Faayidaawwan shan shoorbaa dhuguun fayyaa keenyaaf qabu

Shoorbaan nyaata guyyuu sooratan keessatti baayʼee beekamaadha. Yeroo baayʼee ganama akka cireetti sooratan.

 Keessumaammoo, faayidaa shoorbaan fooniifi lafee loonii, re’ee, lukkuu yookaan hoolaa irra qopheesssan fayyaa keenyaaf qabu beektuu?

 Shoorbaan lafee/manyee maalii?

Shoorbaan lafee, cuunfaa pirootinii badhaadhedha. Kun fooniifi lafee bishaanin danfisuun qophaa'a. Shoorbaa miʼaawaafi foolii gaarii qabu, akkasumas fayyaadhaaf gaarii ta’e argachuuf yeroo dheeraa danfisuun barbaachiidha. Kun ammoo akka albuudonni lafee keessa ba’uufidha.

 Shoorbaa lafee qopheessuun salphaadha, garuu lafee itti fayyadaman yeroo qopheessuun fudhatuufi wantoota itti dabalan ilaalchisee albuudonni argaman addadda ta’uu danda’a.

 Bu’a gaarii argachuuf, lafee harkaafi miillaa kanneen akka gulubiifi kottee/manyee filachuu qabdu.

bidda xiqqaa irra tursisuu fi qabiyyeewwan asiidii qaban kan akka loomii itti dabaluun albuuda lafee keessatti argamu guddisuu danda’ama. Kuduraawwan, baalaafi midhaan yeroo dhumaa mi’aaf itti dabalamu danda’an.

Faayidaawwan shan shoorbaa dhuguun fayyaa keenyaaf qabu 

Dulluma ittisuu danda’a

Shoorbaan lafee, pirootinii gogaa, kaartileejiifi lafee keessatti argamu kan koolajeen (collagen) jedhamu qaba.

Yoo danfisan, koolajeeniin ribuuwwan wal qabsiistuu taʼan keessa jiru diigame pirootinii gelatin jedhamuu fi aminoo asiidii garaagaraa kanneen akka glycine fi glutamine ta’a.

 Shoorbaa lafee, miilileetira 300 dhuguun sadarkaa pilaazmaa collagen uumuuf barbachiisaa ta’e aminoo asiidii akka glycine and proline dabaluu argisiseera.

 Yaaliiwwan wallaansaa irratti, Koolajeenin akka qoricha nyaata bakka buʼuu fayyadame, gogaan akka hin goggogne fooyyesseefi shuntuuruusaa gogaa namarraa balleesse.

 Akkasumas, koolajeenin albuuda lafee dubartoota umrii laguun itti dhaabaturra jiran kan dabaluudha.

Dabalataan qaamasaanii shaakalaan leenjifnaan ulfaatina qaamaa kan cooma hin qabne fooyyessuufi cooma qaama safisaan hir’isuu danda’a. Bu’an akkanaa qaama dhiirotaa irrattis foyya’insa argisiisa.

 Sirna bullaaʼiinsa nyaataafi fayyaa marʼumaaniif gaariidha

Gelatine pirootinii baay’ee shoorbaa kana keessatti argamudha. Yoo qaamota sirna bullaaʼiinsa nyaataatiif fayyadanii ga’e, gelatine bishaanin walitti makamuun akka nyaanni salphatti mar’ummaan keessa darbu godha.

Qorannoon binensotta irratti geggeeffame akka argisiisutti, gelatine fi aminoo asiidii shoorbaa kana keessatti argamu. Wal’aansa dhibee mar’umaanii ta’udhaaf dandeettii qaba. Ta’us, ilmaan namootaaf akks hojjetuuf qorannoon dabalataan geggeeffamuu qaba.

Sirna madiinuma gargaaru danda’a 

Mar’ummaan qallaan bakka jalqabaa albuudni itti fudhatamu qofa utuu hin ta’iin, sirna madiinuma keessatti sarara ittisa jalqabaati. Yoo caasaan mar’ummaanii miidhame yookaan dhangala'e, rakkina madiinummaa uumuu danda’a. Aminoo asiidiin shoorbaa kana keessatti argamu eegumsa ta’uu kan danda’u.

 Qorannoon tibbana xumurame aminoo asiidiin namoota baay’ee dhukkubsataniif hidda dhiigaan kennameef caasaa mar’ummaanii kan gargaareedha.

Akkasumas, qorannoon antuuta irratti geggeeffame, glycine dabaluun madiinumma mar’ummaanii olkaasuu argisiisa.

Fayyaa buusaa gargaara

Akka qorannoon argisiisutti, koolajeenin kaartileejii lukkuurraa argamu, namoota dhukkuba ostiyoo’artiraayitis qabaniif, rakkoon dhukkubbi,qaamni sochoo’uu diduufi sirna buusaa fooyyessuu danda’a. 

 Gelatine madaa ittisuufi seelota cimsuuf faayidaa qaba. Qorannoon 2017 geggeeffame akka argisiisutti, gelatine yoo vitaamin C itti dabalan koolajeen fooyyessuun riibuu maashaa suphuu danda’e. 

Hirribni kee akka fooyyaʼu taasisa

Glycine aminoo asiidii kan shoorbaa lafee keessatti argamu barsiifata hirribaa fayyaa qabu dabalate faayida baay’ee qaama keessaa qaba.

Qorannaan saayinsii akka argisiisutti, glycine nyaataa namoota rakkoo hirriba dhabuu qabaniif hirribni akka fooyya’u taasisa.

Glycine sa’aatii qaama keenna keessa jiru to’achudhaan ho’a qaamaa gad buusee akka rafnu nu taasisa.

 Haataʼu malee, hanga ammaa, shoorbaa lafee ilaalchise ragaan fayyadaman adda argisiisuu hin jiru, bu’a hedduun kunneen qorannoo bineensoota irraa argame.

Shoorbaan lafee nama hundaaf ni ta’aa?

Akka nyaata madaalawaa nyaatamu qabatus, sababa lafeen sibiiloota ulfaataa qabuf shoorbaan kun albuudota miidhaa geessisuu danda’u qaba. Kanaaf, of eeggannoodhaan daa’immaniif kennu qaban.