Bakka lukkuu wallolchiisanitti dhukaasa banameen namootni 12 ajjeefaman

Madda suuraa, AFP via GETTY IMAGES
Biyya Ikuwaadoor keessatti iddoo lukkuu wallolchiisan keessatti dhukaasa hidhattootni bananiin namootni 12 ajjeefaman.
Ta'ii kana booda Poolisiin hidhattoota kana faana dhahee bulchiinsa Manaabii keessatti huccuu dambii poolisii biyyattiin fakkeeffamee hojjetame, meeshaa waraanaafi hidhattoota afur to'ateera.
Viidiyoon haleellaa sanaa miidiyaa hawaasaarra qoodame hidhattootni iddoo lukkuun walloolchiifamu seenuun dhukaasa yoo banan, dawwattootni gara itti baqatan dhabanii dahachuuf yaalan agarsiisa.
Miidiyaaleen biyyattii warrii uffata waraana biyyattii fakkaatu uffachuun ajjjeechaa raawwatan garee yakkamaa morkataansaa iddoo lukkuun akka bunyaatti wal haadhan keessa turaniiti jedhan.
Biyya Laatin Ameerikaa kana gareewwan yakkamoon hanga 20 ta'an kan jiran yoo ta'u, ulaa qoricha sammuu namaa hadoochu, Kookeen, ittiin dabarsan to'achuuf wal adamsu.
Pirezidantiin Ikkuwaadoor Daani'eel Nobo'aa qorichi sammuu hadoochu 70% gara Ameerikaa fi Awurooppaa ce'u buufataalee biyyasaanii keessa akka darbu himaniiru. Gara Ikkuwaadoor kan galu ammoo Kolombiyaafi Peeruu irraayi.
Amajjii darbe keessa qofa namootni 781 hidhattoota kanaan ajjeefamaniiru. Kunis lakkoofsa namoota ji'a tokko keessatti ajjeefamanii isa olaanaadha. Hedduun isaaniins daldala kokeenii kanaan warra hidhata qabaniidha.
Qumaara lola lukkuurratti godhamu
Biyyoota Ameerikaa Kibbaa, Awurooppaa fi Ezhiyaa keessatti lukkuu( indaanqoo) akkuma nama bunyaa dorgomuu riingii keessa galchuun wal lolchiisu.
Iddoo tokko tokkotti qeensa lukkuurra waan qara qabu gochuun wal lolchiisu.
Gochaan kun daawwattoota hedduu qaba. Warra daawwataniin alatti ammoo tirgaa (qumaara) guddaatu gaggeefama.
Indaaqqoowwan wallolan keessaa filatanii kanatu injifata jechuun maallaqa qabsiisanii qumaara ittiin taphatu.
Gochaan kun lukkuuwwan hedduu du'aaf saaxila.
Warri nageenya bineensotaaf dhaabatan gocha kana cimsanii balaaleffatu.
Biyyoota tokko tokko keessatti gochaan kun dhorkamus, taphni kun dhoksaan gaggeefama.












