Manni Iskindir Naggaa bakka isaan hin jirretti sakatta’amuu maddeen himan

Manni Pireezidantii duraanii Paartii Baaldaraas Demookiraasii Dhugaaf, Obbo Iskindir Naggaa humnoota mootummaan sakatta’amuu hogganoota paartii keessaa maddeen BBCtti himaniiru.

Obbo Iskindir eessa akka jiran beekamuu baatus manni jireenyaa isaanii garuu poolisiin kan sakatta’ame Sanbata darbe Onkololeessa 5/2015 A.L.I ture.

Obbo Iskindir mana ayyoo, haadha warraasaanii keessa kan jiraatan yoo tahu sakatta’insi taasifame kaayyoonsaa maal akka ture qaama ilaallatu irraa baruun hin danda’amne.

Dhimma kanarratti poolisii magaalaa Finfinnee fi federaalaa dubbisuu yaallus hin milkaa’in hafeera.

Haaluma wal fakkaataan dhimma kana ilaalchisuun maatii Obbo Iskindir Naggaa yeroo sakatta’insi taasifamu achi turan dubbisuunillee hin danda’amiin hafeera.

Haa tahu malee Obbo Iskindir ji’ootaaf addabaabaayitti kan hin mul’anne mana isaaniiti dhokataniitii odeeffannoon jedhu tamsa’uu hordofee sakatta’insi taasifamuu maddeen himaniiru.

Obbo Iskindir pireezidantummaa paartii Baaldaraas gadhiisuun isaanii erga himameen booda addabaabaayitti mul’atanii hin beekan. 

Xalayaa Obbo Iskindir barreessan jedhameefi miidiyaa hawaasaa paartii isaanii duraanii irratti maxxanfameen ture paarticha gadhiisuun isaanii kan barame.

Xalayaa kanarratti Obbo Iskindir ‘’dhiibbaa abbaa-irrummaa’’ mootummaan narraan gahaa jira jedhaniin murtoo kanaaf gahuu isaanii himaniiru.

Ameerikaa yeroo dabarsaniin booda ifatti kan hin mul’anne Obbo Iskindir dhimmisaanii dubbii ijoo tahee ture.

Dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti waggoo kurna lamaa ol kan dabarsan Obbo Iskindir paartii hundeessaniifi hirmaannaa miidiyaa maxxansaa irratti qabaniin beekamu.