US fi Kaanadaatti cabbiin bar-kurneewwan keessatti isa hamaa jedhame balaliiwwan qilleensaa kumoota haqsiise

Madda suuraa, Getty Images
Hallii qilleensaa akkaan hamaan waqtii cabbii faranjootaa US fi Kaanadaatti rakkoo fayyaa sochii dhiigaa qaama keessaa danqu frostbite jedhamu daqiiqaa 10 keessatti namarraan gahuu danda'aa jechuun ogeeyyiin akeekkachiisan.
Uummatni ayyaana qilleefi bara haaraa kabajuuf sochiin isaanii yeroo kamuu caala yeroo dabalu kanatti haalli qilleensaa kun US fi Kaanadaa keessatti namootni miiliyoon 135 ta'an sochii isaaniirratti of eggannoo guddoo akka godhan akeekkachiisa jala galcheera.
Buufataaleen xiyyaaraas Kamisaa fi Jimaata kana qofa balalii qilleensaa 5,300ta'u haquu isaanii marsariitiin imala qillensaa hordofu FlightAware jedhamu beeksiseera.
Haala qilleensaa kanaan imaltootni akka hin rakkanne daandiiwwan qilleensaa akka United, Delta fi America imaltoota guyyaa imala isaanii jijjiiraan irraa maallaqa gaafatuu malan akka dhiisan ibsaniiru.
Roobii darbe daandiin Koloraadoo gara Yoomiiing geessu ciruma ijaan kan hin mul'anne waan tureef cufameera.
Raagni haala qilleensaa akka agarsiisutti ayyanni qillee baranaa kun barkurneewwan keessatti isa cabbii hamaan guute ta'uuf jira.
Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa dhuma torbee kanaatti qorri jiru zeeroo gaditti digrii Faaranaayitii -70 yookaas ammoo digirii seelshiyeesii -21 gaha jedha.
Sababa haala qilleenssaa hammaataa kanaan rakkoon fayyaa mudatu kan Frostbite jedhamu ammoo sochii dhiigaa qaama keessaa akkaan xiqqeessuun funyaan, maddii quba harkaa fi miillaa akkasumas tishuuwwan cabbeessee hanga qaamarraa kutuu gaha.
Raagdonni haala qilleensaa Jimaata kana bubbeen cabbii "bomb cyclone" ittiin jedhan akka mudatu himaa jiru.
Kunis kan mudatu dhiibbaan qilleensaa saayikiloonii yeroo akkaan xiqqaatu yeroo ta'u saffisa guddaanis babal'ata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezidant Joo Baayidan Kamisa ibsa miidiyaaleef kennan keessatti ''kun akka guyyaa cabbiitti qofa hin ilaalamu, ijoollee yeroo taatu kun waan laayyoo miti'' jedhan.
Haalli kun El Paassoo, Teeksaas bakka godaantotni hin galmaahiin reefu US seenan qubataniifi daandiirra bulanittis yaaddoo ta'eera.
''As baayyee baayyee qorra'' jedha namni Veenzuweelaa irraa godaane tokko. Namni kun buufata konkolaataa El Paassoo jiru keessa bakkeedhuma bula.
Filooridaan ammoo waggoota 30 keessatti haala argitee hin beekneen Kiriismasii cabbiin haguugamee dabarsuuf qophaa'aa jirti.
Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa dhaloota tokko keessatti takaa qofa kan mudatu ittiin jedhee bubbeen lubbuuf yaaddessu akka dhalatus akeekkachiise.
Gara Kaanadaattis cabbiin kuniifi buubbeen hamaan madda annisaa adda kutuu dabalatee miidhaa akka geessisu ibsameera.
Ammatti Koloraadoo, Kaabaafi Kibba Daakotaa, Montaanaa Chikaagoofi magaalotaa Kaanadaa akka Ontaariyoofi Quubiikitti hammaateera.
Bulchitootni isteetota Keentaakii, Kaaba Kaarolayinaa, Lixa Verjiniyaa, Niiw Yoork, Joorjiyaa fi Oklahomaa labsii yeroo ariifachiisaa labsaniiru.












