyiinsaa to'annoo nagaheerratti hojjetan uffata hojiisaaniirratti kaameeraa suur-sagalee waraabu akka godhatan taasisuunsaa qalbii namoota heddu hawwateera.
Biiroon ogeeyyiinsaa malaammaltummaan irra deddeebiin yeroo komataman dhagahamu kun, tekinoloojiin haaraan hojiirra oolche komii mattahaa fudhachuu irra deddeebiin irratti dhiyaatu qulqulleeffachuuf fi deebii irratti laachuuf akka isa gargaaru himeera.
Dabalataan tekinoloojichi komiiwwan 'adabbii hin malle akka kaffallu godhamneerra' jechuun dhiyaatan sakatta'uuf akka gargaarus itti abdatameera.
Biirichi tekinoloojicha ilaalchisee ALI Sadaasa 24, 2018 miidiyaaleef ibsa kan late yemmuu ta'u, tekinoloojiin kun 'hojii to'annoo nagahee hannafi hojimaata badaarraa bilbisa gochuuf' kan kaayyeeffate akka ta'e himeera.
Haaluma kanaan kaameeraan kun wayita ogeeyyiin to'annoo nagahee biirichaa dhaabbileerra deemuun to'annoo taasisanitti kaameeraa uffata hojiisaaniirratti maxxanfameen viidiyoon (suur-sagaleen) ni waraabamu.
Viidiyoon waraabame kunis kallattiin waajjira mummeefi dameeleef akka ergamus himameera.
Tekinoloojiin kun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo /INSA/ waliin qindoomuun kan qophaa'e yemmuu ta'u, ogeeyyiin to'annoo iddoolee itti ramadaman qofatti hojjechaa jiraachuusaaniis hordofuu ni dandeesisa jedhameera.
Biirichi yeroo ammaatti to'annoo nagaheen walqabatee manaa manatti, manneen kuusaa akkasumas konkolaataawwan fe'umsa meeshaa irratti to'annoo taasiaa akka jiru himameera.
Komii hanga waajjira kantiibaatti
Yeroo gara yerootti galiin sassaabu dabalaa akka dhufe kan himu Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee bara 2018 kana keessa galii birrii biliyoona 350 walitti qabuuf karoorfateera.
Gama biraatiin hanna, hojimaata badaafi rakkoolee bulchiinsa gaarii dabalatee komiiwwan kaffaltoota gibiraa biraa ka'an furuuf hojjechaa akka jirus himaa tureera.
Biirichi gabaasa ALI Qaammee 3, 2017 toora Feesbuukiisaa irratti qoodeen hojjettootasaa 225 irratti hojiirraa ari'uu dabalatee tarkaanfilee naamusaa cimaafi salphaa fudhachuusaas himee ture.
Yeroo dhiyoo as immo komiiwwaan dhimma gibiraafi kennaa tajaajila galiiwwanii ilaalataniif furmaata laachuuf hojimaanni haaraan Waajjira Kantiibaa Magaalichaa jalatti diriiruunsaa himameera.
Haaluma kanaan kaffaltoonni gibiraa komiinsaanii Biiroo Galiiwwanii Magaalichaan furmaata hin arganne ALI Sadaasa 25, 2018 irraa eegalee komiisaanii Waajjira Kantiibaatti dhiyeeffachuu akka danda'an Waajjirri Kantiibaa dhiyeenya kana beeksiseera.
Gama biraatiin galii bulchiinsi magaalichaa sassaabu keessaa 'dhibbeentaan 72 misoomafi badhaadhina waliigalaa, pirojektiiwwan hiyyummaa hir'isan fi misooma kooridariif oolaa akka jiru odeeffannoon toora Feesbuukii Biiroo Galiiwwanii Magaalaa Finfinneerraa arganne hima.