Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetonni dhiiraa qaama saalaa marfee waraannachuun maaliif ijoo dubbii tahe?
Dhaabbanni Farra Qoricha Si'eessituu Addunyaa atileetonni dhiiraa utaalchoo cabbii irratti hirmaatan gahumsa dabaluuf jecha qunxurroo isaanii marfee/lilmoo waraannachuu isaaniif ragaan argamnaan qorannooo geggeessuuf deema.
Amajji darbe, gaazexaan Jarman Biild jedhutti, atiletonni kunneen uffata ispoortii isaaniif safartuun fudhatamuun dura asiidii haayaaluurooniik jedhamu qunxurroo isaanii waraannatu jedhe.
Haayaaluurooniik asiidiin hirmaannaa ispoortii keessatti kan dhorkame yoo tahu, qunxurroo sentimeetira tokkoo hanga lamaa furdisuu danda'a.
Akka federeshiniin utaalchoofi ispoortii cabbiirraa addunyaa jedhutti, asiidii kana waraannachuun wayyaa ispoortii bal'atu akka kennamuuf taasisa. Kunimmoo yeroo dorgommii akka isaan qilleensarra balali'an deeggara.
''Sentimeetiriin tokkittiin wayyaa irratti dabalamuun garaagarummaa fida. Uffati ispoortii kee %5 yoo bal'ate gahumsa balali'u kee akkasumaan dabala,'' jedhe daariktarri utaalchoo cabbii dhiirotaa.
Odeeffannoon karaa gaazexaa Biild bahe dhugaa tahuu Olompiiksii Gannaa Milaan Koortinaa Ispeenii irratti kan gaafate daarektar Oliivar Nigiilii, ''dhimmi kuni akkatti gahumsa utaalchoo cabbii fooyyeessu quba hin qabu,'' jedhe.
''Ragaan yoo argameefi qoricha si'eessituu waliin hidhata yoo qabaate ni qoranna. Doppiing(si'essituun) ala gahumsa ofii fooyyessuu irratti tarkaanfiin fudhannu hin jiru.''
Hogganaan gosa ispoortii kanaa Poolaand, Wiitoold Baanjaa, ''utaalchoon cabbii Poolaand keessatti akkaan beekamaa dha. Nan kakadha waan kan faana bu'een ilaala,'' jechuun akka qoosaatti dubbate.
Hoggansi federeshiniin utaalchoofi ispoortii cabbiirraa addunyaa, Buruunoo Saasii, ''ragaa dhiisiitii akeektuun atileetiin asiidii kana fayyadamee gahumsa dabaluun kaanirra aanuu agarsiisu hin jiru,'' jedhe.
Dorgommiin utaalchoo cabbii gannaa otoo hin jalqabiin dura atileetonni kunneen ''gonofee qaamatti maxxanu keewwatanii qaamni isaanii teeknolojii 3D'dhaan sakatta'ama.
Akka seerri jedhutti uffati ispoortii atileetota kanaa yeroo safaramu seentimeetira 2-4 bal'achuun ni danda'a.
Uffati isaanii naannoo kofa isaanii kan wal-simu tahuu qaba, dhiirotaaf seentimeetira sadii dabalchuu danda'a.
Asiidiin Haayulaariiniik qunzurroo yoo waraaname ji'a 18 turuu danda'a.
Kanaan dura uffata ispootii fooyyeeffachuun gahumsa fooyyeessuuf yaaluun kanaan duras mudatee beeka.