Eebbaa Lammii: Manguddoo masiinqoon geeraruun dhageettii horachaa jiran

Eebbaa Lammii

Maqaan isaanii guutuun Eebbaa Lammii Dinqaa jedhamu. Godina wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti dhalatan.

Obbo Eebbaan barnoota qalamaa kan hin qabne ta’anilleen, masiinqoo isaaniitiin yeroo walargatan garuu walaloo sammuu isaanii keessaa toora qabsiisanii mata duree adda addaarraatti sirbuun dinqisiifannaa argachaa jiru.

Seenaa guddinaa, haala hojiifi kaan irratti turtuu BBC Afaan Oromoo waliin taasisan akkasiin qindeessineeraati dhiyaadhaa.

Loltummaa

Bara Dargii keessa dargaggummaan bara 1969 gara loltummaatti akka seenan kan himan maanguddoon kun, adda waraanaa Ogaadeenii kaasee hanga Kaaba Itoophiyaatti lola keessatti hirmaataniiru.

“Bara Dargii 1969 keessaa biyyi keenya weerartuu Somaaleetiin hin qabamin jedheen duulle. Ogaadenittin lolaa ture. Achis waggaa jahan ture. Injifannoon Ogaaden kaabaattis haa dabalamu jedhamee jennaan gara kaaba biyyaattis bobba’ee lolaan ture,” jechuun turtiisaanii loltummaa dubbatu.

“Dhukaasaa maadfii ta’een tajaajilaa ture. Eddeewwoon akka Adawaa, Shire, Aksumitti aarsaa kanfaleera. Rasaasaan bakka shan rukutame,” jechuun waan keessa darban yaadatu.

Bara 1983 yeroo waraanni Dargii injifatamee jedhuttis loltoonni Dargii waan bittinnaa’aniif Walloo irraa Wallaggatti miilaan imalanii galuus himu.

“Dargiin nu loltootasaa bakkeetti nugatee baqate. Walloodhaa ka’een Gondar, Gojjaam, Buree keessa baheen Abbayyaa cehee Wallaggatti miilaan gale. Lafa kana hunda miilaanan deeme. Ji’a sadiifi torbee sadii natti fudhate. Injiraan nafixee, mudhiikoo zinnaarri nyaatee, beelli naxuuxee, qumbursaan miilakoo keessaan burqeen biyya gahe,” jedhan.

Obbo Eebbaan waggoota 14'f yeroo loltuu Dargii ta’anii tajaajilan kanattis gulantaa Shaamballii irra qaqqabanii akka turan himu.

Imala ijibbaachisaa ji’oota fudhateen booda yeroo biyya dhaloota isaanii gahanis hidhannoo isaanii waliin ture. Meeshaa waraanaa isaanii qaama mootummaa naannoo isaaniitti dabarsanii kennanilleen hidhamuun garuu hin hafneef.

“Harree hanga ba’aa baattutti kunuunsu gaafa dadhabde inuma gatu. Dargiinis akkasuma nugodhe. Soorama malee nu hambise. Biyyatti galee jennaan nahidhan,” jechuun waan isaan mudate kaasu.

Eebbaa Lammii

Masiinqoo fi quuqqaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Eebbaan masiinqoo waliin kan walbaran yeroo dirree waraanatii deebi’anii mana hidhaa seenanitti ture.

“Ani yakka hin hojjenne, biyyakoofan duulee gale. Meeshaa waraanaa kiyya fidee mootummaattiin galche. Maaliif nahidhu kan jedhu baayyeen aara ture. Aariikoo itti cabsachuufan masiiqoo taphachuu mana hidhaa keessattin shaakale,” jedhu.

Mana hidhaatii erga bahaanii boodas bulti ijaarratanii ilmaan saddeet akka horan kan himan maanguddoon kun, lafa dhaloota isaaniitti hojii qonnaa ‘Harkaa gara Afaanii’ ta’een jiraachaa turuu himu.

“Akka nama duulaa galee ofiin hin jaju. Isa qotu waliin qoteen, isa hojjetu waliin hojjedheen gadi ofqabee maatiikoo jiraachisaa ture. Haati warraakoo ilmaan saddeet natti dhiistee na jalaa duunaan garuu wanti hundi natti ulfaate,” jedhan.

Yeroo gaddan, yeroo miirri isaan jeequ itti dhagahamu masiinqoo mana hidhaatti baran kana fudhatanii muka jala taa’anii quuqqaa isaanii masiinqoo waliin hasaasuu akka jaalatan himu.

“Utuun naggaadee ta’eellee ani harreekoo hin gurguru ittan fe’adha malee,

Utuun shugguxii ta’ee ani Haceekoo hin ajjeesu madeesseen darba malee.”

“Mataakoo moluun fixxee maal haadeen maal dhiisaree,

Quuqama Oromoo kana maal himeen maal dhiisaree,” jechuun geeraru.

Obbo Eebbaan sirba masiinqoo isaaniitiin mata dureewwan adda addaa irratti sirbuun karaa miidiyaalee hawaasummaa irratti namootatu qoodaf.

Waa’ee araaraaa, waa’ee gootota Oromoo, waa’ee lola Eertiraa waliinii fi kanneen biroo irratti geeraru.

“Laaftoof laaftoo walqara, haadhoof haadhoo walgana,

Dheengadda Roobe cabbii waaqa Gadaa Oromoo mee araara buusi rabbi” jedhu.

Obbo Eebbaan hiriyoota ijoollummaa isaanii kan waliin duulanii fi ijoollee Oromoo dirree lolaatti walbeekan kan lubbuun isaanii lolarratti darbe yeroo hedduu masiinqoo isaaniitiin maqaa waamanii geerraruuf.

Maqaa isaanii fi bakka dhaloota isaanii hunda akka yaadatanii fi tokkollee irraanfachuu akka hin dandeenyes dubbatu.

“Inni kaan Ogaadenitti kaan ammoo kaabatti warra nabiraa urgufaman. Hanga ammaa maqaasaanii hin dagadhu. Maaltummoo na irraanfachiisa. Maaltu natti toleetu isaan na irraanfachiisa. Hamman ofii dhokadhutti jarri najalaa hin dhokatani,” jedhu.

Maanguddoon kun yeroo ammaa Magaala Naqamtee keessa jiraatu. Jiruun akka itti ulfaatee fi masiinquma isaaniitiin namoota bashanansiisaa kan fedhe isaan gargaaree isumaan jiraachaa akka jiran dubbatu.

“Abbaan jaalate waa naakenna. Abbaan kaanimmoo akkanumatti kolfee nabiraa deema. Yeroodhaaf nadhageeffateetuma natti bashannanee deema. Kan nagargaaru nama muraasadha,” jedhan.

Wellistoota masiinqoo keessaa Laggasaa Abdii hedduu akka jaalataniifi Masiinqoon miira keessa ofii kan itti obsan meeshaa addaati jechuun ibsu.

“Masiinqoon kan dhiiraati. Onnee namaa bobbokoksa. Nama dhidhiitessa. Jireenyaaf waan nama kakaasuufan masiinqoo taphachuu jaaladha. Guyyaa miirrikoo jeeqamee natti dukkanaa’ee, imimmaan ija namuddu masiinqoo koo fudheen muka jala deema,” jedhan.

Maanguddoon kuni fedhii masiinqoon sirbuu guddaa waan qabaniif nama isaan gargaaru yoo argatan Masiinqoodhaan albama sirbaa baasuuf fedhii akka qabanis himu.

“Osoon nama nagargaaru argadhee albama sirbaa baaseen uummatakoo bohaarsuun barbaada,” jedhan.