Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibsi Komishinii Poolisiii Affaar haala yeroo naannichaa maaliif falmisiisaa ta'e?
Komishiniin Poolisii naannoo Affaar ibsa baaseen odeeffannoowwan tibbana fuula Feesbuukii isaa irratti maxxanfamaa jiran ergaa ykn yaada komishinichaa akka hin taane ibse.
Komishinii Poolisii naannichaa, namni Kahaaj Jami'ii Adaam Ahimed jedhamu ''lafa hojii isaanii irraa gara diinaatti makameera'' jechuun, fuulli Feesbuukii Komishiniichaas harka ogeessa ''diinatti makame'' jedhamee akka ture ibseera.
Fuula Feesbuukii Komishinii Poolisii Naannoo Affaar irratti maxxansi Adoolessa 23 bara 2025 bahen bulchiinsa Paartii Badhaadhinaa kan morman yoo tahu, naannichi ''gidduugala leenjii waraanaa qaama hidhate kamuu akka tahu hin eeyyamnus'' jedha.
Komishiniin poolisii naannoo Affaar ammoo fuulli Feesbuukii isaa waggootaaf ogeessa kanaan to'atamaa turuu ibsuun, guyyaa Kaajii Jami'ii Adam Ahimed badee jalqabee ogeessota isaan ilaallatu waliin tahuun fuula Feesbuukichaa cufsiisuuf hojjetamaa turuu ibse.
Fuulli Feesbukichaas erga cufamee booda A.L.Itti Adoolessa 16/11/2016 ''namni dhuunfaa kun deebisee banuun ergaawwan hin barbaachifne yaada dhuunfaa isaa tahan irratti tamsaasuu danda'eera,'' jedhe.
''Kunis kan agarsiisu namni kun fuula feesbuukichaa Iimeelii [Emial] dhuunfaa isaan akka banamu gochuun waggoota arfan darbaniif qophaa'aa turuu isaa hubachuun danda'ama.''
''Ammas fuulli Feesbuukii kun harkuma nama yakkaan barbaadamaa jiru Kaajii Jami'ii Adam Ahimed kan jiru yoo tahu, ergaan achirratti maxxanfamus Komishinii Poolisii naannichaa kan bakka hin buunedha,'' jedhe.
''Ergaan achirratti darbu uummata, mootummaa fi miseensota keenya akka hin burjaaajessine akeekkachiisna,'' kan jedhe komishinichi fuulduratti fuula feesbuukii nageenyi isaa eegame akka ifoomsan dhaameera.
Biiroon dhimmoota Komunikeeshinii Naannoo Affaar gamasaatiin ibsa baaseen, Fuulli Feesbuukii Komishinii Poolisii naannichaa to'annoo isaa keessa akka hin jirre ibse.
Qaama mootummaa fi uummata gidduutti ergaawwan darban akka hin gufachiifneef jecha ''ergawwan, ibsii fi maxxansi kamuu ejjennoo komishinichaa akka hin taane isin hubachiisna,'' jedhe.
Itti dabaluun nageenyaa fi olaantummaa seeraa naannoo keenyaa kabachiisuuf kan hojjetu komishinii poolisii naannichaa ergaawan maqaa yakkan dhaabsisuuf ykn gara to'annoo isaatti deebisuuf hojjechaa jirra jedhe.
Ergaan fuula Feesbuukii Komishinichaa irratti maxxanfame maal jedha?
Fuula Feesbuukii Komishinii Poolisii Affaar kana irratti Adoolessa 25 bara 2025 ergaan maxxanfame bulchiinsa Paartii badhaadhinaa kan mormu yoo tahu akka ibsa ejjennootti qabxiiwwan sadiis ibseera.
Maxxansichi gumaacha guddaa uummanni Affaar ijaarsaa fi walabummaa biyyaa keessatti qabu ibsuun eegala.
Bulchiinsa paartii Badhaadhinaa waggoota torbaaf naannicha bulchaa ture akkaan kan qeequ yoo tahu walitti bu'insa ''gosaa fi gosa'' naannicha keessatti mudateefis sababni bulchiinsa amma jiru tahuu eera.
''Bulchiinsa Walabaa Affaariif seenaa keessatti diina keenya kan tahe garee shororkeessaa Iisaaf lafa keenya kennuuf waliigalameera. Akkaasumas diina uummata Affaar kan tahee fi TPLF irraa cabee garee bahee fi Geetaachoo Raddaa fa'aan deeggaramuuf gidduugala leenjii waraanaa akka tahuuf waliigalamuus bira geenyeerra,'' jedhe maxxansichi.
Akka ibsa ejjennootti qabxiileen sadan barreessan ammoo akkas jedhu:
''Humni nageenyaa Affaar lafa Affaar Iisaaf dabarsanii kennuu hin fudhatu. lammaffaa, diina uummata Affaar kan tahan qaamni hidhate kamiyyuu lafa Affaar waraanaafs tahe shaakala waraanaaf akka itti fayyadamu hin eeyyamnu,'' jedha.
Dhuma irratti gaaffii Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf kaasaa jirtu kan eeru yoo tahu, ''uummanni Affaar dhimma kanaaf aarsaa hin barbaachisne hin kaffalu'' jedha.
Yeroo Itoophiyaan hulaa galaanaa ''karaa nagaa'' argachuuf gaafachaa jirtutti muddamni Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu akkaan dabalaa dhufeera.
Namni maxxansa kana barreesse ''diinatti galeera'' jechuun kan ibse Poolisiin Federaalaa qaama isa kamitti akka makame garuu hin eerre.
Dabalataan maxxansa kanaan akka uummanni naannichaa hin burjaajjofne gaafate. Garuu lafa Affaar qaama biraaf dabarfamee kenname jechuun maxxansa kana irratti eerame ilaalchisee waan kana dura mootummaan jedhes tahe murteesse hin dhagahamne.
Affaar naannolee Itoophiyaa galaana Diimaatti siqanii fageenya xiqqaa irratti argaman keessaa tokko.
Humnoonni Tigiraay bulchiinsa Dr TPLF morman naannicha keessa akka socho'aa jiran himama.
Humnoota Tigraay keessaa bahanii waraana ofii ijaaraa kan jiran Birgaader Janaraal G/Igzaaber Bayyanaa (Waddi Anxiruu) ''waan haaraa uumuuf'' gara gammoojjii seenuu kana dura dubbataniiru.
Janaraalichi BBC Afaan Tigriffaa waliin turtii taasisaniin waan haaraa jedhan yeroo ibsan ''humna paartiirraa adda ta'e uumuuf,'' socho'aa akka jiran dubbataniiru.
Naannolee Affaariifi Tigraay keessatti waraana kutaa waraanaa afur qabu hundeessuu isaanii kan dubbatan Janaraal G/Igzaaber Bayyana, aangawoota humnoota Tigraay waliin kan adda bahan Amajjii 15, 2017 eegalee akka ta'e himan.
Aangawooti olaanoo humnoota Tigraay Amajjii 15 walitti qabamanii bulchiinsi Obbo Getaachaw Raddaan hoogganamu yeroo balaaleeffatan mormuun ajajoota walgahii dhiisanii bahan keessaa tokko Janaraal G/Igzaaberidha.