Waa'ee boca siidaa badhaasa Oscar irratti qabxiiwwan ja'a beekuu qabdan

Badhaasni Oscar 95ffaa torban ja'aan booda gaggeeffama. Badhaasni kun ogeessota fiilmii damee gara garaa irratti mo'ataniif badhaasa boca siidaa bifa warqee kennamudha.

Bcni siidaa warqee kanaa beektuu?

Qabxiiwwan beekuu qabdan jennu ja'a akkasiin isiniif qixeessineerra.

Maqaa isaa: Namni baayyeen maqaan kun akkamiin akka moggaafame hin beeku.

Badhaasni beekamaa Oscar jedhamu kun badhaasa akaadaamii bifa warqee boca siidaa 'Academic Award Merit' jedhu ofirraa qabuun beekama. 'Academy Award' jedhamuun beekama ture.

Hojjettuun mana-kitaabaa Akademichaa taate Margaaret Heriik boca siidaa badhaasa kanarra jiru yeroo argitu 'eessuma kiyya Oscar' fakkaata jette.

Dubbii ishee akka tasaa dubbatte kana hordofee bara 1939 booda maqaan kun akka kennameef himama.

Akkaataa itti hojjetame: Bocni siidaa kun warqee miti; nahaasa irraa erga hojjetamee booda warqee abbaa karaatii 24tiin dibamee miidhagfama. Ji'a sadii keessatti ammoo 50n isaatu hojjetama.

Gatii inni baasu: Boci kun akkasumaan gabaaf yoo dhiyaate dolaara 10 qofa baasa. Bara 2015 dhaabbatichi gurgurtaa OScar to'achuuf yaaluu isaa hordofee garuu gatiin isaa dolaara 79,200 qaqqabeera.

Akka seerri bara 1951 bahe jedhutti, namoonni badhaasa Oscar mo'atan ykn maatiin isaanii badhaasa isaanii osoo dhaabbaticha hin gaafatin qaama sadeffaatti hin gurguramu.

Hatamuu: Bara 2000tti bocawwan badhaasa akanaa 55 ta'an osoo gara sirna badhaasni itti gaggeeffamutti geeffamaa jiranii hatamanii ture.

Bakka warra hatamanii ammoo badhaafamtoonni bocawwan biroon waan dhiyaataniif badhaasni argatan isaaniif kennameera.

Yeroo waraanaatti: Yeroo Waraana Addunyaa II hanqinni sibiilaa waan tureef waggoota sadiif pilaastikaan ture kan hojjetame.

Hanga isaa: Tokkoon tokkoo badhaasa Oscar santiimeetira 35 dheerata. Ulfaatinni isaa ammoo kiiloogiraama afur ta'a. Bifa loltuu kan qabu yoo ta'u dameewwan shan irra dhaabbatanii jiran ammoo dameewwan akadamichaa taatoo, qopheessitoota, piroduusaroota, tekinishiyaanotaafi barreessitoota bakka bu'a.