Raashiyaan adda waraanatti loltoota hedduu itti gabbaruun lafa qabachuu maaf filatti?

Loltoota Yukireen

Madda suuraa, Getty Images

Waraana Yukireenitti gaggeeffamuun Raahsiyaan dahannoo Yukireen cabsuuf tooftaa waraanaa loltoota hoomadhaan adda waraanatti bobbaasuu fayyadamti. Dahannoo tokko cabsanii bakka xiqqoo ykn magaala xiqqoo qabachuuf loltoota heddu itti gabbarti.

Qondaalli waraanaa Yukireen Leetinaaant Koloneel Antoon Baayev akka jedhanitti Raashiyaan tooftaa hoomaa waraanaa adda tokkotti bobbaasun lafa qabachuu akka fayyadamtu himu.

"Hooman loltoota Raashiyaa kun yeroo tokko tokko bakka nuti irraa dhukaasnu ituma adda hin basiin jaamiffa nutti qajeelu. Kunis gareen keenya akka nuffuufi dadhabu gochuufi.

Loltoonni keenya ammoo bakka osoo gadi hin lakkisin inuma dhukaasu. Guyyaatti si’a lamaa sadi ykn afur hoomaan waraana diinaa yeroo sitti dhufu, baay’ee ulfaatadha. Inuma ajjeefna garuu du’anii hin dhuman,” jechuun Raashiyaan loltoota humnaa ol akka bobbaastu hima.

Keessumaa ji’oota lamaa as Raashiyaan naannoo Kaarkiiv jedhamutti adda waraanaa biraa banuun loltoota heddu akka gabbartu ishee taasiseera. Ji’a Caamsafi Waxabajjii keessa guyyaa guyyaan loltoonni Raashiyaa 1,200 ta’an akka du’aniifi madaa’antu himama. Raahsiyaan Erga Yukireen weerartee lakkoofsi loltoota Raashiyaa guyyaa guyyaan du’anii kun isa guddaadha.

“Kaayyon isaanii ofii du’anii nuti waraana kana akka nuffinuufi dadhabnu gochuudha,” jedha Koloneel Antoon Baayev.

Raashiyaan lakkoofsa uummataa Yukireen caala qabaachun ishee fayyadeera. Namoonni dirree waraana Yukireen irratti irbaata rasaasaa ta’an kunneen kaan namoota itti murtaa’ee mana hidhaa turaniidha.

Raahsiyaan garuu kaffaltii heddu kaffaluun namoota kana mana hidhaatii sassaabun adda waraanatti geessuu irratti milkooftetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraan ammoo Raashiyaan loltoota madaa’an adda waraanatti deebisuun itti dhimma baati. Viidiyoo tokkorratti loltoonni miidhaman, kaansaanii kiraanchidhaan deeman hospitaala deemanii yaalamuu akka barbaadan osoo kadhatanuu garuummoo ajajaansaanii didee adda waraanatti deemuu akka qaban osoo dirqisiisuu mul’atu.

Raashiyaan loltoonni heddu, kaansaanii leenjii gahaa kan hin qabne, adda waraanatti jalaa du’anis kan biraa bakka buusuf hin rakkanne. Loltoota heddu bobbaastee loltoota Yukireen dadhabsiisun adda waraanaa, keessumaa gama Baha Yukireen jiru, irratti milkooftetti.

Yukireen adda waraanaa heddutti loltoota koo hin ficcisiisu jechuun duubatti deebiteetti. Dhiyeenya qondaalli waraanaa Yukireen tokko tooftaa Raashiyaa fayyadame jedhamuun aangorraa kaafameera. Kunis loltoota heddu hanga dhumanitti loluu jechuudha.

Kaaba baha Yukireen Kaarkiivitti tooftan Raashiyaan loltoo heddu bobbaaftee loluu fayyadamtu baay’ee bu’aa hin buusnef. Gama bahaan garuu loltoota heddu guyyaan osoo jalaa du’anii suutuma suuta gara fuulduraatti siqaa jirti.

Guyyaatti lafa meetira dhibbas dhibba lamas gara fuulduraatti siqaatuma jiru loltoonni Raashiyaa.

Deeggarsi biyyoota lixaa, keessumaa kan US dafee Yukireen qaqqabuu dhiisurraa kan ka’e barri 2024 Yukireen bara gaarii akka hin taane qondaalonni warra lixaa ni dubbatu.

Dhiyeenya kana Yukireen meeshaa waraanaa US fayyadamuun daangaa Raashiyaa akka haleeltu erga US hayyamtee as Yukireen jijjiirama argaa jirti. Keessumaa karaa magaala Kaarkiviin loltoonni Raashiyaa gara jalqabaa duratti deemaa turan amma fuulduratti siquu hin dandeenye.

Kunis Yukireen misaa’eloota US fayyadamuun daangaa Raashiyaa bakka lojistikiin dhiyaatufi misaa’eloonni irraa dhukaafaman haleeluurraa kan ka’eedha.

Loltoota Yukireen

Madda suuraa, Khartia 13th Brigade of Ukraine's National Guard

Qondaalonni Yukireen tokko tokko ammoo misaa’elotta fageenya dheeraa imalan fayyadamuun daangaa Raashiyaa haleelun yeroo gabaabaf malee rakkoo bu’uuraa akka hin furre himu.

“Gara waraana gareen lachuu mo’achuu hin dandeenyetti deemaa jirra,” jedha hojjataan duraanii nageenya Yukireen Ivaan Istuupaak. Dhumarratti kuni gara “osoo hadhaa’uu qoricha liqimsuu” ykn walii galteerra gahuutti deemun akka hin oolle kaasa.

Torbee kana Muummen Ministeera Hangarii Orbaan Yukireenitti daawwannaa taasisaniin waliigalteerra gahuuf dursa waraanni dhaabbachuu akka qabu yaada kennanii ture.

Yukireen wabii nageenyaa kanneen akka miseensa NATO ta’uufi kaan yoo argatte malee ammatti callisteetuma yoo walii galte, Raashiyaan deebitee of gurmeessun weerara gaggeessuu dandeessi kan jedhu sodaa qabdi.

Vilaadmir Puutin kan isaan barbaadan Yukireen dadhabsiisanii butuchuudha. Adda waraanatti boombiwwan mancaatii heddu geessisan fayyadamaa jirti Raashiyaan. Bu’uuraalee misoomafi anniisaa Yukireenis mancaasaa jirti.

Filannoon US Sadaasa dhufu gaggeeffamus waraana Yukireen irratti dhiibbaa mataasaa qaba. Tiraamp yoo kan mo’atan ta’e deeggarsa US amma Yukireenif gochaa jirtu itti fufsiisu moo adda kutu kan jedhus gaaffidha.